Labata Magazine
1.44K subscribers
362 photos
9 videos
20 files
222 links
βš–οΈ Har'a qalbiin jiraachaa; Boriif yaadaan qophoofna !
Og-barruu Saba guddaa gaanfa Afrikaa; Saba Oromoo keessatti ga'ee isaa taphachuuf hojjeta!

️Irratti hirmaachuu kan feetan
πŸ‘‰ @Elo_Asefa barruu filatamaa ta'een qooda fudhaa.
Download Telegram
KARRA SEENAA
@labatamagazine



Yeroon nama hin qabu. Namatu yeroo qaba. Yeroon qabaa barbaadaa jechuudha. Bakkuman jirtu sana dhaabbadhuu yookiin bakkuma taa'aa jirtu sana taa'ii daqiiqaa tokkoof itti yaadi. Mee maal taatee du'uu feeta? Seenaa akkamii dalagdee dachee kana gad lakkisuu feeta? Duuti hin oolu. Moo seenaa tokko malee duutee baraan gaabbaa hafuu feeta? Seenaa hin hojjettu taanaan seenaan sin beeku. Si wallaala. Har'a utuu yeroo isa waan hundumaa caalu kana qabduu galmee seenaa irratti galma'i. Karri seenaa siif banaadha.
@labatamagazine
MUKA GABBII
@labatamagazine



Utuu aduun sitti hin galagalaa'in waan qabduu qabadhuu lafaa ka'i. Adeemsa nuffisiisaafi jibbisiisaa adeemi. Waanti nuffisiisaan waan hin quufamne ni biqilcha. Wanti jibbisiisaanis wanta jaallatamaa hin magarsa. Bor waamamuuf har'a galmaa'i. Har'a yoo hin galmaa'in maqaa kee bor kan si waamu hin jiru. Bara dhuftu boqochuuf barana dafqi. Dafqikee madda araa galfii kee akka siif ta'utti wanta gatii qabuu fi gatii hin qabne adda baasii beeki. Wanta gatii hin qabnettis yeroo kee hin qisaassessin. Gubataa gubuudhaaf daaraa hin hammaarin. Ammuma ibbidda kaayyoo qabsiisi. Caasaa milkaa'inaa diriirsi. Ofitti gaabbaa akka hin hafnetti har'a muka gaabbii jalaa siqii fagaadhu. Waan si keessatti kuufamee jiru barbaadi. Kennaa ati dhuunfatti qabdu jira. Kennaa kee sana kalaqa dhokataa si qofaaf kenname sana ifa lafaa agarsiisi. Ati karooraa malee uumama uumaa caaluu taatee hin dhalanne. Dhalachuun kee sababa qaba.
@labatamagazine
πŸ‘1
Irreechi irree keenyaa
Baga geessan
@labatamagazine
Baga Ayyaana irreecha 6414ffaa tiin isin ga'e.
Ayyaana gaarii !!
@labatamagazine
Forwarded from β€α‹¨αˆα‰₯ α‰‹αŠ•α‰‹β€
Kitaaba haaraa ''Faaya Fayyaa'' jedhu kan Dr. Nafyad Getun barreeffame warri magaalaa Naqamtee nu biraa argachuu dandeessu. Kitaaba eenyuyyuu dubbisuu qabudha. Bitadhaaa dubbisaa!
Lakk.Bilbila πŸ‘‰+251996597308(@abdimerga)
πŸ‘‰ +251939966994(@Fgbravaa)
Kanaan nu qunnamaa!

Join
@abdiidhiigakoo
@abdiidhiigakoo
@abdiidhiigakoo
DHAGEETTII
Milkii Fiqiruu


"Afaan gaariin Afaa gaarii caala!" Jedha Oromoonko
Qooqni bareedina qofa osoo hintaane qabeenya, Aangoo, Humnadhas!
Jireenya keenya keessatti wanti akka dubbannee dhageessifachuu nu gammachiisu hinjiru. Gaggeessaas hordofaas xiqqaas guddaas yoo taane qooqa bareedaadhaan dubbannee dhageessifachuu namuu nibarbaada.
Dandeetti kanammoo namoonni hedduun uumamumaan badhaafamanii kan dhalatanis ta'u Warreen shaakalliidhaan fidatanis ni jiru! Kanaafuu atis tarii kana nifeeta yoota'e malleen kana gadii yaali ni milkooftaa!

