HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
19.9K subscribers
3.55K photos
446 videos
71 files
3K links
Kaayyoon keenya bashannansiisaa,kofalchiisaa,haqawwan
..
Youtube https://youtube.com/@odesitutube?si=uWwFA0Pk5UGOCn1m subscribe gochuun bohaaraa

Guddina artii, aadaafi afaan keenyaaf gahee nurraa eegamu haa baanu.
Yaada @Dhaloota nuun gahuu dandeessu
Download Telegram
😭😭
Adaanech Kumsaa jedhamti. Hojjettuu Baankii Daldala Itoophiyaa damee Alaltuu turte. Namicha ishee a j j e e s s e bade kana waliin hariiroo jaalalaa akka qaban dubbatama. Namichi jiraataa magaalaa Finfinnee naannoo Gullallee yoo ta'u, bakka isheen hojjettuu project hojjechiisu qaba. Akkasumas, maatii kan qabu yoo ta'u, isheenis Haadha daa'ima akka taate namoonni ishee beekan nii dubbatu. Guyyaa gochi kun irratti raawwate, leenjiif magaalaa Finfinnee kan oolte yoo ta'u, namicha kana waliin Hoteela Yeroosan jedhamu irbaata nyaachuuf goranii wal dhaban. Sana booda isheenis achitti isa dhiistee baate. Innis konkolaataan bira gahee, eerga seensisee booda magaalaa keessaa baasee sa'atii 3:00'tti shugguxiin a j j e e s e. konkolaataas achumatti dhiisee yeroof miliqee barbaadamaa jira.
Haftee reeffa bineensaan nyaatame kana walitti qabuun qorannoodhaaf Hospitaala Phaawuloos erga geeffameen booda maatiin fudhatanii awwaaluus himan.
Via BBC

Waaqni lubbuu isheef,
boqonnaa haa kennu.

@baacoowwan
😢7❤5🥰1
Namni Tokko Gara Barii Walqunnamtii Saalaa Yoo Raawwate:
- Ulfaatina Kiilogiraama 1.5 haga 3 hirri'isa.
- Xiyyeeffannaa hojii guyyaa saniif qabu dhaba.
- Guyyaa san guutuu kaka'uumsa dhaba.
- Dhukkubbii maashaa fii dugdaatif saaxilamuu danda'a.
- Yaaddoo, gaddaafii miira of jibbuutu itti dhagayamaa oola.
- Carraa Infeekshinii Ujummoo Fincaanii fii dhukkubbii cidhaanitiif saaxilamuu ol kaasa.
* Walumaagalatti Walqunnamtii saalaa gara barii raawwatuun miidhaa qaamaa, miidhaa sammuu, miidhaa miiratii fii miidhaa hawaasummatiif nama saaxiluun jireenyarratti dhiibbaa fiduu danda'a.
Hub: Kun dhiirotarratti malee dubartootaf immoo faallaa kanaati.

Dr Hamzaa


@baacoowwan
❤9
_____ gaararra deemti.
Anonymous Quiz
23%
Gaarrarraan
5%
Gararan
60%
Gaararraan
11%
Gararraan
👍15❤3
❤8😁5
#Baacoo
#Akkamittiin?
Guyyaa tokko Barsiisaan Herregaa tokko daree keessatti utuu barsiisaa jiruu, barattoota gaffii tokko gaafate.
“Re’oota kudhan (10) irraa tokko (1) yoo hir’isan meeqatu hafa?” jedhee gaafate.
Barataan warra isaaf horii fi Re’oota tiksu tokko harka baasee “ homtuu hin hafan”jedhee deebise.
Barsiisichis, “akkamitti?” jedhee gaafate. Baratichis deebisee, Yaa barsiisaa ani amala Re’oota keenyaa nan beeka, yoo tokkoon ishee deemte hundi isaanii wal biraa hin hafan” jedheen jedhama.

Na ofkolchaa

@baacoowwan
👏13😁6❤3
#kana_dhageessanii?

🗣Daayinooseres lafarra jiraachaa yeroo ture irraa kaasee hanga ammaatti pilaanetii keenyarra jiraachaa kan jiru bineensa guddicha (Shark)🐋🐋 ykn Qurxummii guddicha qofadha.


#kanan_dubbiserraa

@baacoowwan
👍4❤1
#QOOSAAF! 😃
Guyyaa tokko abbaa fi mucaan harka wal qabatani manaa ba'u. Abbaan mucaa isaa bashanansiisuuf gara hoteelaa fuudhee deeme. Utuu nyaatani dhugani keessummeessituun tokko jaarsa ilaaltee dhiisuu didnaan ofitti waame.

