Oromo - Positive
14.8K subscribers
17 photos
1 video
1 file
3 links
We give you the best positive quote and life advice's every single day. Stay with us and benefit alot.
Download Telegram
#BE_POSITIVE

Sammuun poozatiiviin jireenya poozatiifii argamsiisa.
Sammuun negetiiviin immoo jireenya negetiivii fida. Yaadni poozatiiviin yeroo hundumaa amantii fi abdiidhaan guutamaadha. Yaadni negetiiviin immoo yeroo hundumaa sodaa fi shakkiidhaan kan guutameedha.

@Oromo_Positive
πŸ‘3
"Biyya lafaa kana irratti eenyumattillee baay'iftee hin hirkatin, GAADDIDDUUN kee illee yeroo dukkana keessa jirtu si dhiisa!"

@Oromo_Positive
❀6πŸ‘2
Norman Vincent Peale namoota addunyaa kanaa baay'ee kitaabota isaatiin jijjiireera. Anis kitaaba isaa irra deddeebi'ee utuun dubbisee hin quufu. Jecha kanaa gadii kitaaba isaa 'Why Some Positive Thinkers Get Powerful Results' jedhu keessaan isin affeere.

Akkana jedha.

"Wayita jireenya kee keessatti rakkoon si mudatu yeroo mara jecha kana fayyadami. 'Burruusi daawwitii ni caccabsa; sibiila garuu ni batteessa!'. Kanaaf, atis keessa kee yaadaa fi ilaalcha gaariidhaan yoo guutte rakkooleen jireenya kee keessatti si mudatan kamiiyyuu si cabsuu hin danda'an. Yaadonni badaan ammoo akka daawwitii waan si laaffisaniif rakkoo salphaaniyyuu si cabsuu danda'a.

Ilaalchi kee guyyaa gaarii guyyaa badaa akkuma sitti fakkeessuu danda'u, guyyaa badaas guyyaa gaarii sitti fakkeessuu danda'a."

"Kiisiin duwwaan namiyyuu duubatti qabuu hin danda'u, sammuu duwwaa fi onnee qullaa qofatu kana gochuu danda'a" πŸ‘ˆ Jechama isaa keessaa tokko dha.

Ilaalcha gaarii qabaadhaa! πŸ™

@Oromo_Positive
πŸ‘7❀1
Your future
In your hands

πŸ‘‰ Fuuldurri kee
Harka kee keessa jira.
πŸ‘‰ Guyyaan dhufu isa har'aa irra
NI CAALA.

" Jijjiiruufis Jijjiiramuufis Jijjiirama barbaachisa ".

@Oromo_Positive
πŸ‘8❀1
πŸ‘‰ "Namni kan si jibbuuf sababa ati isa irraa adda taateefi dha.
πŸ‘‰ Garuu haala jireenya isaanii akka kan keetii Gochuuf Hawwii qabu."
β€”[Kevin Hart]

Share ♻️ Join ♻️ Share
〽️Nama Addaa Ta'i!〽️
@Oromo_Positive
πŸ‘Ž7
Yaada Gaarii Yaadi! Positively Yaadi!

Addunyaan ilaalcha yookiin yaada kee keessa jira; Yaadni kee dhugaa lafa kanarra jiru jijjiiruu yoo baatellee dhiibbaa jireenya kee irratti fidu ni hir’isa;  Guyyaa fokkisaadha jechuurra guyyaa bareedaadha jedhi; Itoophiyaa keessa jiraachuun na hin barbaachisu jechuurra, rakkoon amma jiru hundi ni darba, Itoophiyaan biyya mijataa taati jedhi! Hojii hin argadhu jechuurra, hojii hin dhabu jedhi; Jireenya koo jijjiiruu hin danda'u jechuurra, jireenyi koo guyyaa guyyaan fooyya'aa jira jedhi! Na amani yaada gaarii yaaduu yoo dhiifte, jireenyi kee ni hammaata, kanaaf yaada gaarii qabaadhu!

♻️Share♻️

@Oromo_Positive
πŸ‘5❀1
Time is Precious !!
Don't waste it !!

Join ♻️ Share

@Oromo_Positive
πŸ‘3
"DHIIFAMA Gochuun Balbala NAGAA Banachuudha!"

"FORGIVENESS Opens the Door to PEACE!"

Join ♻️  Share

@Oromo_Positive
πŸ‘6❀5
"Harka kee irraa nyaatee guddatee, deebi'ee kan si nyaatu WAAQNI si haa oolchu!!!"

"May GOD save you from eating from your hands and growing up, and eating you back again!!!"

Join ♻️  Share

@Oromo_Positive
πŸ₯°13😁3❀2
Jijjiiramni Maaliif Barbaachisee ??

