Ijoollee Ifaa
690 subscribers
47 photos
1 video
5 files
53 links
Guyyaan gooftaa immoo akka #hattuun dhuftutti in dhufa;

2 Pheexroos 3:10

Utuu Kiristoos amma dhufee'oo? Qophoofteettaa?๐Ÿ˜ฎ

Nu Qunnamuuf @IjoolleeIfaa_bot fayyadamaa!

Garee Ijoollee Ifaa ยฉ 2018 E.C
Download Telegram
Guyyaa 9

Joorteettaa ta'aa? dadhabdee yeroo dhuftu kan si boqochiisu, kan si simatu ni barbaaddaa? Yeroo hiikaan jireenyaa si jalaa badu kan ol si kaasee karaatti si deebisu, tiksee si sooru si barbaachisa. Jireenya keessatti waan baayyeen sitti dukkanaa'a, kaanimmoo dafee si harkaa dhuma. Madda yoomiyyuu hin dhumne irraa tiksee jireenya kee bara baraan sooru argachuu ni barbaaddaa?

Gaaffii ati qabdu kamiyyuu siif deebisuuf as jirra.

#Yesus_nama_hundumaa_ni_jaallata

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads

Waldaa Amantoota Guutuu wangeelaa Itiyoophiyaa
Website | Youtube |Facebook | Telegram | Instagram |LinkedIn | Twitter | Pinterest | Whatsapp | Tiktok
Guyyaa 10

Sababii yakkaa fi cubbuukee irraa kan ka'e Waaqayyoo irraa fagaattee turte, har'a garuu Waaqayyo waamicha guddaa siif qopheesseera. Hammam yoo yaalteyyuu ofii keetiin garbummaa cubbuu jalaa bilisa of baasuu hin dandeessu, kanaafis har'a carraan siif kennameera. Waaqayyo dhiiga ilma isaatiin cubbuu kee irraa si qulleessuuf 'Kottu yaa mucaa ko' siin jedhee si waama.

"Kottaa mee walii wajjin dhugaa in baafnaa cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin diimesse iyyuu, akka cabbii in addaattu; diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu, akka jirbii iddamaa adii in taatu. "

Macaafa Isaayaas Raajichaa 1:18

#Yesus_nama_hundumaa_ni_jaallata
#tesfa #hope #abdii

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads

Waldaa Amantoota Guutuu wangeelaa Itiyoophiyaa
Website | Youtube |Facebook | Telegram | Instagram |LinkedIn | Twitter | Pinterest | Whatsapp | Tiktok
Tokkummaa duraan isa waliin qabna turretti deebi'uuf, saba maqaa isaatti waamamu ta'uuf guyyaan isaa har'a. Haala rakkisaa kam keessayyuu yoo jiraatte jaalalli waaqayyoo akka ati qalbii jijjiirrattuufi gara mootummaa isaatti deebitudha. Sababni isaa immoo waaqayyo waaqa araaraati, gaarummaan isaas baayyeedha.

Waaqa obsaan akka ati gara isaatti deebitu si eegu kanaaf har'a deebii maalii kennita?
Kottu obboleessa/ttii koo! Waaqa araara qabeessa kanaan yaadatamteetta.

โ€œ Waaqayyo , Waaqayyo Waaqa gara laafessaa fi arjaa, kan dafee hin aarre, kan jaalallii fi amanamummaan isaa guddaa"

Seera Baสผuu 34:6


#Yesus_nama_hundumaa_ni_jaallata
#tesfa #hope #abdii

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads

Waldaa Amantoota Guutuu wangeelaa Itiyoophiyaa
Website | Youtube |Facebook | Telegram | Instagram |LinkedIn | Twitter | Pinterest | Whatsapp | Tiktok
Cubbuu kee fi yakka kee kan siif dhiisu kan akka waaqayyoo eenyutu jira? Eenyuyyuu hin jiru! Gara laafummaan isaa hamma hin qabu, araara gochuus ni jaallata. Dheekkamsi isaas bara baraan miti. Waaqni araarri eenyummaa isaa ta'e kun cubbuu kee siif dhiisee araara siif gochuuf si waama.