πŸ‘‰ Haasaa salphisuu!
Ergaa dabarsuu feetu salphaa, ifaafi gabaabaa gochuu yaali! Malee waanuma tokko olfuutee ulfaatinasaa Samii gubbaa yoo goote akkasumas yoo haasaa dheeressite, haasaankee nama nuffisiisuu danda'a; kanamalees galma yaadde siif hinrukutu! Akkasumalle namoota yaadakeerratti shakkii qaban keessatti 'muu kunis na amansiisuuf hamma kana waa meeqa haasa'aa' yaada jedhu uumuu nidanda'a. Kanaafuu haasaankee haa gabaabbatu. Abbaan qabeenyaa fi hundeessaan kaampaanii guddicha Addunyaa keenyaa Apple "waantokko karaa salphaa ibsuu danda'uun cimina guddaadha/Silpilicity is the ultimate sophistication/" jedha. Kanaaf yoomiyyuu yaadakee karaa salphaafi gabaabaa ta'een ibsuukee Hin dagatiin!

πŸ‘‰ Fedhii dhaggeeffataakeerratti xiyyeeffadhu!
Yeroo hunda, namni kamuu afaaniinis dubbachuu baatu Gaaffii "Maalin argadha?" Jedhu keessasaatti kaasuunsaa hinhafu! Kanaafuu gaaffii kanaaf deebii ibsa gahaa waliin qabaachuu hindagatiin waanuma haasoftu hunda keessatti harka caalmaa faayidaa dhaggeeffataankee argatu dubbadhu! Yoo kana goote yaada dhaggeeffataakee ni argatta!

πŸ‘‰ Ofitti amanamummaa/Self Confidence/ qabaadhu!
Waan haasoftu kamiyyuu shakkiin Hin haasa'iin; jechoota shakkii mul'isan matumaa hinfayyadamiin! Haga siidanda'ameen fuulakeerraallee shakkii waanti jedhame hin dubbifamiin. Yeroo tokko tokko dhugaan waanbiraa ta'uullee osoo beeknuu ofitti amanamummaafi haalli haasaa namootaa nu amansiisuu danda'a waanta'eef!

πŸ‘‰ Bakka dhaggeeffataakeee ofbuusii ilaali!
Dhalli namaa uumamusaatiin nama isa fakkatuu waliin hojjechuu waan barbaaduuf hamma dandeesseen waantota walitti isin hidhan, jechuunis wantoota waliin qabdanirratti xiyyeeffadhu! Fknf seenaa waliin qabdan, fedhii walfakkaataa qabdan, galma waliin qabdan, hawwii waliin qabdan tuttuquu hindagatiin yommuu kana dhagahutti dhageeffataankee hariiroo siwaliin uumuuf deemurratti abdii godhata waanta'eef! Yeroo hunda waantota inni barbaaduufi waliin qabdan waliinis argachuu dandeessanirratti xiyyeeffadhu!

πŸ‘‰ Irra deddeebiin yaali!
Waanta gochuuf feenurratti osoo abdii hinkutiin irra deddeebinee yaaluun, gaaffii gaafannus addaan kutinsa malee irra deddeebinee gaafachuun namoonni yaada keenya/gaaffii keenya/ akka yaadaasaaniitti akka Isaan fudhatan gochuu keessatti shoora guddaa taphata! Fkn ABOn gaaffii mirga hiree ofii ofiin murteeffannaa oromoo itti cichee falmuunsaa har'a akka paartileen oromoofi uummanni oromoo marti gaaffiikooti jedhanii falmatan gochuu keessatti shoora guddaa taphateera! Kanaafuu atis akkasuma ejjennookee jabeessi hinxawalwaalla'iin!

πŸ‘‰ waan hinbaratamne qabadhu dhiyaadhu!
Uumamumaan dhalli namaa waan haaraa jaallata waanta'eef hanga dandeesseen yaada haaraa qabatte dhiyaachuuf yaali yoo yaada baratamaas ta'e waan ittiin foyyessitee dhufterratti xiyyeeffadhu! Malee waanuma kaleessa ture yaaduma baroota darbanii har'as qabattee hindhiyaatiin!

