HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
19.9K subscribers
3.55K photos
446 videos
71 files
3K links
Kaayyoon keenya bashannansiisaa,kofalchiisaa,haqawwan
..
Youtube https://youtube.com/@odesitutube?si=uWwFA0Pk5UGOCn1m subscribe gochuun bohaaraa

Guddina artii, aadaafi afaan keenyaaf gahee nurraa eegamu haa baanu.
Yaada @Dhaloota nuun gahuu dandeessu
Download Telegram
#Kana_Beektuu_laata?
***

1.Gosti midhaanii dursee beekame atara.

2.Kibba chaayinatti shaayii mi'eessuuf sukkaara osoo hin taane soogidda fayyadama.

3.halluun #Coca_cola magariisa yoo tahu erga keemikaalli itti dabalameen booda gurraacha'a.

4.Jaarman keessatti sareen hundi taargaa(lakkoofsa gabatee) qabdi.

5.Addunyaa irraa biyyi mana poostaa baay'ee qabdu hindiidha.

6.Maallaqni kan tolfamu waraqaa osoo hin taane jirbii fi naayiloonii irraayyu.

7.Waraana addunyaa 2ffaa irratti biyyoota 52tu hirmaate.

8.Rifeensi namaa bona caala waqtii gannaa daddafee guddata.

9.Giriikonni jecha dimookiraasii jedhu waggaa 2500 dura fayyadamuu jalqaban.Ta'uus Biyyoota dimookiraasii dhabuun rakkatan keessaa Giriikiin ishee tokko.

10.Dubartoonni Gibtsii durii umrii isaanii tokko jedhanii kan lakkoowwatan gaafa heerumanii ka'aniiti.

11.Namoota lootoriin baheef ulfaatinni isaanii sa'aatii 24 keessatti dabala.

12.Dooniin Faardinaand Maajelaan ittiin lafatti naanna'e #Viktooriyaa jedhamti.

13.Addunyaa irraa guyyaatti namoota 259,200tu du'a.

14.Namni makiinaa uffataa uume,uffata dhabee du'e.

15.Daadhiin wayiinii xiqqeessanii yoo dhugan dhukkuba onnee fi ujummoo dhiigaa ni ittisa.

16.Namoonni hedduun kan du'an naannawaa guyyaa dhaloota isaaniiti.

17.Xiyyaarri Booyingii 787 yeroo jalqabaaf kan balali'uu eegale 7/8/2007 ykn 7/8/07ture.

18.Jechi ingiliffaa #set jedhu hiikaw 463 ol qaba.

19.Mootummoonni Ameerikaa harka namaatti ajjeefaman hundi guyyaa jimaataa ajjeefaman.

20.qorattoonni xiinsammuu akka jedhanitti namni yeroo sobu fuula gara bitaatti naanneessa ykn gara samii ilaala.

Maddi: Ye Ewuket Mahder volume 1

@baacoowwan
❤22👎2🤝2
#kana_beektuu_laata?

#Yeroo_Jalqabaaf:
*******
1.Bilbila kan kalaqe=Aleeksaandar Giraam Beel

2.Ampuulii kan kalaqe =Toomaas Edisoon

3.Raadiyoonii kan kalaqe =Maarkoonii

4.Xiyyaara kan tolche=Obbooleyyaan Raayit(olviil fi wiilbar)

5.Qoricha peenisiliinii kan argate=Aleeksandar Fileeming

6.Raajii(X-ray) kan argate=wiliyaam Roontigan

7.Teleeskoppii kan kalaqe=Galiiliyoo Galiilee

8.Teleevizyinii kan kalaqe=Joon loogee Biyaard

9.koompitara kan uume=chaarlees Baabibaagee

10.Eelektirii kan argate=Mikaa'eel Faradaayi

12.Isteetoskoppii kan uume =Reenee laayinkaa

13.Teermoomeetirii= Galiiliyoo Galiilee

14.Firiijii kan kalaqe =kaarl shoolindaa

15.Konkolaataa kan uume= =Heenarii Foord

16.Biskiliitii kan uume =Macmillan

17.Dokdokkee(Motorcycle) kan uume =Hoondaa(Honda)