"Yaa Waaqayyo, kan akka kee cubbuu namaaf dhiisu eenyu ree Ati dhuunfaa kee kan ta'an keessaa warra hafaniif balleessaa isaanii irra in darbitaaf; ati gaarummaatti in gammadda malee, dheekkamsa keessa hin ooltu. "

Macaafa Miikiyaas Raajichaa 7:18
#Yesus_nama_hundumaa_ni_jaallata
#tesfa #hope #abdii

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads

Waldaa Amantoota Guutuu wangeelaa Itiyoophiyaa
Website | Youtube |Facebook | Telegram | Instagram |LinkedIn | Twitter | Pinterest | Whatsapp | Tiktok
Cubbuukee yoo fuula isaatti himatte Waaqayyo jal'ina hundumaa irraa si qulleessa. Sababni isaas Kiristoos Yesus duraan dursee gatii adabbiikee waan kaffaleefi. Waaqayyo cubbuukee fi balleessaa kee sirraa qulleessee ofiitti si araarsuuf, jaalala isaa wajjinis akka ati walii galtuu akkasumas jal'ina irraa si fayyisuuf balbala araara isaa banee si eega. Har'a cubbuufi jal'ina dhiistee, gara isa bilisa si baasuu danda'uu dhufuu ni barbaaddaa? si gargaaruuf as jirra.

Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.

1 Yohaannis 1:9

#Yesus_nama_hundumaa_ni_jaallata
#tesfa #hope #abdii

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads

Waldaa Amantoota Guutuu wangeelaa Itiyoophiyaa
Website | Youtube |Facebook | Telegram | Instagram |LinkedIn | Twitter | Pinterest | Whatsapp | Tiktok
Nagaan siniif haa ta'u!

Haala amma biyyi keenya irra jirtu akkasumas wantoota biyya keenya keessati ta'an baayyee taa'ee ilaalee yeroon yaadu jireenya hafuuraa keenya irratti miidhaa guddaa fideera. Kallattii garaa garaatiin wantoonni mul'atan keessuma karaa siyaasaatiin sanyummaa fi jibbi jiru jireenya hafuuraa keenya baayyeema miidhaa jira. Jireenya hafuuraa irra darbee namummaa(Humanity) keenya dhabaa waan jirru natti fakkaata. Dhugumaan waaqayyoof jiraachuu danda'uun keenya, Kiristoosiin fakkaachuun keenya haalota akkasii keessatti mul'ata. Yeroo wanti hunduu nagaa, yeroo haalonni mijataa ta'an waaqayyoofin jiraadha, waaqayyoon nan jaalladha jechuun salphaadha. Haalota rakkisoo akkasii keessatti garuu sirriitti qoramnee ilaalmna. Akkuma Kiristoos utuu miidhamuu, utuu isaan isa fannisanii 'Waan godhan hin beekanii isaaniif dhiisi' jedhe, nutis sanatu nurraa eegama. Kallattii kamiiniyyuu nama jibbuu fi jal'ina dhala namaa irratti raawwatamu deeggeruun fuula waaqayyoo duratti fudhatama hin qabu.

Phaawuloos ergaa isaa warra Filiphisiyuusiif barreesse keessatti waa'ee sanyii isaa, waa'ee ofii isaa dubbatee, xumura irratti garuu akkas jedhe:

'Amma garuu Kiristoosiif jedhee, wanta bu'aa anaaf qaba ture hundumaa akka waan gatameetti lakkaa'eera...'

Wanti nuti har'a ittiin boonnu, eenyummaa nuti har'a ittiin of jajnu kun fuula waaqayyoo duratti gatii addaa akkanni hin qabne sirriitti hubachuun barbaachisaadha. Waaqayyo yeroo gara addunyaa keenyaa gadi ilaalu namatu itti mul'ata malee Oromoo, Amara ykn Tigree miti. Kanaafiyyuu yaa obboloota koo jaalala dhugaa isa Kiristoos nu barsiise sanaan nama hundumaa jaallachuu akka dandeenyu waaqayyo akka nu gargaaru fuula waaqayyoo duratti haa kadhannu. Nagaa biyyaa keenyaafis haa kadhannu, wanti namaaf hin danda'amne waaqayyoof salphaadha.

'...Ani jiraataa dha! Namni jal'aan karaa isaatii akka deebi'uu fi akka jiraatu malee, ani du'a nama jal'aatti hin gammadu...jedha Waaqayyo gooftaan...'

Macaafa Hisqi'el Raajichaa 33:11

Eebbifamaa!

@IjoolleeIfaa316
@IjoolleeIfaa316
Guyyaa 14

Har'a waaqayyo abbaakee akka siif ta'uufi maatii waaqayyootti dabalamuu ni barbaaddaa? Deebiinkee eeyyee akka ta'u hin shakku. Cubbuu fi yakki kee maatii waaqayyoo akka ati hin taane si gochuu hin qabu, sababni isaa Waaqayyo karaa Yesus Kiristoos haal duree tokko malee waan si jaallateef, gatii cubbuu keetii kaffalee akka ati maatii isaatti dabalamtu afeerraa siif dhiyeessa. Kanaafiyyuu akka nama gatiin homaa itti hin kaffalamnee utuu hin ta'iin, maatii kankoo jettu, kan itti hin qaanofne akkasumas jaalalaa fi boqonnaa bara baraa kan keessatti argattu kanatti dabalamuu hin barbaadduu?

