Labata Magazine
1.44K subscribers
362 photos
9 videos
20 files
222 links
⚖️ Har'a qalbiin jiraachaa; Boriif yaadaan qophoofna !
Og-barruu Saba guddaa gaanfa Afrikaa; Saba Oromoo keessatti ga'ee isaa taphachuuf hojjeta!

️Irratti hirmaachuu kan feetan
👉 @Elo_Asefa barruu filatamaa ta'een qooda fudhaa.
Download Telegram
Eenyutu dhufee iddoo kuftee sikaasaa?
Galata Tsaggaa
Maxxansa 6ffaa



Yaada qabdan
Mob: +251902165878
Telegram :- @labata_elo
Email: labatamagazine@gmail.com

https://t.me/labatamagazine
React on Video | oromo music | YNA ORO TUBE | Warqii Tube |
😍😍😍😍😍😍😍😍😍😍
https://www.youtube.com/watch?v=dPRSajU_3ZU&t=215s
Eenyutu dhufee iddoo kuftee sikaasaa?
Galata Tsaggaa
Maxxansa 6ffaa
@labatamagazine

Iddoo jirtu irraa gara iddoo siif maluu deemuu yaaddee jirta ta'a. Kun abjuu namoota hedduuti. Laga si fuuldura jiru ce'uun galma yaadde gahuuf karoorfattee karaa irra osoo jirtuu mogoleen yoo si laafe, yookiin immoo iddoo dhaquuf yaadde gamatti ilaaltee gamana teessee yaadaan ce'uu malee deemsa eegaluuf haamileen si bu'ee abjuun kee abjuu ta'ee hafe ta'a. Kana qofaa miti, deemsakee xumuratti dhiyaattee galma hanqattee kufte ta'a. Kun hunduu karaalee namonni iddoo mul'ata isaanii hin gahin hafanidha. Wantoonni kanneen namoota kaayyoo isaaniif kutatanii ka'an hundaaf gufuu ta'uun kanneen abdiidhaan irra tarkaanfatan jalaa gadii jechuun, kanneen irra tarkanfachuu dadhaban immoo kuffisee jira. Amma wanti ati akka hubattu barbaadu, jireenyi dorgommiidha. Warri of waliin dorgoman ofumaaf of fooyyessaa, ofumaaf of guddisaa iddoo yaadan gahuuf ifaaju. Akkuma atileetii sarara fiigichaa irra jiruu namni kamuu jireenya isaa gaggeeffachuuf guyyuu ni fiiga. Atileetiin osoo fiiguu yoo kufe, atileetiin biroo fiigicha dhiisee isa biraa kaasu hin jiru. Kan iddoo kufee ka'ee fiigicha isaa itti fufu, atileetii kufe mataa isaati. Kunimmoo jabina qaamaafi qalbii barbaada. Nama biroo eeguun of sobuu irra ofumaaf iddoo kufanii tattafatanii ka'uutu nama baasa.
Haati iyyuu yoo ibiddi irra bu'e dursa ofirraa buusuun kan mucaa ishee irraa dhaamsiti. Eeyyee iddoo kufanii ka'anii deemsa itti fufuun ofumaaf malee nama biraa eeguun gowwummaadha. Sababni isaa hunduu ofuma isaaf fiigicharra jira waan ta'eef!