Isheedhaaf illee dhugaatiin akka dhufuuf ajaje. Keessummeessituttiin itti siqtee taa'uuf daa'ima sodaatteetti. Garuu baay'ee hawwiti turte. Abbaan mucaas irratti baree mucaa isaatiin "asuma taa'i daafnee dhufnaa nuti ittiin" jedheeni intala harka qabatee sokke. Mucaaniis akkuma abbaan isaa ittiin jedhe utuu bakkichaa hin ka'in yeroo dheeraa ture.

Abbaan koo maal hojjechaa jira laata yoona jechaa mil'uuf taa'umsa isaa irraa qurub jedhee bu'e. Suuta jedhee utuu deemu kutaa ciisicha namaa keessa barbaachuu eegale. Utuu hin argiin wardiiyyaan itti dhufee "mucaa maal barbaadaa jirtaa?" Jedhee gaafate.

Mucaanis akka irratti hin baramneef "meerre manni fincaani? eessa? "jedhee gaafaate. Waardiyyaanis "kuunno isa sanaadha dhaqi! "jedheen. Mucaanis achi yommuu ga'u namatu keessaa kurruufa. Suuta jedhee yoommuu ilaalu abbaa isaaf muyyacayyoo nama keessuummeessitu sanadha.

Mucaan erga addaan baafate booda deebi'ee baakkuma isaa taa'e. Abbaan isaa dhufnaan "ka'i in gallaa ittiin!" jedhaan. Mucaanillee akkuma mana ga'een fiigaa harmee isaa jala lixee waan abbaan isaa gochaafii oolee tokko lamaan itti himuu eegale.

Gidduutti "ka'i bishaan harkaa buusii irbaanni haa nyaatamuu mee oduu kee dhiisiti!" ittiin jette. "Kana duwwaa seete moo? mucaa durbaa tokkofaa taanee wajjiin dhugaa turreehoo!" jedheeni.

Harmee:- Gurri kaate dhaabatte. Achii boodaa hoo jettee gaafatte.
Mucaa:- Wal fudhatanii sokkan.

Harmee :- Achii boodaa hoo maal argitee saree koo jetteen.

Mucaa :- Mana fincaanii yeroon deemuu lama ta'anii keessa dhaabatu.

Harmee :- Maal hojjetu achi keessaa utuu isaan maal hojjetanii argitee?

Mucaa :- Isuma ati waardiyyaa keenya wajjiin gootu dha wanti haaraan hin jiru jettee bokkoo lachuu isaanii dhooste.😀

#NB: QOOSAAFI.🙄

YOO SITTI TOLE SHARE GODHI


@baacoowwan
❤28😁7
#Geerarsa_oromoo!

Birbirsa mootii mukaa
Riqaa malee hinyaabani;
Birboo mootii galaanaa
Daakaan malee hince’ani;
Abbaan ofii mootii dha
Harmeen ofis giiftii dha
Mirga malee hinwaamani.

Kanaafuun boobee tume
Kanaafan booye du’e.
Qumxaa machallaa godhe
Balasiin abbaa godhee
Waanuman yaade godhee

Hodhemoo… nan barreesse?
Tolchemoo… nan balleese?
Abbaa koo yaa abbaa koo
Wayyaa kee kuula Maruu
Natu kuula marsiise
Maqaa kee duulli haabaru
Natu duula barsiise.

Ishoooooooooooo

Qoteen baase maqaa kee
Akka guuboo dinnichaa
Hordeen dhaabe maqaa kee
Akka muka birbirsaa.
Abba koo ani jedhu kuni
Sooressa guutuu miti
Hiyyeessa duutuus miti
Gamna itti himatan miti
Raatuu ifatan miti
Hin qotata maasi isaa
Hingorfata maatiisaa
Hingodhata maayiisaa;

Jaarsa dallaan waleensuu
Isa didaa qajeelchu
Yaa isa kan coome qalu
Isa kan doofeef faluu.
Yoo ajjeesan mucaa ta’u
Mucaa kurkuraa ta’u;
Hundatu nama dhungata.
Yoo dhaban budaa ta’u
Budaa furgummaa ta’u;
Hundatu nama tuffata.

Ameessa maalan godhaa?
Yeennaa borillee gu’e;
Si’achi maalfaan godhaa?
Yeennaan borillee du’e.
Moosisnaan korma ta’e
Tumamnaan qotiyyoo ta’e
Gurgurraan dhibba bite
Gunfureen dhimma fixe.
Si’achi maalan yaadaree?
Bajjii qotachuu malee
Qalbii horachuu malee
Goodarree dhaabuu malee.
Dhoobamee taa’u malee
Dhoobee dibachuu malee
Ulee qaldhoo qabachuu
Biyya abbaa koo taphachu.