πŸ‘‰ Qophii
"Wanti qophiin seeraan hojjetame %50 akka xumarameeti"jedha Naappoliyoon Hill kitaabasaa Think and Grow rich jedhu keessatti! Kanaaf haasaa qabatte waltajjiitti baatus ta'e yaaxxina qabattee namootatti dhiyaattu seeraan itti qophaa'i waa'ee waanta haasoftu seeraan beekuu qabaatta gaaffilee gaafatamtuufille dursii deebii qopheeffadhu!
@labatamagazine
FILATANII JIRAACHUU
Mihirat Garramuu


Namoonni tokko tokko jireenya isaanii kan to'atu carraa ykn wanta dursee murteefate malee filannoo dhuunfaa isaanii akka hintaanetyi amanu. Garuu, akas miti jireenya jiraatuuf waan ta'uu kan ofiif filatuu si malee nama kanbira ykn qaama biraa miti. Waan ati hubachuu qabduu; ati ofi keef agarsiisituu jireenyakeeti waan ta'eef filachuuf qaamni ati dabalatu yoo jiraate siifi si qofadha. Me ilaali jalqaba Waaqayyo nama uemee jannata Eden keesaa ka'e.
Isa jiraaru osoo hinuumiin isa itti jiraatamu uume. Mee ilaali siniis utuu hinuumiin dursee kaayyoofi mul'ata ati jiraattuu uumuusaa hindagatiin. Warri jalqaba uumaman dhalli namaa filannoo wallaaluun bakka fi Waan isaaniif uumame keessaa ba'an. Atis filattee hinjiraattu taanaan Waan sii uumame dhabda.
Waanti siif galuu qabu immoo Waan siif ta'u, kaayyookeef ta'u hubattee hinfilattu taanaan waantoonni filannoof siif dhiyaatan danuudha. Akka nama gabaa Waan bitu osoo hinqabaatiin ba'ee taata. Jireenya siif uumaameekee gammachiisu, kan kaayyoofi galmakee biraan si gahu filadhuu jiraadhuu! Addunyaan kun filannoo Danuu waan siif dhiyeessituuf ati murteeffadhuu waan siifi Uumaakee gammachisu jireenya qajeellmaafi gaariin guute filadhu jiraadhu.

Filattee gaafa Jiraachuu eegaltu toora warra akka kee jireenya ati filatte sanaa hiriirta kanaaf gatiinkee hinrakkasu. Akkuma ati ofkabajjee ykn bakka filannookee sanaa dhaabbattes namni kabajaafi filannookee sana jaallata. Egaa! Osoo ofhinkabajiin namni nama kabaju. Osoo namas hinkabajiin namni nan haa kabajuun soba dubbiiti.
Waantoota ati filattu kamuu haatahan jireenyakeerratti dhiibbaa qabu. Yoo filannoo hintaane filatte, bu'aansaa gaddaafi gabbii akka ta'e beekamaaadha. Garuu, filannoo gaarii filannaan siif bu'aankee gammachuudha.
Yeroo jireenya filannoo jiraachuu eegaltu gaaffii akkas jedhu ofgaaffadhu Waantoota yeroo hunda si duukaa yoo turan rakkoo sitti uumuu danda'an maalfa'i? Jiruu kee hunda keessatti amaleeffannaa guyyaa guyyaan dalagamanoo?
Tokko lamaan ofilaali filannookee malee homaa hindalagiin. Waan ati filattee facaastu, Sanyii gaarii tahuu qaba. Waantoonni sanyiikee guddisanis gaarii tahuu qabu. Isa naaf ta'a jettee filatte immoo mo'adhuu jiraadhu.





Eeyyee! Ejjennookee isa namni kamillee irraa boodde si deebisuu hindandeenye
Ejjennoo sirrii qabaadhu! Jireenyakeef wabiin biraa hinjiru si malee, sababiinsaa ati nama ofdanda'ee uumamedha. Mee ilaali yaadis, jireenyakeef Waan tahu adda baasii filadhu. Isa gaariifi qajeelaa ta'ee; filannoo si kabachisuufi si boonsu filadhu! Yeroos jireenya gammachuufi fakkeenya ta'u jiraatta!!!
@labatamagazine
Labata Free Afaan Oromoo Digital Magazine 5th Edition
T.me/labatamagazine
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Yooyyaa!! Maatii keenyaa hundaaf nagaan keenyi isin haa ga'u.

Barruuleen #LABATA maxxansa 5ffaa sa'atti muraasaa booddee isin biraan kan geenyu ni ta'a. Yeroo gaarii qabaadhaa.
T.me/labatamagazine