Maddi:Facebook Obbo Saayintistii


@baacoowwan
❤21👍4
#Walaloo zalaalam Abarraa
*****
"Akkamittiin caalii
akkamittiin gurbaa
Na dhagahuu diddaa?
"Caalii sanyii guddaa
Caalii sanyii dhiiraa
Kan dur lammiin kee ajjessee
Dibaatee, tufee hin arrabnee
Gafaarsaan gaditti sawwaatti lakkaa'ee
Har'a yeroo argatee
raadiyoon si waadee
Qaww*een si akaaye
Hammam lammii keetiin waligaltee diddee mana guumaa lixxaa?
Ilma haa.....jedheetu
Afaan koot yaa hafu
kan shan ta'ee dhufuu" jedhe
*****

@baacoowwan
❤40👏4🤝1
Jechoota ajaa'ibsiisoo Robert Mugabe

"1. Afrikaa keessatti seerri namootni hundi
kabajan "battery low" kan jedhu qofa.

2. Dubartootni hundi hanga qorichi HIV AIDS
argamutti wal qunnamtii saala (sex) hin hojjennu jedhanii, osoo didaniiru ta'ee Dhiirotni qoricha isaa guyyaa 30 keessatti argatu ture.

3. Aadamii fi Hawwaan osoo akka Ummata
Chaayinaa ta'anii, Silaa yoona Jaannatuma keessa jirra. Sababni isaas mukicha hin nyaatinaa jedhamaan sana dhiisanii, boficha nyaatu ture.

4. Ati Jaalallee tokkoo ol qabda yoo ta'e, Sikeessa kan jiru jaalala osoo hin taane, "Memory card" dha.

5. Dubartoonni tokko tokko waan jiimi (gym)
hojjatan fakkaatu. Garuu mana jiimii (gym) balbala isaayyuu hin beekan. Ta'us Dhiira tokko biraa gara dhiira kan birootti fiiguuf, jechaa kan bocni qaama isaanii bareedu.

6. Osoo Haadha manaa qabduu barattoota kee
faana jiraachuun sitti tola yoo ta'ee, haadha
manaa keetiif Yuuniformii barataa bitiif.

7. Seexanni iyyuu "gay" hin qabu ture. Sababni
isaa Aadamii fi Hawwaan qullaa jiran waan filateef.

8. Ati miidhagduu miti taanan, ani miidhagduu miti jedhi. Miidhagina keessaa kan jettu dhiisi. Nuti X-ray dhaan Ilaala hin deemnu.

9. Waaqayyoo qorataa cimaadha. Cinaacha Dhiira bitaa keessaa lafee tokko fuudhe sagalee guddistu (loud speaker) hojjete.

10. Addunyaan kun Biyya keenya Afrikaa kana nu miitee jirti.
a. Faranjiin tokko osoo gara Afrikaa dhufee daawwata (tourist) jedhanii simatu.

b. Afrikaan tokko osoo gara Awuroppaa deeme, Godaantota seeraan alaa jedhu.
c. Warri Afrikaa gara alaa yeroo dhaqan hojjattoota faranjootaa ta'u faranjoonni yeroo gara Afrikaa dhufanis, isaanuma hojjachiisatu. Kanaafuu Afrikaan Addunyaa kana irraa haqa
qabdi".

