Labata Magazine
1.44K subscribers
362 photos
9 videos
20 files
222 links
βš–οΈ Har'a qalbiin jiraachaa; Boriif yaadaan qophoofna !
Og-barruu Saba guddaa gaanfa Afrikaa; Saba Oromoo keessatti ga'ee isaa taphachuuf hojjeta!

️Irratti hirmaachuu kan feetan
πŸ‘‰ @Elo_Asefa barruu filatamaa ta'een qooda fudhaa.
Download Telegram
Qeeqa.pdf
2.3 MB
QEEQA
Barruu Dijitaalawaa Afaan Oromoo

Fulbaana 14-2020
Join Our Telegram Channel πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/labatamagazine
QEEQA KITAABAA
Barreessaan:-
Guutuu Amsaaluu

https://telegram.me/labatamagazine
Forwarded from β€α‹¨αˆα‰₯ α‰‹αŠ•α‰‹β€
"Amanis, dhiisis lafarraa seenaa tokko hinqabdu taanan, jireenya lafarraa boodas jireenya jiru keessaa seenaa hinqabdu"

"Gaafa fooniifi hafuurri sitti jiru kan seenaa tokko hinhojjenne, gaafa fooniifi hafuurri gargar ba'u waanti hojjettamu hinjiru."

''Kanaafuu seenaa gaariifi ajaa'ibaa dhaloota dhufuuf taa'uu dalaguuf raftee hinbuliin''

Guyyaa GaariiπŸ™πŸ™

Join
πŸ‘‰ @abdiidhiigakoo
πŸ‘‰ @abdiidhiigakoo
πŸ‘‰ @abdiidhiigakoo
πŸ‘‰ @abdiidhiigakoo
Labata Barruu Afaan Oromoo

Nu quunnamuuf:- https://telegram.me/eloha1
πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†
WAAn GUDDAA YAADUU
Qanaani Abdataa
https://t.me/labatamagazine
GARRAAMUMMAAN OFIIF
Abdii Margaa
https://t.me/labatamagazine
SIIN HIN ARAARAMU!
Abdussalaam Idriis
https://t.me/labatamagazine
HOJIIN KEE HAR'AA JIREENYA KEE BORIITI
Isaayyaas Ittafaa