Waanofii! Addunyaa kana irratti warra jabaatee iddoo kufee ka'etu geepha moo'ichaa harkaan gahata. Akka nama dhuunfaattis ta'ee akka biyyaatti warra sababa kufaatii isaa dhugumaan beekeefi iddoo kufee of ijaaree ka'etu qananii goonfata. Eeyyee qaama biraa abdachuu caalaa, ofitti abdachuutu galmaan nama gaha. Sa'aan gaanfa ishee ba'aa dadhabdee deeggarsa kadhattu hin jirtu. Yoo kadhattes saani biraan gaanfa sa'a biraa baachuuf deeggarsa kennitu hin jirtu. Namni dhuunfaanillee jireenya isaa moo'achuuf, iddoo kufee ka'ee tarree namoota milkaa'anii hiriiruuf ciisee deeggarsa kadhachuu dhiisee, tattaafachuu qaba. Yoo ofiif tattaafatan milkaa'uun guyyaadha. Qaamni biraan dhufee akka nu milkeessu eeguun, akka waan dhadhaa baasuuf dhama raasuuti. Guyya guutuu raasaa ooluun ni danda'ama. Dhadhaa baasuun garuu hin danda'amu.
Waanofii! Biyya kufte kan kaasu lammii ishee sammuun dhugaan ijaaramedha. Mana maatii jige kan ijaaru, ilmaan maatiin sirnaan guddifatedha. Nama dhuunfaas iddoo kufee kan kaasu, sammuu jabaa namni sun dhugaan gabbifatedha. Kanaafuu baargamaa akka waan qaamni biraa si milkeessuutti eeguu dhiisii, ofumaan dhugaa irratti ijaari. Sammuukee barnoota qajeelaan gabbifadhu. Namni hunduu jireenya isaa waliin sararri isaa qabamee jira waan ta'eef, iddoo kuftee kan si kaasu suma mataa keeti.
@labatamagazine
@labatamagazine
👍1
KABALLAA

Kaballaan tokkittiin gaa'ela waggaa hedduu diiguuf sababa ga'aa ni ta'aa?
👇👇
@labatamagazine
KABALLAA
Guutuu Amsaaluu
Maxxansa 6ffaa
@labatamagazine


Kaballaan tokkittiin gaa’ela waggaa hedduu diiguuf sababa ga’aa ni ta’aa?

Fiilmiin Hindii mataduree Thappad (hiikni isaa kaballaa jechuu dha) bara 2020 gabaarra oole karaa adda addaan galataa fi qeeqa guddaa kaaseera. Seenaan fiilmichaa akkana:
👇👇
Amriitaa fi Viikram waggoota hedduu haadha manaa fi abbaa manaa ta’anii gaa’elaan dabarsaniiru. Gaaf tokko Viikram kaballaa itti cufa. Akka Amriitaan amantutti abbaan manaa ishee utuu kabaja qabaateefii harka isaa itti hin kaasu ture. Aariidhaan gara mana warra isheetti deebiti. Viikram dhiifama gaafatus deebi’uu diddi. Hawaasni hundinuu gochi ishee sirrii akka hin taane itti hima. Viikram manatti akka deebitu amansiisuu yaalus hin dandeenye. Kanaafuu akeekkachiisa seeraa itti erga. Abukaatoon ishees filannoo sadii qofa akka qabdu itti himti:
1. Araaramuu
2. Gargar ba’uu (separation)
3. Wal-hiikuu (divorce)
Wal-hiikuu barbaaduun ishee maatii fi firoottan ishee naasisa. Amriitaan deggersa (alimony) hin gaafanne, rukuttaa (domestic violence) isaafis himata irratti hin banne. Dhaabbiin ishee kabaja argachuu qabdu akka hin arganne, kana kan hubatte immoo kabalamuu isheen booda akka ta’e dubbatti. Caalaatti kan dubbii wal-xaxaa godhu immoo ulfa ta’uu ishee baruu isheeti.
Niitraa: Kaballaa tokko qofa jechuu dhaa?
Amriitaa: Kaballaa tokko qofa… garuu na kabaluu hin danda’u.
Ayyaana ulfaa’uu ishee ilaalchisee qophaa’e irratti yeroo dubbattu hawaasa qeeqxi. Kabalamuu ishee booda namni tokko illee nageenya ishee hin gaafanne, Viikramitti hin dheekkamne, dheekkamuu miti dogoggorteetta illee hin jenneeni, dhiifama akka gaafatu hin gorsineeni. Hunduu akka isheen callistu, akka isheen obsitu gorsani. Viikramii fi hawaasa ishee gammachisuutti muddamtee eenyummaa ishee dhabdee akka turte ibsiti.