11." Hanga wayaa Adii wayaa Gurraacha duraa miicuu dhiisnutti, hangaa Konkoolataa Adii
irrati Gommaa Gurraacha hidhuu dhiifnutti, ilaalchi Sanyummaa hin badu".
-


@baacoowwan
❤10👍5
Sirraa fagaachuun koo
Kophaa jiraachuun koo
_
Jibba keef seetaaree
Jaalalaafi barii
An qofa gammadee
gadda keen seeqaaree
Michuu gaafa marii
_
Si waliin turuurra
Halaala filadhee
Akkan sin dhabneefan
Kana hunda simadhe

Dhugaadha jooruun koo
Jaalala kee daguu seetaa
Waatu na mudannan malee
Guddinni koo bakkee keessaa
_
Na jalaa miidhamtaa
Jedheen siif sodaadhee
Utuun si jaaladhu
Dirqamee fagaadhee
_
Utuu atin miidhamin
Anis fayyaan turee
Nan dhufaa na eegii
Rakkoo hunda furee !

Namuu fayyaa hin dhabin

Gurmesa Regasa


@baacoowwan
❤12
#Dhugaawwan_dinqisiisoo
**DGUBB****
1.Raachi bishaan kan dhugdu afaaniin osoo hin taane gogaadhan.

2.Hilleenti kormaan; illeentii dhaltuun kan isaa akka taate ibsuuf fincaan isaa irratti fincaa'uun beeksisa.

3.Arrabni saatawwaa halluu cuquliisa qaba

4.Akka addunyaatti guyyaatti namoonni 2700 ofiin of ajjeesu

5.Namni tokko waggaatti abjuu 1460 ol abjoota.

6.Daa'imummaa hanga manguddummaatti qaamni keenya hin guddanne ija

7.Namoonni warri harka mirgaa warra harka bitaa caala uumrii dheeraa jiraatu.

8.Harka Bitaa tahanii dhalachuun dubartoota caala dhiirotatti baay'ata.

9.Dhiironni sammuu gara bitaatiin dhaggeeffatu,dubartoonni immoo kutaa sammuu gara mirgaatiin.Kanaaf dubartoonni si'a tokkotti Raadiyoo,televeezyinii fi nama biroo dhaggeeffachuu danda'u.

10.Namoota kamuu caala dandeetti foolii fuudhuu kan qaban ijoollee waggaa 10ti

11.Sa'aatii tokkoof Earphone gurratti yoo keewwanne hammi baakteeriyaa gurra keessaa harka 700n dabala.
12.Namoota dhukkuba onnee qaban dhukkubni isaanii guyyaa wiixataa itti cima

13.Garaachaa fi mar'iman namaa qofa keessa baakteeriyaa kiiloogiraam tokko tahutu jira.

14.Namni tokko guyyoota 365 keessaa guyyoota 122 hirribaan dabarsa.

15.Namni yeroo du'uu qaamoleen miiraa hojii dhaaban wal duraa duubaan Gogaa=>Ija=>gurra=>funyaan=>arraba



@baacoowwan
❤11👏2
1.Bilbila kan uume Aleeksaandar Giraambell yoo tahu,haati isaa fi haati manaa isaa gurraan hin dhagahan.

2.Jechi yeroo jalqabaaf bilbilaan haasa’ame’Watson,please come here, I want you’’ kan jedhu ture.

3.Jechi yeroo jalqabaaf Teleegiraafiidhaan dubbatame immoo’’ what has got wrought’’ kan jedhu ture.

4.Yeroo baay’ee balaan konkolaataa kan mudatu guyyaa sambata duraati.ji’oota 12n keessaa immoo ji'a adoolessaati.

5.Ofiin of ajjeesuun kan baay’atu guyyaa wiixataati.

6.Ameen kan jedhu kiristaanota,musliimotaa fi AYudoota biratti hiikuma walfakkaatu qaba.

7.sirbi yeroo jalqabaaf shaklaa irratti waraabame ‘’ marry had a little lamp’’ jedha ture.

8.Pireezedaantiin Ameerikaa jalqabaa Joorjii Waashingtoon ture.

9.Seekondiin biliyoonni 1 waggaa 32,seekondiin miliyoonni 32 immoo waggaa 1.

10.Maqasii kan uume namuma moonalizaa bareechee kaase liyoonaardoo daavinchi

11.Ameerikaa keessatti qamadii caala tambootu oomishama.