Namni kamuu hamma humna isaatti jireenya isaa fooyyeffachuuf ni fiiga. Ofitti Kan dhibaa'uufi utuu jireenya garii yeroo mara jiraatee namni jibbu hin jiru. Gammadee jiraachuu uumama hunda lafa kanarra jiraatantu fedha. Namni kamuu rakkachuuf hawwii hin qabu. Guyyoonni garuu dhala namaatti akkama uffata cidhaa uffisan uffata rakkinaafi gadadoos ni uffisu. Kun jiruuf jireenya dhala namaa keessa Kan hin dhabamneedha. Kana hundumaa Nan nuffe, Nan dadhabe, hin danda'u utuu hin jedhin namoonni milkaa'an hedduudha. Kanneen morkii jireenyaa dadhabanii rakkinaaf harka kennatanis lakkoofsa hin qaban. Addunyaa kana irratti wanta gaarii yoo dalagdee firiin ati argattus wants gaariidha. Wanti gaariin sun immoo Gammachuu Kee barootaafi galaa jabeenyaa ta'uudhaan si waliin jiraata. Wanti si rakkisanis akkasuma. Fakkeenyaaf, Jalqaba Mana barumsaa akkuma seenteen cimtee barachuuf yoo murteessiteetta ta'e barnoota kee cimtee barattee firii gaarii argatta. Garuu anaaf barnooti naaf hin galu. An uumamumaanaan nama barumsaa miti Kan ofiin jettu yoo taate. Dhugumayyuu nii dadhabda. Sammuun Kee cimanii hojjechuun akka firii gaarii argatan shakkee dadhabbii keetti waan amaneef. Kanaafuu Bor gammaddee jiraachuuf har'a wantoota har'uma raawwachuu qabdu yaadii raawwadhu. Wantooti ati har'a raawwattu milkaa'ina kee boriif dirree ta'anii argamu. Fakkeenyaaf qotee bulaan tokko bara dhuftu akka beelaan hin miidhamneef barana yandoo roobaa keessa caama aduu keessa. Jirma qirixee lafa qotee bulleessee midhaan facaasa. Midhaan har'a facaase kana har'a miti Kan inni nyaatu. Bara dhufu isa fuula isaa duraatiif karoorseeti. Jireenyaasaa boriif har'a guulantaa milkaa'inaa kaa'eeti. Har'a dadhabuun Bor aara galfatanii dadhabbii ba'anii gammadanii jiraachuufi. Har'a harka marattee baran eeggadha yoo jette. Barumaan bara eeggataa hafta. Namoonni baayyeen carraaqqii guduunfanii Muka rakkinaa jela taa'anii bara isaanii guutuu carraa isaanii abaaraa jiraatu. Garuu carraan carraaqqii irratti hundaa'a. Fakkeenyaaf namni lottary birrii miliyoonaa tokkoo ba'eef tokko utuu loottary kana carraqee tikeetii lootarry kana murachuu baateeti callifameema qarshiin miliyoonni tokko hin kennamuuf. Sababa inni akka lottaryn ba'uuf barbaadeen carraaqeef carraan Kun Isa qaqabde. Carran carraaqqii irratti hundaa'a jechuun kooti. Harka maratanii yoo taa'an bakka taa'umsaatti badhaasni argatan, gonfoon gonfatan Kan tolatti argatan gonfoo rakkinaa qofadha. Harka namaa eeggachuun dirqamaan sitti dhufuu danda'a balaa garaagaraatiin jechuudha. Wanuuma harka namaa irraa argatte Sana of bira dabarsii ittiin of jijjiiruuf yaali. Bara baraan harka namaa eeggatta taanaan namni si quufa si nuffa. Gaafas qiliilee keessaa ba'uu hin dandeenye keessatti gatamtee du'a hawwita. Erga kuftee kufaatii hin yaadatin utuu hin kufin kufaatin akka jiru beeki. Yoon life mala akkanaa fayyadameen ka'a Kan jedhu maladhu. Tooftaa mataa Kee fayyadami. karaan namni si agarsiisu siif mijachuu dhiisuu danda'a. Har'a jiraachuu keetiif gammadi. Garuu jireeny har'a qofaan akka hin goolabamne beeki. Umuriin Kee yoo dheeerate. Rakkinootnis akkasuma dheerataafi bifa jijjiirachaa adeemuu isaan kana mo'achuuf har'a of qopheessi. Waan dalaguu qabdu Kan har'aa har'uma xumuri. Guyyaan borii dalagaa mataa isaa fudhatee sitti dhufa. Dalagaan Kee har'aa immoo Isa boriitiif akkataa si barsiisu. Har'a jiraachuu kee boriif akka jabaattu si taasisu qaba.

Jireenyi kee har'aa Isa borii irratti hin hundaa'u garuu jireenyi kee har'aa jireenya kee boriif bu'uura. Hojiin kee borii jireenya kee har'aa hin ibsu garuu hojiin kee har'aa jireenya kee boriiti.
@labatamagazine
Forwarded from β€α‹¨αˆα‰₯ α‰‹αŠ•α‰‹β€
Iddoon yeroo dulloomtu teessuu; iddoo yeroo dargaggummaakee dhaabbachaa turtedha.

Jechoota biroof
join
@abdiidhiigakoo
@abdiidhiigakoo
@abdiidhiigakoo
#Labata_Digital_Magazine
ONNEEN HIN DULLOOMU

Onneen hin dulloomu
Qaamatu dullooma malee
Jaarsomeef hin dagatu
Waan yaadaa ture kalee

Itti gaabbuu danda'a
Yookaanis ni gammada
Rabbi haa gammaachiisu
Anaa fi isin hundaa

Akka bor hin gaabbine
Haa hojjannu ammuma
Waaqallee kadhataa
Tattaafachuun dirqama
@labatamagazine