Qeeqa
Fiilmii kana akkan jaalladhu kan na taasise haala ittiin hawaasa qeequ sirriitti beekuu isaati. Hawaasni keenya yeroo baayyee rukuttaa nama ofii (domestic violence) salphisee ilaala. Karaa kanaan hawaasa Hindii wajjin wal-fakkaanna. Salphisee ilaaluu qofa miti, yeroo baayyee nama miidhaan irra ga’etti quba qabuudhaan (blaming the victim) beekama. Fakkeenyaaf yeroo durbi tokko dirqisiifamtee gudeedamtu “maal uffattee turte?”, “sa’atii sana alaa maal hojjetti?”, “maalif dhiiraa wajjin dhuguu deemte?”… gaaffileen jedhan ni ka’u. Isa yakke dhiisanii isa yakkametti quba qabuutu baayyata.
Rukuttaan nama ofii (domestic violence) dhimma salphaa miti. Addunyaa kanarratti namoota miiliyoonotaan lakkaa’amantu abbaa manaa yookin haadha manaa ofiitiin rukutamuun du’a, hedduutu qaama hir’ata. Rakkoo kana dhabamsiisuuf, yoo xiqqaate illee hir’isuuf amantaaleen dogoggoraa hawaasni qabatee jiru gaaffii keessa galuu qabu. Aadaan nama miidhametti quba qabuu (victim blaming) kanneen keessaa isa guddaa dha.
Murtiin Amriitaa murtii nama kamiiyyuu ta’uu qaba jechuun hin danda’amu. Haa ta’u malee, jireenya ishee irratti aboo guutuu qabaattee roorroon (abuse) utuu itti hin hammaatin jalaa ba’uuf murteessuun ishee kan jajjabeeffamu malee kan balaaleffatamu miti. Biyya Hindii rakkoolee rukuttaa, dirqisiisanii gudeeduu fi haleellaan asiidii itti baayyatu keessatti fiilmiin akkas rakkoo hawaasaa hubatee qeequ hojjetamuun isaa abdii namaa kenna.
@labatamagazine
@labatamagazine
JIRA (walaloo)
Leensee Asaffaa
Maxxansa 6ffaa



Yaada qabdan
Mob: +251902165878
Telegram :- @labata_elo
Email: labatamagazine@gmail.com

https://t.me/labatamagazine
JIRA (walaloo)
Leensee Asaffaa
Maxxansa 6ffaa



Yaada qabdan
Mob: +251902165878
Telegram :- @labata_elo
Email: labatamagazine@gmail.com

https://t.me/labatamagazine
JIRA (walaloo)
Leensee Asaffaa
Maxxansa 6ffaa



Yaada qabdan
Mob: +251902165878
Telegram :- @labata_elo
Email: labatamagazine@gmail.com

https://t.me/labatamagazine
Namoota Addunyaa keenyaa Sadan (3n)

1. Namoota seenaa hojjatan
2. Namoota seenaa barreessan
3. Namoota seenaa dubbisan

➤ Kuni hundinuu walqabatanii hojii hojjatu.

➤ Hundumtinuus iddoo isaatti hojii isaaniif ta'u hojjatanii ijaa fi miila kan addunyaan kuni ittiin argituu fi ittiin adeemtu ta'u.

✪ Yoo seenaa dubbifte ejjennoo kee cimsatta.

✪ Yoo seenaa barreessite dhaloota waa dubbisanii hojjatan kakaafta.

✪ Yoo seenaa hojjatte fakkeenya dhalootaaf taata.
@labatamagazine
@labatamagazine
👍1
GARAM?
Mikiyaas Taakalee
Maxxansa 6ffaa



Yaada qabdan
Mob: +251902165878
Telegram :- @labata_elo
Email: labatamagazine@gmail.com

https://t.me/labatamagazine
GARAM?
Mikiyaas Taakalee
Maxxansa 6ffaa



Yaada qabdan
Mob: +251902165878
Telegram :- @labata_elo
Email:labatamagazine@gmail.com