Kanaafuu isin siสผachi saba Waaqaa wajjin lammii fi miseensota warra mana Waaqaa jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti

Efesoon 2:19


#Yesus_nama_hundumaa_ni_jaallata
#tesfa #hope #abdii

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads

Waldaa Amantoota Guutuu wangeelaa Itiyoophiyaa
Website | Youtube |Facebook | Telegram | Instagram |LinkedIn | Twitter | Pinterest | Whatsapp | Tiktok
Ijoollee Ifaa pinned ยซNagaan siniif haa ta'u! Haala amma biyyi keenya irra jirtu akkasumas wantoota biyya keenya keessati ta'an baayyee taa'ee ilaalee yeroon yaadu jireenya hafuuraa keenya irratti miidhaa guddaa fideera. Kallattii garaa garaatiin wantoonni mul'atan keessuma karaaโ€ฆยป
Guyyaa 15

Jaalala Waaqayyo siif qabu!

Baayyina cubbuu ati keessa jirtu caalaa, Waaqayyo akka ati gara isaatti deebitu barbaada. Waaqayyo jaalala inni karaa ilma isaa Yesus Kiristoos siif kenne akka ati beektu ni barbaada. Namni jaallatamuu isaa bare deebii kennuuf ni ariifata, sababa jaallatamuu isaa bareefis gammachuun isaa ni dabala. Atis waaqa nama hundumaa sababa mudaa isaa utuu hin qolatiin jaallate kana beekuu ni dandeessa!

Nuyis jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubanneerra, amanneerras. Waaqayyo jaalala; namni jaalalatti qabamee jiraatus Waaqayyo keessa in jiraata, Waaqayyos isa keessa in jiraata.

1 ERGAA YOHANNIS 4:16


#Yesus_nama_hundumaa_ni_jaallata
#tesfa #hope #abdii

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads

Waldaa Amantoota Guutuu wangeelaa Itiyoophiyaa
Website | Youtube |Facebook | Telegram | Instagram |LinkedIn | Twitter | Pinterest | Whatsapp | Tiktok
Guyyaa 16

Dhalli namaa sababa cubbuu isaarraa kan ka'e uumaa isaa Waaqayyorraa fagaatee ture, kanaanis ofii isaatiin qajeelummaa argachuu hin dandeenye. Sababa kanaaf Yesus Kiristoos cubbaamaadhaaf du'uutu irra ture. Yesus kan inni du'e qulqullootaaf utuu hin taane cubbamootaafi warra waaqayyo irraa fagaatanii turaniifi. Jaalalli waaqayyoo gochaan kan mul'atedha. Kanaafis ilma isaa akkanni cubbuu keef du'uufi si fayyisuuf erge. Kiristoos siif du'eera. Du'uun isaas karaa waaqayyo jaalala siif qabu ittiin mul'isedha. Kiristoos bakka ilmaan namootaa bu'ee fannoo irratti du'e. Kunis akka ati waaqayyo wajjin walitti araaramtuufi.
Cubbuu keef du'e isa si fayyise Yesus Kiristoosiin hordofuu ni barbaaddaa? Guyyaan fayyinaa har'a.

#Yesus_nama_hundumaa_ni_jaallata
#tesfa #abdii #hope

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads

Waldaa Amantoota Guutuu wangeelaa Itiyoophiyaa
Website | Youtube |Facebook | Telegram | Instagram |LinkedIn | Twitter | Pinterest | Whatsapp | Tiktok
Waaqayyoon dhuunfaa keetti beekuudhaaf maaltu si barbaachisa? Balaqqee bakakkaa dhaa? Sirna amantaa cimaa ta'edhaa? Nama naamusa fooyya'aa qabu taatee argamuudhaa?

Tokkoon isaaniiyyuu si hin barbaachisani. Waaqayyo wanta isa beekuuf si barbaachisu ifatti macaafa qulqulluurra siif kaa'eera.

Wanti kamiyyuu sirnaafi namuusa qaba. Wantonni namni hojjete seera nam tolchee akkuma qaban, wantonni waaqayyo hojjete immoo seera uumamaa qabu.

โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”
๐Ÿ”—link ๐Ÿ‘‰ asitti bu'uudhaan guutuu isaa dubbisaa
โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”โ€”-

Guutuu isaa dubbisuuf๐Ÿ‘†

#Yesus_nama_hundumaa_ni_jaallata
#tesfa #abdii #hope

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads

Waldaa Amantoota Guutuu wangeelaa Itiyoophiyaa
Website | Youtube |Facebook | Telegram | Instagram |LinkedIn | Twitter | Pinterest | Whatsapp | Tiktok
Guyyaa 18

Kaayyoon Waaqayyoo inni guddaa fi inni jalqabaa warra badan barbaaduu fi fayyisuudha. Fuula Waaqayyoo duratti namni tokko tokkoonsaa gatii guddaa qaba. Qalbii jijiirrannaa dhugaatiin cubbuu irraa fagaattee gara Waaqayyootti yoo deebite Waaqayyo baayyee sitti gammada. Deebi'uun kee gammachuu guddaa waaqa irratti ta'uuf sababa. Warra qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachisne sagaltamii saglan caalaa yaadni Waaqayyoo sirra jira.

Araarrii Waaqayyoo daangaa hin qabu. Kanaaf lubbuu qalbii jijjiirrachuun gara isaatti deebitu hundumaa gammachuudhaan simata.
Gara waaqa deebi'uu kee barbaadu kanaa dhufuu ni barbaaddaa? Nuyi si gargaaruuf as jirra.


#Yesus_nama_hundumaa_ni_jaallata
#tesfa #abdii #hope

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads

Waldaa Amantoota Guutuu wangeelaa Itiyoophiyaa
Website | Youtube |Facebook | Telegram | Instagram |LinkedIn | Twitter | Pinterest | Whatsapp | Tiktok
Guyyaa 19

Namni hundinuu dhugaa beekuu bira akka gahu, cubbuurraa akka deebi'u, ayyaana isaa isa hojii Yesus Kiristoosiin argame sanaan akka fayyuu fi jireenya bara baraas akka dhaalu fedha Waaqayyooti. Akka ati fayyituufi akka ati miliqxu kan barbaadu Waaqayyo, ilma isaa tokkicha karaa ati ittiin gara isaa dhuftu, dhugaa ati ittiin soba jalaa baatuu fi jireenya ati ittiin du'a jalaa miliqxu godhee siif ergeera. Fayyuu barbaaddaa? Fayyinakee fi du'a jalaa miliquu kee kan barbaadu Waaqayyo har'as jaalala isaatiin si waama.

'Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga'u in fedha. Kun gaarii dha, fuula Waaqayyoo fayyisaa keenyaa durattis fudhatamaa dha. '

1 Ximotewos 2: 3-4


#Yesus_nama_hundumaa_ni_jaallata
#tesfa #abdii #hope

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads

Waldaa Amantoota Guutuu wangeelaa Itiyoophiyaa
Website | Youtube |Facebook | Telegram | Instagram |LinkedIn | Twitter | Pinterest | Whatsapp | Tiktok
Guyyaa 20

Yesus Kiristoos jaalala siif qabu, lubbuu isaa siif kennuudhaan siif mul'ise. Inni sababoota akka inni si hin jallanne isa godhan baayyee qaba ture. Haa ta'u malee garuu sababa sanaaf si hin jibbine. Yesus cubbuurraa si fayyisuufi akkasumas walitti dhufeenya namni duraan Waaqayyo waliin qaba turetti si deebisuuf hamma lubbuu isaa fannoorratti siif kennutti si jaallateera. Inni qajeelaan sun siif jedhe lubbuu isaa kennuudhaan du'a jalaa si oolcheera, kanaanis jaalala dinqisisaa sitti argisiiseera.
Akkasumaan jaallatamteetta!


Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda'u. WANGEELA YOHANNIS 15:13


#Yesus_nama_hundumaa_ni_jaallata
#tesfa #abdii #hope

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads

Waldaa Amantoota Guutuu wangeelaa Itiyoophiyaa
Website | Youtube |Facebook | Telegram | Instagram |LinkedIn | Twitter | Pinterest | Whatsapp | Tiktok
"Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, 'Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa' in jedhama. "

Macaafa Isaayaas Raajichaa 9:6


Baga geessan!

@IjoolleeIfaa316
@IjoolleeIfaa316
๐ŸŽฌ Are you interested in Hosting, Cinematography, Motion Graphics, Graphic Design, or Video Editing?

Do you have a passion for using your skills to advance Godโ€™s Kingdom through media?