Gojjolaa nyaatteettaaree?
Yoo foon taskaaraa malee
Gujii agarteettaaree?
Gabaa Jimaataa malee
Boora agarteettaaree?
Sangaa magaala malee
Dhiiga agarteettaaree?
Dhiqaa fagaaraa malee!


Ishoooooooooooo


Akkam taanee akkas taane?
Akkamiin akkas taane?
Goommanaaf raafuu taane
Dhala abbaa raatuu taane
Hunduu nutti xaphatte
Muka nuugii taane kaa;
Hunduu nu bobeeffatte
Dhala luujii taane kaa
Hunduu nu odeeffattee


Ishoooooooooooo

Akkam taanee akkas taanee?
Moofa uffattuu taane
Doofa of gattuu taane
Fayyaa dhukubsatu taane
Beekaa wallaalaa taane
Otoo qabnuu deegaa taane
Akkam goonee taanuree?
Kam goorree jalaa baanuree?
Inni Abbaan koo guddise
Kaballaan na kuffise.....

@baacoowwan
❤22😁3👎1
#Wantoota #muraasa dhiirarraa tasumaa hin bareedne...


1.Yeroo haasa'u "Getan" jedhee kakachuu
2. Surree dhiphisee 'ziippii' galchee uffachuu
3. Yeroo deemu humnaa ol ariifatee deemuu (Maal horii 'nagaddamoo' bro😃... Ilmi dhiiraa qaxxisaama yoo deemte gaariidha )

4. Dhiira akkasaa shamarranitti hamachuu
(Akkas goota taanaan ifatami bro) yoo daandirratti durba arge lakkafuu...😐
5.Yeroo shamarran argu dhiira akka nama sammuu tuqamee godhatu (Akka oftuuluu...akka of jajuu... akka miilla walirra naqachuu....akka wayii...Kallaabbaan Kun😃)

6. Yeroo buna dhugu sukkaara sinii walakkaa godhee dhuguu....( Maal bro maal siif godha...bunamoo sukkaara dhugda?)
7.Gurra urachuu (Gooftaankoo si haa ifatu bro...araadummaan gurra urataniif miti...bushtaam😃)
8. Dhiira gaafa shamarran isa diddu mooraalii ishee tuquuf arrabsoo hin taaneen arrabsu ( Akkas hin godhiin bro...darbii barbaaddadhu Addunyaa kanarra shamarran Biliyoona 4.5 oltu jira😃)
9. Dhiira church deemee achi keessatti FB,message fi bilbila haasa'u ( Kaaffee maalii seete bro?..)

🥴😅

@baacoowwan
❤12👍2
Dubbiilee Hayyoota Addunyaa

Kutaa 1ffaa

▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬

1. "Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu, kanneen itti fayyadaman beektota qofa. "
— (Thomas Takias)

2. "Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i!"
— (Jecha warra Ingilizii)

3. "Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama."
— (Wiiliyaam Sheekispir)

4. "Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha."
— (Maaksim Troobey)

5. "Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu."
— (William Shekispir)

6. "Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru."
— (Jecha warra Morookoo)

7. "Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha."
— (Jecha warra Arabaa)

8. "Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha."
— (Jecha warra Chaayinaa)



@baacoowwan
❤15👍6🥰2
Jechoota hayyuu addunyaa

Kutaa 2ffaa

9. "Daandii bakka yaadde si geessitu utuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin!"
— (Jecha warra Ingilizii)

10. "Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha. Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwu immoo nama ogeessadha."
— (Jecha warra Aayilaandii)

11. "Namni dogoggora isaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti."
— (Maataammaa Gaandii)

12. "Nama tokko dogoggora isaa irraa deebisuun hojii guddaadha."
— (Abrahan Liinkan)

13. "Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu."
— (Abraham Liinkan)

14. "Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane, wanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna."
— (Rey Liiman Wiilber)

15. "Gammachuu fi shittoon walfakkaatu. Utuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu."
— (Maaliif Waaltoo Imarsan)

16. "Maallaqni:
√ Nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu!
√ Qoricha malee fayyaa hin bitu!
√ Hordoftoota malee hiriyaa hin bitu!
√ Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu."
— (Heenriik Ibsan)


@baacoowwan
👍13❤10🥰2
Sooressi tokko affeerraa qopheessee namoota hedduu affeere.
Sooressichi gidduutti "dorgommiin qaba" jedhee beeksise. Maammoon miseensa dhaabichaa ture.