https://t.me/labatamagazine
TAPHA HIBBOO
@labatamagazine

Hibboon akaakuu afoolaa ta‛ee mala gaaffii fi deebiitiin dhiyaata.
Yeroo baay‛ee hibboon maatiiwwan warra tokkoo walitti qabamanii bakka jiranitti galgala ykn yeroo boqonnaa namootni hedduu walgahan ykn waarii kan dubbatamu ykn taphatamu waan ta‛eef gamtaadhaan haala hoo‛aan hordofama. Hirmaannaa cimaatu keessatti godhama. Hibboon yeroo baay‛ee bifa taphaatiin kan dhiyaatu waan ta‛eef baay‛ee nama bashannansiisa. Hibboon wanta beekkamaa tokko akka icciititti hiikuun kan taphatamu waan ta‛eef nama barsiisuu fi keessattuu sammuu ijoollee qaruudhaaf gahee guddaa qaba. Hibboon Godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti kan beekkamu ta‛us naannoo gara naannootti garaararummaan jechootaa ykn adeemsaa jiraachuu danda‛a.

Hibboon seera mataa isaa qaba ykn seera ittiin taphatamu qaba. Isaanis:
Qaama gaafatuu fi gaafatamu qabaachuu qaba. Qaamni gaafatu ‘hibbo‛ jedhee yommuu gaafatu/eegalu kan gaafatamu immoo ‘hip‛ ykn ‘hibib‛ ykn ‘hibbakka‛ jechuun jalaa qaba ykn deebisa. Kunis Deebicha deebisuuf qophii ta‛uu agarsiisuu dhaafi. Deebiin sirrii yoo deebi‛e taphichi itti fufa. Gaafatamaan yoo deebisuu dadhabe gaafatamaan gaafataaf kennaalee kan akka lafaa, biyyaa, magaalaa fi kkf kennuufii qaba. Gaafataan kennaa kennameef diduus mirga qaba, jijjiirsifachuudhaaf, kennaa erga fudhatee booda, abaaruu mirga qaba. Fkn:
• Muka dudduufaa jala bahi, ganna dhudhuufaa bahi.
• Kankoo madaalatti kankee qadaadatti.
• Mana kootii jabbii mana keetii cabbii.
• Ani sin abaaruu fardi kee si jalatti haa maxaanu. fi kkf jedhee abaaruu danda‛a. Gaafatamaan immoo abaarsa jalaa itti moganfachuudhaan akka hin abaarreef kadhata,
‘Afaan kee dammaan si qabe‛ jedhaan: Gaafataanis abaarsa dhiisee lafa kennamteef fudhatee moggaafachuun lafa kennameef faarsuu jalqaba. Fkn: Lafti kennameef Finfinnee yoo ta‛e akkana jedha:
Finfinnee koo argadhee maalan dhaba, Aannan qe‛ee keessa na yaa‛a.
Bosonni dallaa naaf ta‛a
Dammi dallaa na jira,
Anoo sin arrabsuu waaqni hamaa kee haa cabsu fi kkf jechuun biyya kennameef faarsa.
Tapha kana keessatti arrabni hangam baay‛atuuyyuu gadoo(xiiqii) qabachuun tasuma hin jiru.

@labatamagazine
@labatamagazine
EJJENNOO AKKA QEERRANSAA!
Orooliyaanaa Margaa
Maxxansa 6ffaa

Yaada qabdan
Mob: +251902165878
Telegram :- @labata_elo
Email: labatamagazine@gmail.com

https://t.me/labatamagazine
EJJENNOO AKKA QEERRANSAA!
Orooliyaanaa Margaa
Maxxansa 6ffaa

Yaada qabdan
Mob: +251902165878
Telegram :- @labata_elo
Email: labatamagazine@gmail.com

https://t.me/labatamagazine
EJJENNOO AKKA QEERRANSAA!
Orooliyaanaa Margaa
Maxxansa 6ffaa

Yaada qabdan
Mob: +251902165878
Telegram :- @labata_elo
Email: labatamagazine@gmail.com

https://t.me/labatamagazine
Abdii hin kutatin!.pdf
2.1 MB
ABDII HIN KUTATIN!
Walaloo

Sadaasa 30, 2020
Barruu Labata
T.me/labatamagazine
ABDII HIN KUTATIN!
Walaloo
Isaayyaas Ittafaa



Yaada qabdan
Mob: +251902165878
Telegram :- @labata_elo
Email: labatamagazine@gmail.com

https://t.me/labatamagazine