βž₯ Jiraachudhaaf rakkinaa fi gadadoo keessa jiru keessaa bahuudhaaf Jijjiramni barbaachisaadha.
Akkasumas yaadannoo badaa/gaarii hin taane kaleessa keessa turre keessaa bahuudhaf barbaachisaa dha.

Yeroo tokko tokko waan keessa jirru keessaa waan baanu nutti hin fakkaatu. Abdii kutannaa cimaa keessa galla. Namnis Waaqnis nu hin baasu jennee amana. Garuu ammayyuu Abdiin jira

● Waaqayyo carraa biraa siif kenna. Risaan waggaa 50 itti murtii lubbuu oolchuu fi jireenya hambisu erga murteessee nuti maaliif dadhabne??

● Daandii haaraa fi jireenya haaraa fuuldura kee jiru yoo barbaadde ofitti amanamummaa booddeetti si harkise jalaa bahi Waaqayyo si gargaara.

● Sammuu kee sirriitti bani akka Risaa/Joobiraa balali'uu dandeessa. Yeroo bokkaan roobu simbirroon hunduu godoo isaanitti gaggalu Risaan garuu bantii Waaqatti ol bahee bokkaa roobu gararraa balali'a.

● Rakkoon bokkaa jiru hundumaaf tokko haa tahu malee ilaalchi nuti wantoota itti ilaallee furmaata kenninutu adda adda beekaa.

● Jijjirama hin sodaatin jaalalaan fudhadhu!

Gaaffii:
βž₯ Akka Risaa balali'uu barbaaddaa ol kaatee??

"Yeroo sadiin barnoota koo koollejjii kufe, Yeroo 30 ol beeksisa hojii ba'e qacarriif iyyannoo galchadhee hundaa kufe, Yeroo dhaabbanni KFC jedhamu biyya Chaayinaa dhufe namoota 24 hojiif dorgoman keessaa kan otoo hin qacaramin kophaatti hafe ana qofaadha, Humna waraanaa chaayinaatti poolisii ta'ee qacaramuuf namoota 5 dorgomne keessaa ana qofa
fudhachuu didan. Yuunibarsiitii Harvaardiitti deebi'ee seenudhaaf yeroo 10 ol iyyata galfadhee yeroo 10 na fudhachuu didan".

Jack Maan Hundeessaa fi Abbaa qabeenyaa Marsariitii/Websaayitii beekamaa Chaayinaa www.alibaba.com yoo tahu akka barruun Forbees jedhutti dureessa beekamaa Addunyaa kanaa 22ffaadha qabeenyi isaa doolaara biliyoona 28.8 ture bara 2015ti.

Ijoon dubbii seenaa kanaa:
 βž¨ "Abdii hin kutatin carraa fuuldura kee jiruuf of qopheessi, Kufaatiin gulantaa milkaa'ina kee itti aanu waan taheef jabaadhu! Kufaatiin cimina sammuu keessanii hin ibsu karaa itti wantootni ittiin siif hojjechuu didan barta.

➨ Toomaas Ediisan namichi ibsaa elektiriikii uume yeroo 99 milkaa'uu dadhabe garuu yeroo gaafatamu ani hin kufne karaa ittin elektiriikiin ifu hin dandeenye 99 bare malee jedhe.

➨ Atihoo Abdii kutannaa keessaa baatee of jijjiruuf qophoofteettaa?? Jabaadhu Waaqayyo si gargaara.


 Join ♻️  Share

@Oromo_Positive
πŸ‘14
"Gammaduudhaaf sababiileen babbareedoo hedduutu jiru!"

Join ♻️  Share

@Oromo_Positive
❀7
"Let your faith be bigger than your fears."

"Amantiin kee sodaa kee irra caalee haa argamu!"

Join ♻️  Share

@Oromo_Positive
❀2
"Your days are better when you focus on your blessings more than your problems."

"Guyyaan kee caalatti kan bareedu yeroo rakkoo kee caalaa eebba kee irratti xiyyeeffattedha."

Join ♻️  Share

@Oromo_Positive
❀9
"Namoonni kan guddatan yoo wantoota ciccimoo irra aanuu danda'aniidha. Of eeguun gaariidha, garuu namni dirqama wanta ofii isaatii barachuu qabutu jira"

"A person grows up when he’s able to overcome hardships. Protection is important, but there are some things that a person must learn on his own."