Sooressi sunis "Dorgommiin jiru bishaan daakamu kana keessa naachi jiraachuu isaati. Namni kormi kana keessa darbee lubbuun ba'e hawwiin 3 akka isaaf kennamu waadaa nan gala" jedhe.

Jalqaba irratti namni fedhii qabu sun ni bade.

Garuu gidduutti Maamoon akka tasaa utaalee seenee dafee dambalii jalqabe.

Utuu homaa tokko isa hin tuqiin lubbuun nagaan bahe.

Namichi sooressi Maammootti dhiyaatee "Baga gammadde Maammoo! Wantoonni sadan barbaaddu maali?"

Maammoon uffata isaa micciiraa, "qawwee, rasaasa, eenyummaa nama na darbate baruun barbaada!" Homaa hin dubbanne!
😁😁😛😛😂😂


@baacoowwan
❤11😁5🥰1👏1
Kana dhageessanii?

👉 Gaaziin Nitris Oksaayid jedhamu takkaa yoo suunfanne jaalannee otoo hin taane dirqamnee, gammadnee otoo hin taane akkasumaan akka kolfinu nu taasisa.

Keemikaalli kun "gaazii kofalchiisaa" jedhamee waamama.

@baacoowwan
😁9❤6
Kan mirkanaa'edha.

App kanaan maallaqa hojjechuun ni danda'ama.

Jalqaba download otoo hin godhiin playstoore keessa seenuun play protect kan jedhu off godhaa, yoo gochuu baattan sin rakkisuu danda'a.

instantly:0482882 https://jollycash.co?inviteCode=0482882&channelCode=h3UFVM

2.sign up yeroo gootan qabxii 5000 argattu referal code yoo galchitan 1000 siniif dabala.
3.task gaaffii deebisuu game taphachuun kan walitti qabattan kan 5$ yoo ta'e karaa binance, bitget fi kkf baafachuu dandeessu.

Referal code 0482882

Kan cuqaasuun galchuu

Gaaffii yoo qabaattan coment godhaa.
0482882 https://jollycash.co?inviteCode=0482882&channelCode=h3UFVM


@baacoowwan
👍5❤2
HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
Photo
Namichi kun David Baerten jedhama, lammii biyya Belgium.

Firoonni isaa isa gatan. Hiriyyoonni isaa iyyaafachuu didan. Hawaasa keessa jiraatu gidduutti dagatame. Ijoollee isaa waliin qofaatti gatame. Nama isa iyyaafatu dhabuun, waamichaafi cidha naannoo keessatti geggeefamu irratti affeeramuu hanqachuun...walumaa galatti nama jiruu isaaf dhimmamu of biraa dhabuun baay'ee isa aarse.

Kanaaf murtoo wayii murteesse. Akka waan du'eetti qindeessee miira namaa ilaaluu! Utuun jiruu fira dhabe, mee sobee du'een firan argadhun ilaala jedhe. Waa'ee du'a isaa intalli isaa social media irratti akka maxxansitu taasise.

"Nagaan boqodhu abbaa koo! Tasumaa waa'ee kee yaaduu hin dhaabu. Jiruun biyya lafaa hamtuudha. Maaliif garuu maaliif yeroo kanatti na biraa godaante? Da'ee akaakayyuu si gochuufan qophaa'aa ture bar! Baay'een si jaalladha, si hin dagadhu" jettee maxxansite. Guyyaafi bakka awwaalaas beeksifte.

Uummanni lafarratti hin hafne. Xiqqaafi guddaan yaa'ee boohichaan iji diimate. Awwaala isaaf maal si gargaarru jedhanii intala isaa busy godhan. Guyyaan awwaalchaa yommuu ga'u, hunduu uffata gurraacha uffatee bakka jedhametti argame. Konkolaataa reeffa baatee dhufu utuu eeganii helicopter tokko dhuftee qubatte. Namichi helicopter keessaa bu'ee uummata nagaa gaafate. Uummanni achitti walga'e naasuudhaan dubbiin bitaa itti gale. "Jaalala isin naaf qabdan ilaaluufan akkas godhe. Maal ta'a jaalala kana utuun lubbuudhaan jiruu yoo natti agarsiiftan? Maal ta'a fayyaa kootti akkasuma yoo naaf dhimmamtan? Jiraa koo dagattanii du'aa koo yaadattuu?..." jedheen.

Jiraatti wal haa jaallannu, jiraatti waliif haa birmannu!

Nagaan bulaa.