12.Namni yeroo jalqabaaf hawaa abuure yuuriiigaagaarii yoo tahu,daqiiqaa 98.34 samiirra ture.

13.Mootummoonni Ameerikaa harka namaatti ajjeefaman hundi guyyaa jimaataa ajjeefaman.

14.Simbirri halkanii bakka jiraattu irraa yommuu gad baatu gara bitaatti gorti.

15.Akka addynyaatti saamichi baankii kan raawwatu guyyaa jimaataati.CBE n illee yeroo darbee guyyaa jimaataa saamame.

@baacoowwan
❤21👍7
#Jechoota_Hayyootaa
*******
1.Maqaa diinota kee fi hojii isaan si irratti hojjetan hin irraanfatin.Balleessaa isaaniif garuu dhiifama godhi.” Joon F Keenedii.–
2.“Addunyaa kana irraa wanti baay’ee nama gaddisiisu, utuu ija qabanii mul’ata dhabuudha.” Heelen kiiler.-
3.“Carraatti cimseen amana, yoon jabaadhee hojjedhe immoo carraawwan hedduu akkam argadhus nan amana.” Toomaas jeefersen.
4.Cabbii caalaa yoo addaattees, urjii caalaa yoo calaqqiftees,aduu caalas yoo ifte ceephoo namaa jalaa bahuu hin dandeessu.(William Sheekisper)

5.Gammachuu fi shittoon walfakkaatu.Osuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu.(Maaliif Waaltoo Imarsan)

6.Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mul’achuu hin danda’u.(Konfiishiyees)

7.Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa.Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha.(Kanan Frederik Furar)

8.Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan osuu hin taane,yommuu kufanis tattaaffii gochuudhaan ni madaalama.(Oliver Gold Smiz)

9. Irra deddeebi’anii yaaluun salphina miti.Carraa gaarii ta’uusaatu ittiin safarama.(Joorjii maatiyaas)

10.Haala si mudatu waliin jireenya kee walfudhachiisuuf yaalii godhi malee ‘akkan barbaadu ta’uu qaba’ hin jedhiin.(Abraham Liinkan)

11.Otuu of hin gargaariin eenyumaaniyyuu gargaaruu hin dandeessu.(Gris Mori)

12. Galaanni yeroo hundumaa waan yaa’uuf Namni tokko yeroo lama cehuu hin danda’u.(Hirik Litas)

13. Balaa namatti dhufe injifachuuf tarkaanfiin jalqabaa waanta raawwate galataan fudhachuudha.Rakkoo si mudate akkuma jirutti fudhachuuf eeyyamamaa ta’i.(William James)

14.Jireenya keessatti waanti nuti akka karooraatti qabannu waanta lamatu jira.Inni jalqabaa waanta barbaannu argachuu yoo ta’u,Inni lammaffaan immoo waanta argannetti gammaduudha.Namoonni karoora isa lammaffaatti gammadan garuu beektota qofa.

15.Beekumsi uumama keessa jiru akka galaanaa baay'ata.Kan nuti beeknu garuu amma copha bishaaniiti. Isaaq Niwutoon

16.Ani kanin beeku,homaa iyyuu beekuu dhabuu kooti.Wiliyaam sheekispeeri

17.Wanti lama jalqabaa fi dhuma hin qabu.Innis wallaalummaa namaa fi hawaa(samii) kana.Isa lammaffaa kana illeen sirritti hin beeku.Albeert Anastaayiin

18."Jireenyi akka biskileetii oofuu ti. Balansiin (madaala) kee eeggachuuf imaluu qabda.Albeert Anastaayiin

19.Hiyyummaan hiyyummaa caalu hiyyummaa sammuuti (Sooqiraxas) Hanga lubbuun jirtu waan gaarii hojjedhu (Abrahaam liinkan)