- Jiraiya

Join ♻️  Share

@Oromo_Positive
❀2πŸ‘1
Miirota Afran Kanarraa Of Eeggadhu!
1. Gaafa Ol Kaatee Fiixee Milkaa'innaatti Ol Baate, Boona Qalbii Irraa Of Eeggadhu. Boonni Namoota Sadarkaa Milkii Keetirra Hin Gahin Akka Ija Tuffiitiin Ilaaltu Si Taasisa. Sun Immoo Si Cabsa.
2. Yeroo Bakka Gad-aanaarra jirtu Hadheeffattee alaanaluu irraa of eegadhu. Waa hadheessanii, dukkaneessanii ilaaluun, akka miirri hinaaffaa si seenuu fi sababbiin milkaa'ina dhabuu keetii akka nama biroo ta'etti akka yaaddu si taasisa. Kun ammoo humna kee maaxara.
3. Daandii guddinnaarra yemmuu deemtu bolola ufirraa eegi. Hin haxanin! Hin xoophin! Bololli akka obsa dhabdu, akka hannatti seentuu fi akka karaa qaxxaamuraatiin guddatuu barbaaduu keessatti nama biroo miitu si taasisa.
4. Yeroo jireenya kee keessatti gadi bu'uu fi kufaatiin si mudate Abdii kutachuu irraa of eeggadhu. Abdii kutachuun akka wanni martuu asumarratti dhaabbata. Kun hiree jiruu kiyyaati jettee akka yaaddu si taasisa. Gonkumaa abdii hin kutin.
~ Nelson Mandela.
Dubbisuu keessaniif galatooma πŸ™πŸŒΉ

Join ♻️  Share

@Oromo_Positive
πŸ‘21❀6
The Atomic Habits ~ Nama James Clear jedhamutu bara 2018 barreesse.

Jireenya kee keessatti jijjiirama guddaa fiduu yoo barbaadde, si’a tokkoon jijjiiruudhaaf jecha hin dhama’in. Galma bira gahuu barbaaddu sana adda baafadhu, achi gahuuf waan guyyaa guyyaadhaan raawwachuu qabdu adda baafadhu, isarrattis hojjadhu jetti.

Hedduun keenya guyyuma tokkotti waan hedduu geeddaruu feena, sun tahuu dhabuun immoo hamilee nu miidha. Kanaaf, waan guddaa barbaannu dhugoomsuuf waan xixiqqaa achi nu geessurratti haa xiyyeeffannuu.

Join ♻️  Share

@Oromo_Positive
❀10πŸ‘5πŸ₯°1
When you can't control what is happening, control the way you respond to what is happening, that is where your power is.



Yommuu waan ta'aa jiru to'achuu dadhabde, akkaataa itti waan ta'aa jiruuf deebii kennitu to'adhu, humni kee achi jira.

Join ♻️  Share

@Oromo_Positive
πŸ‘9❀2
"Avoiding certain people to protect your emotional health is not a weakness,... It's wisdom."



"Fayyaa miira kee eeguuf namoota murtaa'an irraa fagaachuun dadhabina miti,... Ogummaadha."

Join ♻️  Share

@Oromo_Positive
❀17πŸ‘2πŸ‘1
"Your thoughts about it can hurt you or help you. Stay positive."



"Yaadni ati waa'ee wantootaaf qabdu si miidhuu yookiin si gargaaruu danda'a. Pozaatiivii ta'i."

Join ♻️  Share

@Oromo_Positive
πŸ‘15❀4
Waan gootu tokko filannoo mataakeetiin gota,Garuu erga filattee gochaa Sana eegalteen booda waan sanatu sirratti mo'ee si to'ata.
Fakkeenyaaf:-Fiilmii nama gaddisiisu ykn nama gammachiisu ilaaluuf Kan murteessu si'idha,erga fiilmii sana ilaaluu eegalteen booda garuu fiilmii sanatu si murteessa jechuudha....kana jechuun miirakee hunda to'atee gara waa'eesaa yaaduufi isa hordofuutti si deebisaa jechuudha.
~Akkasumalleen jireenya siif ta'uufi hajii/dalagaa siif ta'u murteessuu kan danda'u si'ii waan ta'eef murteessitee utuu to'annaa waan sanaa jala hin galiin filannookee sirreessi.

βž› ʀᴇᴀᴅᴇʀ Ιͺs ΚŸα΄‡α΄€α΄…α΄‡Κ€! α΄„Κœα΄€Ι΄Ι΄α΄‡ΚŸ ᴋᴇᴇssα΄€Ι΄ xΙͺΙ΄-sα΄€α΄α΄α΄œα΄œ α΄€α΄‹α΄‹α΄€ ΙͺΚ€Κ€α΄€α΄€ Κ™α΄€Κ€α΄€α΄„Κœα΄€α΄€ ᴊΙͺΚ€α΄›α΄€Ι΄ Κœα΄α΄α΄€α΄€ sΚœα΄€α΄‹α΄‹ΙͺΙͺ ʜΙͺΙ΄ Η«α΄€Κ™Ι΄α΄œ.

@Oromo_Positive
@Oromo_Positive
πŸ‘28❀5πŸ”₯1