Via Lataa Qana'ii
@baacoowwan
❤11👍1💯1
#Kana_dhageessanii?

✍Qorannooleen tokko tokko akka addeessanitti namootni 𝟑𝟓% ta'an waan xiqqaa liqeeffatanii dafanii kan deebisan gara fuul duraatti maallaqa hedduu liqeeffachuuf yaadanii amanamummaa argachuufi ykn liqeessaarraa haala mijeeffachaa jiru 😁 nuun jedha.

𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄
@baacoowwan
😁10❤6👏3
#Dhiirota_Qofaaf...💋
Chiikonni hin dubbisiina🚫

➾Shamarree fokkottuu hin fuudhin manatti galuu si yaaddeessitii !
➾Shamarree bareedduu hin fuudhin mana ba'uu si yaaddeessitii !
➾Shamarree dheertuu hin fuudhin osoo ati hin dulloomin si dura dulloomtii !
➾Shamarree gabaabduu hin fuudhin hunduu ijoollee se'ee si biratti itti qoosaa( lakkafaa) !
➾Shamarree gurraattii hin fuudhin gaafa hirriibaa kaate fuula keessa ilaaltu guyyaan hunduu dukkanaa sitti fakkataa!

➾Shamarree diimtuu hin fuudhin rakkoo hin dandeessuu qarshii kee mana yaalatti fixxaa !
➾Shamarree qal'oo hin fuudhin nyaata ishee dadhabdaa !
➾Shamarree furdoo hin fuudhin osoo mana keessa gangalattuu agabuu si oolchitii !
➾Shamarree jajartuu hin fuudhin nama keessatti si qaanessitii !
➾Shamarree suuta jettuu hin fuudhin osoo qaqqabattuu mana keessa si oolchitii !
Ena "kan akkamiin fuudharee?" jettee
...............😎
Nagaan oola


@baacoowwan
😁17❤12😐1
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
Akka Amantaa Ortodoksii Tewaahidootti, dubartiin tokko erga deessee booda yeroo muraasaaf tsooma cabsuu / nyaata tsoomaa hin taane nyaachuun eeyyamama—kunis seera amantaa diiguu osoo hin taane araaraa fi eegumsa fayyaa irratti hundaa’a.
Sababoota ijoo:
Dadhabbina fi fayyaa
Erga deessee booda dubartiin dhiiga hedduu dhaba, humna ishee gadi bu’a.
Tsoomni cimaa ta’e yeroo kana fayyaa ishee miidhuu danda’a.
Haanqina daa’imman harma hoosisuu
Dubartiin harma hoosisu nyaata gahaa yoo hin arganne, – humni ishee ni laaffata
– harma daa’imaa illee ni miidha
Kanaaf mana kiristaanaa biratti, lubbuun namaa seera caalaa guddaa dha jedhamee ilaalama.
Seera Kiristaanaa (Qanoonaa)
Qanoonota Mana Kiristaanaa keessatti:
“Namni dadhabaa, dhukkubsataa, dubartiin deesse, daa’ima harma hoosisuu jiru – tsooma guutuu irratti hin dirqisiifamu.”
Tsoomni nama fayyaa qabuuf akka ta’u barsiisa.
Yeroo qulqullinaaf kennamu
Amantaa Ortodoksiitti:
Ilma dhiiraa deessee → guyyaa 40
Ilma dubartii deessee → guyyaa 80
Yeroo kana keessatti dubartiin:
of eeggannoo fayyaa gooti
tsooma cimaa irraa boqoti
erga humna argattee booda gara tsoomaa deebiti
Ijootti:
👉 Dubartiin erga deessee booda tsooma cabsuun cubbuu miti
👉 Araaraa, fayyaa fi jaalala seera Kiristaanaa keessatti dursa argatu
👉 Humna ishee fi daa’ima ishee eeguuf eeyyamni kenname

@Walaloo430
❤11😁4
#Rakkoo_keessa_jirra 😎

⭕️ Yoo qabeenya horatte
"Jawwee manaa qaba"

⭕️ Yoo rifeensa guddiste
ogeessa rifeensa manaa qaba"

⭕️ Yoo isheen IPhone qabatte
"Qaama ishee gurgurteeti"

⭕️ Yoo inni Iphone qabate
"Dubartoota biyya Arabaa saameeti"

⭕️ Yoo fuute ykn heerumte
"Isaaf hin taatu/isheef hin ta'u"

⭕️ Yoo dhalchite ammoo
"Daa'imni isa hin fakkaatu"

Waan ta' e dhukkubsanneerra 🤣


@baacoowwan
👍15❤10