Labata Magazine
1.44K subscribers
362 photos
9 videos
20 files
222 links
⚖️ Har'a qalbiin jiraachaa; Boriif yaadaan qophoofna !
Og-barruu Saba guddaa gaanfa Afrikaa; Saba Oromoo keessatti ga'ee isaa taphachuuf hojjeta!

️Irratti hirmaachuu kan feetan
👉 @Elo_Asefa barruu filatamaa ta'een qooda fudhaa.
Download Telegram
Addunyaa keessa jiraannu keessa gaddi, gammachuun, mijachuun, mijaachuu dhiisuun ni jiraata. Kunis ta'uu kan danda'u yeroo nuti wanti tokko ni rawwata jennee eegnudha. Yoo salphisnu ni salphata, yoo cimsinu ni cima, yoo xiqqeessinu ni xiqqaata, yoo guddisnu ni guddata. Jijjiramni jireenyaa kan dhufu sadarkaa ilaalchaa irraati dha. Kanaaf ilaalchi beekaa, sooressa, cimaa, ga'aa nama gochuu waan danda'uuf ilaalcha foyya'aa qabaachuun murteessaa dha.

@labatamagazine
@labatamagazine
Kaleessi darbeera, namni hojii kaleessaa irra deebi’ee hojjatu hin jiru. Wanta kaleessa yaade fi hojjate kamiyyuu har'a isaa kan bakka buusu hin jiru. Kufaatii hundumaa keessaa inni hamaafi gadheen yeroo mara nama gammachiisuufi hunda biratti fudhatamummaa argachuuf fiiguu dha. Yoo hojjanne nama gammachiisuuf yookiin fudhatama argachuuf osoo hin taane waanti hojjannu sirrii waan ta’eef qofa hojjachuu qabna.

@labatamagazine
@labatamagazine
FILATANII JIRAACHUU!
Mihirat Garramuu
@labatamagazine
ILAALCHA
Fayyisaa Alamuu
@labatamagazine
IMALTUU
Ayyaanaa Dhufeeraa
@labatamagazine
Dhaamsa!!
Erga dhihoo as Barruun Dijitaalawaa Afaan Oromoo namoota dandeettii waa barreessuu qaban; dhalootaaf ergaa isaanii karaa adda addaa barreeffamaan akka dabarsataniif carraa bal'aa kan uume, dubbisuuf fedhii kan qabuuf immoo karaa salphaafi mijataa ta'een dhiyeessuun dhugaa dubbachuuf hojii jajjabeeffamuu qabuufi cimee itti fufuu qabu dalagaa jira.
Barruun Dijitaalawaa Afaan Oromoo kun gara fuulduraattis namoota dandeettii qaban
hirmaachisaa; dhalootaaf immoo karaa salphaafi mijataa ta'een kaffaltii malee gumaacha isaa akka itti fufuuf; namni kamuu ga'ee irraa barbaachisu ba'uu qaba. Kan dandeetti barreessuun dhalootaaf ergaa dhaammachuu fedhuuf balballi Barruu Labata banaa dha.
Maxxansa barruu kanaa ji'atti altokko maxxanfamu hiriyootawwan keessaniifi maatii keessaniif qooduun hirmaattoota barruu Labataa ta'a. Barruun kun bifa haaraan akka dhiyaatuuf jabeessaa. Akkasumas, og-barruu afaan Oromoo guddisuu keessatti ga'ee keessan ba'a. Labata waliin imala gaarii!
@labatamagazine
GULANTAA MILKAA'INAA
Isaayyaas Ittafaa
@labatamagazine
👍1
UTUU SI TA'E MAAL GOOTA?
Dastaa Takka'aa
@labatamagazine