20.Beekkumsi qabeenya uumamaa si jalaa hatamuu hin dandeenyedha.Albert Einstein

21.Beekaa jedhamuuf barumsa keessa darbuu osoo hintaanee barmusi si keessa darbuu qaba. (Abrahaam liinkan)

22.Bareedinni sammuudhaa umrii wajjiin dabalaa yoo deemu kan bifaa immoo hirachaa deema (Jon “F” keneediin)

23.Sammuun qullaa taa’urra kiisiin qullaa taa’uu wayya (Sheekispiir)

24.Manni kitaabni keessa hin jirre akka mana fooddaa hin qabneetti lakkaawama (Acheebee)

25.Duuti jiraachuu kan beektuu yeroo nama jaalattu si jalaa
fudhatuudha (Emii disaataa)

26.Namarra yaaduuf yaali garuu namarra beekadha
ofiin hin jedhin (Wiiliyaam jamsi)

27“Muka ija qabdutti dhagaan darbatamu itti baay’ata.” Shiiv keeraa.-

28.Hin danda’amu kan jedhamu wanta hin hojjetamne qofadha.” N. Maandellaa.-

29.“Namni Kamillee miilla dhoqqeedhaan Sammuu koo irra akka ejjetu hin eeyyamu.” M.Gaandii“-

Credit Saayintistii

@baacoowwan
❤13👍4👏2👎1
#kutaa12ffaa

Qophiin Xumurameera: Qorumsi Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Boru Ni Eegala!

Qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2018 boru irraa eegalee wiirtuuwwan qormaataa 607 keessatti barattoota kuma 560 ol ta'aniif kennamuu akka jalqabu Tajaajilli Madaallii Batnootaa fi Qormaataa beeksise.

Qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2018 boru Waxabajjii 23 irraa eegalee hanga Adooleessa 16, 2018tti wiirtuuwwan 607 keessatti marsaa ja'aan (6) akka kennamu Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa beeksiseera.

Qabxiilee ijoo qormaata kanaa:

- Baay'ina Qoramtootaa: Waliigala barattoota 563,501 (Saayinsii Uumamaa 306,456 fi Saayinsii Hawaasaa 257,045) tu qormaata kana fudhata.
- Gosa Qormaataa: Toora interneetiin (Online) marsaa 6n kan kennamu yoo ta'u; waraqaan kan qoraman barattoonni Saayinsii Uumamaa Adooleessa 1-3, kanneen Saayinsii Hawaasaa immoo Adooleessa 6-8, 2018tti ni qoramu.
❤3
HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
#kutaa12ffaa Qophiin Xumurameera: Qorumsi Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa Boru Ni Eegala! Qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2018 boru irraa eegalee wiirtuuwwan qormaataa 607 keessatti barattoota kuma 560 ol ta'aniif kennamuu akka jalqabu Tajaajilli…
Wantoota Qabachuun Eyyamaman: Kaardii Seensaa (Admission Card), Waraqaa Eenyummaa, Iskiribtoo fi waraqaa duwwaa qofa.
- Wantoota Dhoorkaman: Bilbila, Sa'aatii Ismaartii, Bluetooth, Laaptooppii fi meeshaalee elektirooniksii kamiyyuu qabatanii seenuun dhorkaadha.

Good luck

@baacoowwan
❤3
#Dhugaawwan_dinqisiisoo
**DGUBB****
1.Raachi bishaan kan dhugdu afaaniin osoo hin taane gogaadhan.

2.Hilleenti kormaan; illeentii dhaltuun kan isaa akka taate ibsuuf fincaan isaa irratti fincaa'uun beeksisa.

3.Arrabni saatawwaa halluu cuquliisa qaba

4.Akka addunyaatti guyyaatti namoonni 2700 ofiin of ajjeesu

5.Namni tokko waggaatti abjuu 1460 ol abjoota.

6.Daa'imummaa hanga manguddummaatti qaamni keenya hin guddanne ija

7.Namoonni warri harka mirgaa warra harka bitaa caala uumrii dheeraa jiraatu.