Tesfa Broadcasting has prepared a 3-month internship program just for you!
Donโ€™t miss this opportunity to grow your skills and serve with purpose.

แ‰ฐแˆตแ‹ แ‰ฅแˆฎแ‹ตแŠซแˆตแ‰ฒแŠ•แŒ แŠ”แ‰ตแ‹ŽแˆญแŠญ |Great Commission Ministry Ethiopia
|แ…แŠ‘ แ‰ฐแˆตแ‹ แŠ แˆˆ!|
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://bit.ly/TBNinternship
โ€œWhen people ask me what appeals to me about heaven, it isnโ€™t the streets of transparent gold or gates made of pearls; itโ€™s the absence of sin. I'm tired of sin.โ€

John MacArthur

@ijoolleeifaa316
@ijoolleeifaa316
Forwarded from Tesfa
๐ŸŒผ Irra deebiin... Jalqabbii haaraa! - Day 1๐ŸŒผ

Yeroo baayyee jireenyi carraa kan biraa waan qabu sitti hin fakkaatu, wanta darbe dhiistee jireenya itti fufuu yeroo yaaltu, wantii baayyeen gara duubaatti si harkisa. Haa ta'u malee Waaqayyo kufaatii kee kaleessaa keessatti si hin dhiisu, carraa kan biraa siif kenna malee.

Yeroo bonaa si lalisiisee, lafa onaa keessaas burqaa baasee irra deebiin akka haaraatti si jalqabsiisa, kunis mudaa malee waan taateef utuu hin taane, Waaqayyo carraa kan biraa waan siif kennefi.

Carraan haaraan kun kan kaleessaa irraa itti fufuu miti. Jireenya haaraa inni siif qopheesse keessa seenuudha malee. Kuftee waan dagatamte yoo sitti fakkaate Waaqayyo ammayyuu waan haaraa siif qaba, carraa haaraas siif kenna.

Garuu ati irra deebiin eegaluu ni barbaaddaa?
Jireenyikee irra deebiin akkanni toora siif qabatu ni barbaaddaa?

Isaayyaas 43:19
Kunoo! Ani wanta haaraa nan godha, inni amma iyyuu as ba'uutti jira.


Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads
Forwarded from Tesfa
๐ŸŒผ Irra deebiin... eenyummaa haaraa! ๐ŸŒผ - Day 2

Namni hamma lubbuudhaan jirutti, haara'uu, jijjiiramuufi nama haaraa ta'uudhaaf carraa qaba.

Yeroo gara Waaqayyootti deebite irraa eegalee, seenaan jireenyakee inni darbe humna ittin si ibsu dhaba.

Ayyaanni Waaqayyoo seenaakee irra deebi'ee barreessa,
Araarri Waaqayyoo boriikee siif qajeelcha,
Kiristoos keessatti nama fooyya'e utuu hin taane uumama haaraa, nama haaraa taata.

Har'a Kiristoos wajjin ta'uu yoo filatte,
Kufaatiiwwankee maqaakee ta'uun isaanii ni hafa,
Cuubuunkees seenaakee hin ta'u,
Akka haaraatti eenyummaa haaraa qabaatta.

2 Qorontoos 5:17
Kanaafis namni kan Kristos yoo ta'e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo inni haaraan dhufeera.


#tesfa #hope

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads
Forwarded from Tesfa
๐ŸŒผ Irra deebiin...jireenya haaraa! ๐ŸŒผ Day -3

Kiristoos keessa yeroo taatu, jireenya kee isa duriitu haara'a miti. Guutummaa guutuutti jijjiirama jireenyaa argatta malee. Namummaa kee isa moofaa, mudaa isaa fi cubbuu isaa, Kiristoos ofii isaa wajjin fannoo irratti fanniseera. Du'uu fi du'aa ka'uu isaatiin jireenyi inni siif kenne, eenyummaa kee isa moofaa balleessee jireenya haaraa kan si jalqabsiisu dha.

Kiristoos waliin jireenya haaraa yeroo eegaltu, jireenya hafuura irraa dhalate, kan ayyaana Waaqayyootiin jijjiirame, kan humna isaatiin deeggeramee fi guutummaa guutuutti jireenya haaraa ta'e argatta. Inni moofaan darbee nama haaraas taata.

Kun dinqii fayyina keessa jiru, karaa fayyinaati. Waaqayyo nama fooyya'aa qofa si taasisa miti, nama haaraa si godha malee.

Ergaa gara warra Roomaa 6:4

#tesfa #hope

Follow Tesfa on:
Instagram | Facebook | Telegram | TikTok | Youtube | Threads