8.Harka Bitaa tahanii dhalachuun dubartoota caala dhiirotatti baay'ata.

9.Dhiironni sammuu gara bitaatiin dhaggeeffatu,dubartoonni immoo kutaa sammuu gara mirgaatiin.Kanaaf dubartoonni si'a tokkotti Raadiyoo,televeezyinii fi nama biroo dhaggeeffachuu danda'u.

10.Namoota kamuu caala dandeetti foolii fuudhuu kan qaban ijoollee waggaa 10ti

11.Sa'aatii tokkoof Earphone gurratti yoo keewwanne hammi baakteeriyaa gurra keessaa harka 700n dabala.
12.Namoota dhukkuba onnee qaban dhukkubni isaanii guyyaa wiixataa itti cima

13.Garaachaa fi mar'iman namaa qofa keessa baakteeriyaa kiiloogiraam tokko tahutu jira.

14.Namni tokko guyyoota 365 keessaa guyyoota 122 hirribaan dabarsa.

15.Namni yeroo du'uu qaamoleen miiraa hojii dhaaban wal duraa duubaan Gogaa=>Ija=>gurra=>funyaan=>arraba

Maddi:Obboo Saayintistii

@baacoowwan
❤10👍7
Fedhiin namaa hin beekamu #ihi'i

Annie jedhamti. Maanguddoo waggaa 99 lammii Netherland Kan taate kun, umurii ishee guutuu waan tokko hawwiti ture. Innis ‘hidhamuu’ ture. Garuu yakka hojjettee hidhamuu hin barbaanne. Akkasumatti hidhamtee miira mana hidhaa keessa jiru baruu feeteti.
Mucaan maanguddoon kanaas, fedhii Harmee ishee guutuuf, yaada kana poolisiif qoodde. Poolisiinis mucaashee waliin ta'uun ya kkamtuu kana cancalaan harka h idhanii konkolaataa keessa kaahanii mana hidhaa sa'atii muraasaaf tursanii hawwii ishee yeroo dheeraa guutaniifi. Isheenis, miira gammachuun achi keessaa baatee, poolisoota fedhii ishee guutaniif galateeffatte galte. Mee namoonni akkasheetti hi dhamuu barbaaddan.🚶

@baacoowwan
❤7😁6😢2
#Dubbistaa_laata!? 😃😕
Waliin dubbii 🤕👇
#Haadha_manaa_koo:- Rifeensa koo cireen gabaabsuu barbaada!😏
#Ana:- Tole ciradhu 🙄
#Haadha_manaa_koo:- Garuu bar yoon takka ofirra cire naaf deebi'uuf yeroo dheeraa fudhataam.😏
#Ana:- Dhiisi hin ciriin.🙄
#Haadha_manaakoo:- Garuu bar amma rifeensa gababaasuun fashinii ta'ee jiram.
🤕
#Ana:- Tole ciradhu.🤨
#Haadha_manaa_koo:- Garuu ergaan ciradhee yoo fashinni itti darbee hoo?😒
#Ana:- Dhiisi hin ciriin.🥺
#Haadha_manaa_koo:- Garuu hiriyoonni koo hedduun rifeensa gabaabaatu sirraa bareeda naan jecha jiruyyuu.🫤
#Ana:- Tole ciradhu.😌

#Haadha_manaa_koo:- Garuu yeroon taa'ee itti yaadu boca fuula kootii waliin waan deemu natti hin fakkaatuum.😏
#Ana:- Dhiisi hin ciriin.😔
#Haadha_manaa_koo:- Garuu bar sirritti kunuunsuuf rifeensi gabaabaan baay'ee mijataadham.😑

#Ana:- Tole ciradhu.🙄
#Haadha_manaa_koo:- Garuu bar ani rifeensa irratti abaaboo suuqachuufaan jaaladha.🫤
#Ana:- Dhiisi hin ciriinii.😒
#Haadha_manaa_koo:- Garuu osoo al_takka yaale natti tola.😠
#Ana:- Tole ciradhu.☹️
#Haadha_Manaa_koo:- Garuu yoo fokkisee na fakkisiise hoo?🤔
#Ana:- Dhiisi hin ciriinii.😕
.
.
Yeroo amma kanallee mana fin°caaniifi abjuu keessaa taa'een #Ciradhu_dhiisi_Hin_Cirinii.... #Ciradhu_dhiisi_Hin_Cirin jechaati jira. 😎😒😄 😏 😄

🙊 Sin haa Oolchu boo 🤨😉

@baacoowwan
❤7😁5🔥2
Forwarded from Walaloof baacoowwan 😁
Arrabni keenya baay'ee
Waan dubbatu osoo qabuu
Garaa keenya beelessaa
Of bulchinee hagabuu
~~~~
Miira keenya to'annee
Boruudhaaf bulfanneeti
Osoo beeknuu callisuun
Hundumaa tuffanneeti!
~~~~
Miira keenya dhokfannee
Aarrus dhoksaatti boonyee
Xiqqaaf guddaa dandeenyee
Aarsaa meeqaan as geenye

~~~
Wanti nuun hin madaalle
Yoo nuuf kennamu gatiin
Gaaf tokko darba jennee
Osoo abdii hin kutatiin
~~~
Akka abaluu osoon jenne
Kaayyoo keenyaaf cichinee
Waan qabnuun gabaa bahaa
Moofaa keenya miiccinee
~~~~
Gaaf tokko seenaa goonee
Wanta darbe haasofna
Waaqayyos nu gargaaree
Jabinasaa nuuf kenna
~~~

Bishaan gabatee taanee
Oliif gadi hin raafamnu
Waaqayyo nuuf eebbisnaan
Nu gaha waanti qabnu
~~~~

Asiif achi osoon gorre
Kaayyoo keenya yaadachaa
Uumaanis nu gargaaree
Ni buufna bu'aa dachaa
~~~

Waaqayyo galatasaa
Fayyaa guutuu nuuf laate
Biiftuun kaleessa lixxe
Har'a nuuf bahuuf kaate
~~~
Jibba namaa hin qabnu
Warra abdiin jiraatu
Hiree gooftaan nuuf kaa'e
Eenyullee fuudheen nyaatu

@Walaloo430
@Walaloo430
@Walaloo430
❤12👍1
Qabxiin Qormaata Kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa Ifa Ta'eera - Haala Itti Ilaallattan!

Biiroon Barnootaa Oromiyaa bu'aa qormaata biyyaalessaa kutaa 8ffaa ifatti kan gadi dhiise yoo ta'u, barattoonni fi maatiin karaa sarara intarneetiin qabxii isaanii ilaallachuu ni danda'u. Qabxii keessan haala salphaa ta'een ilaallachuuf, jalqaba irratti weebsaaytii ofiishaalaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa oromia.ministry.et jedhu banaa.

Weebsaaytichi erga isiniif banamee booda, filannoo "Check My Result" jedhu tuqaa. Itti aansuun, bakka "Registration Number" jedhutti lakkoofsa galmee (Admission Number) qormaata irratti fayyadamtan kan galchitan yoo ta'u, bakka "First Name" jedhuttis maqaa keessan kan jalqabaa qofa galchuudhaan bu'aa keessan salphaatti ilaaluu dandeessu.

Yeroo ammaa kana barattoonni fi maatiin baay'een yeroo wal-fakkaataatti qabxii isaanii ilaaluuf intarneetii irratti waan dhiibbaa uumaa jiraniif, weebsaaytichi yeroof biizii ta'uu isaatiin dhiphachuu danda'a. Kanaaf obsumaan irra deddeebiin yaalaa
@baacoowwan
❤9👍1
😍#Waggaa 10 guutuu abbaa #manaa shee eegde😢

Dubartii Kilaaraa jedhamtu tokkotu ture. Abbaan manaashee markaba oofa. Guyyaa tokko hojiif manaa ba'ee utuu markaba oofuu qilleensi jabaan bishaan irratti ka'ee dha'aan galaanaa fudhatee bade. Asi hin deebi'in hafe.

Haati manaasaa Kilaaraan akkuma guyyaa kaanii yeroon gala jettee eegdi turte. Hata'u malee faannisaa hin jiru. Dubartiin kun garuu abdii kutuu hin dandeenye. Qara eegdi turte.

Dubartiin kun galgala galgala yeroo hundumaa faanosii qabsiistee fiixee gaaraa irra dhaabdi turte. Kanas waggaa kudhaaniif utuu addaan hin kutin walitti fuftee goote. Hata'u malee ammayyuu ammayyuu achi buuteen abbaa manaashee hin beekamne.

Waggaa 10 booda galgala tokko namni daandiin jalaa badee rakkatu tokko fagootti, fiixee gaaraa irratti ifa xiqqoo tokko arge. Ifa sana faana dha'ee adeemees. Akkuma ifa sana bira ga'eenis namoita waliin wal arguu danda'e. Ifti xiqqoon fagootti iftee nama daandii irraa bade kana gara daandiitti deebise faanosii Kilaaraa ture.

Namtichi kun gara dubartii kanaa deemee, daandii irraa badee akka tureefi ifasheen qabsiisteen gara daandiitti akka deebi'e itti hime. Abbaan manaakee dhuguma deebi'ee gala jettee eegdaawoo maaliif ifsaa sana waggaa hamma kanaaf utuu addaan hin citin qabsiiste jedhee gaafate.

Dubartiin sun, lakkii abbaa manaakootu gala jedheen miti. Namni bishaan fudhatee bade deebi'ee hin galu. Ani garuu nama akka abbaa manaakoo daandiirraa kaateef ifa ta'ee gara daandiitti deebisuufan kana godha jetteen.

Seenaa baay'ee ajaayibaa fi ergaa guddaa dabarsuu dha. Mee isin seenaa kana irraa maal barattan?
Madda: #Mihiratu Shaanqoo


@baacoowwan
❤16👍1
❤1
Marsaa 1ffaa qabadhee isiniif dhufeen jira carraa keessan yaalaa milkii gaariin isiniif hawwa.
Amma jalqabneerra koottaa yaala.
Lakkoofsa qabadhaa
Kaffaltiin kan raawwatamu
Cbe : 1000187685218
Telebirr :-0919500707
Namni isin bilbilee qarshii ergaa jedhus hin jiru waan ta'eef hattoota irraa of Eeggadhaa!!!!
Hubaachiisaa:- Bilbillikoo isa group kana irraa jiru qofadha waan taa'eef kan biratin yoo isiinif bilbilamee of Eeggadhaa 👌👌👌👌👌👌👌👌👌
1,
2,
3,
4,
5,
6,
7,
8,
9,
10,
11,
12,
13,
14,
15,
16,
17,
18,
19,●0929507148
20,
21,
22,
23,
24,
25,
26,
27,
28,
29,
30,
31,●+251941827282✅
32,
33,●+251954013121✅
34,
35,
36,
37,
38,
39,0937766739✅✅
40,
41,
42,
43,
44,
45,
46,
47,
48,
49,
50,
51,
52,
53,
54,0934544945✅✅
55,
56,
57,
58,
59,
60,
61,
62,
63,
64,
65,
66,
67,
68,
69,
70,
71,
72,●0935786692✅✅
73,
74,
75,
76,
77,●0935786692✅✅
78,
79,
80,
81,
82,
83,
84,
85,
86,
87,
89,
90,
91,
92,
93,
94,,●+251917080028✅✅
95
96,
97,
98,
99,
100,
👍4❤1
Carraa keessan yaala
❤1👍1
Kabajamtoota mamiltootakoo warrii lakkoofsa qabacha jirtan kafaltti keessaan asumaan nuuf erga deema akka dafnee dafnee siniif qabnutti