Labata Magazine
1.44K subscribers
362 photos
9 videos
20 files
222 links
⚖️ Har'a qalbiin jiraachaa; Boriif yaadaan qophoofna !
Og-barruu Saba guddaa gaanfa Afrikaa; Saba Oromoo keessatti ga'ee isaa taphachuuf hojjeta!

️Irratti hirmaachuu kan feetan
👉 @Elo_Asefa barruu filatamaa ta'een qooda fudhaa.
Download Telegram
#Labata_Digital_Magazine
Barruu Labata lakkoofsa 3
Jimata, Hagaya, 7/2020 nu eega.

Barruu Afaan Oromoo Dijitaalawaa bilisaan kaffalti malee kan isiinif dhiyaatu maxxansaa 3ffaa isaa isiniif qabaate dhufaa jiraa.

Labata Free Digital Magazine volume 3 coming soon
@labatamagazine
#Labata_Digital_Magazine
#Hiriyyaakoo!
#Guutamaa_Ummataa

Bu'a qabeessummaankoo dhaamsa fuulawwan hiriyyaakoo irraa gurrakoo seenaniidha. Hammuman fuula kitaabakoo isan hiriyyaakoo jedhe kana gaggaragalchee qayyabachaa deemu ulfaatinnikoo fi coomni sammuukoo ergaa luubbuu qabaniin dabale. Hiriyyaakoo kana baay'ee waanan jaalladhuuf jaalalleekoo nan jedha. Sababnisaa altokkoofiyyuu yeroo nawajjin dabarsuuf yeroo ofii qabu natti doqnoomee hin beeku. Michuukoo isan waan keessakootii waktiisaa eeggatee burqu gaddas ta'u gammachuu irratti barreeffadhuudha.
Hiriyyaako! Gaafa kophummaan jireenyaa na adamsu baqannaakoo isan dafqaan xoolla'aa fiigu ofitti naqabdee aara kan nagalfachiistu jaalalleekoo ishee yerooshee aarsaa naaf gootee nahaguugduudha. Yomiyyuu anaaf hiriyyaan kan amala qabnuu natti hin jijjiirranne, ishee hir'nakoof ormatti na lafafuurra natti himtu, kan naaf jecha hin dhabne, balbala fayyadamummashee cuftee fayyadamummaa koof bantedha. Anaaf hiriyyaankoo ishee haalakoo hubattuuf yeroo hundumaa fuula ifaa naaf qabduudha.

Hiriyyaan kitaaba ofiiti. Isa yeroo hundaa dubbifamu. Kitaabni ofii daawwitiidhas fuullee ijaatis. Bifaa fi boca dhabina ilaalchaaf hiriyyaa baay'achuun furmaata! Kitaabatti michummaa yoo cimsatte fakkaattisaa kitaaba biraa sikeessaa baafata. Namni ofiisaatiiyyuu kitaaba! Kitaaba fuula baay'ee of keessaa qabuudha. Kanaaf utuu yeroo qabdanii walii keessanittis ofiikeessanittis fayyadamaa. Ofis dhabnee walis dhabuu hin qabnuu.
@labatamagazine
#Labata_Digital_Magazine
#Qabeenya_qabaa_badee
#Guutamaa_Rafisaa

Waanti ati qabduu qabaa barbaada. Ilaalchi garii dhalootaf riqicha ta'u, namoota gaarii qabaa qabeenya isaanii eeggatan keessa jira. Qabeenyi guddaan kan mootummaan hin beekne ati duwwaan beekuu qabdu sii keessaa jira. Bara namni jireenya dhiise bara lakkaa'aa jiru kanaatti amala qabeenya keef eegdu ta'u kudhaammatte kayyoo
uumamteef jiraachuun gatii jabeessa guddaadha. Amalli ati qabdu qabeenya keef orma ta'u danda'a. Amala qabeenya keef orma ta'e keessaa ba'i. Bara namni waan qabu miti ofiisaa of qabu dadhaabe kanatti atimmoo of qabii waan gaarii si keessaa dhokatee jiru achi baafadhu. Yoo qabaa isaa beekteef albuudni guddaan karaa kee duwwaa gara addunyaatti bahuuf qophaa'e tokko sii keessa jira; innis eeyyaama kee malee gara dhalootaatti achi bahuu hin danda'u.

@labatamagazine
@labatamagazine
#Labata_Digital_Magazine
Beekumsa si keessa jiruu gara hojiitti fiduuf bilchinni ati eenyuummaa qabeenya kee bachuu danda'uf arsaa ta'uuf qabdu murtessaadha. Qabeenya guddaa si keessa jiru qabachuu dadhabuu keetiin ajjeessuu keerraa ofii ke lubbuun darbuu wayya. Jiraa du'aa baatee deemu hin ta'iin. Akka awwaalcha keessa isatti du'aa baatu, alaan bifa qabu hin ta'iin. waan qabdu sirriitti qabachuu dadhabuun salphina. Karaa namni hunduu deemu irra nan deema yoo jette waan gaarii si keessa jiru ajjeessuu dandeessa.

@labatamagazine
@labatamagazine

#Labata_Digital_Magazine
Jireenyaa fi adeemsa albuuda si keessa jiruuf karaa ta'u qabaadhu. Namoonni baay'ee
jireenya namaa akkeessuuf jedhanii harka duwwaatti hafan, baay'een immo utuu hin bilchaatiin eenyummaa isaanii agarsiisuuf jedhanii namummaa isaanii gatan. Namni miira isaaf garbicha ta'e qabeenya keessa isaa jiru eeggachuu hin danda'u. Ega ati qabeenya guddaa duuka uumamte. Qabeenya guddaa kana qabattee immoo maasii qabeenya ke balleessuu keessa hin taa'iin. Addunyaa kanarratti namni qofaa isaa bakka guddaa gahe hin jiru. kanaafuu nama duukaa jiraachuu bari. Kunis ati mataanke qabeenyadha. Amala waan qabdu sii qabu qabaadhu!!

@labatamagazine
@labatamagazine
#Labata_Digital_Magazine
#Rashiid_Abduu
#Daandii_lama

Wanta keessa jiraattutti, wanta keessa kee jirutti milka'uu yoo feete dursa yaada keessake jiru jijjiiruu qabda. Namoonni lama yeroof haala walfakkaatuun daandii wal fakkaatu irra ni deemu, garuu bu'aa isaan argatan wal hin fakkaatu. Kun maalif jettee yaaddee beektaa? Xiyyeeffannoo ati jireenyaf daandii kee irratti gootu milka'ina keetiif ga'ee guddaa qaba. Yaada milka'aa qabachuun wanta hojjennu milkaa'inaan akka xumuruu nu godha.
Namoonni yaada sirrii qaban rakkoo isaa mudatu kamiif iyyuu haala salphaan furmaata ni argatu, faallaa kanaan immoo kanneen yaadni isaanii sirrii hin taane kuufatiif haala salphaan saaxilamu; kufaatiin isaanii faana isaanii jala jiru. Yeroof haala kamiin keessatti yaada sirrii qabachuun daandii milkaa'ina keenyaati. kanaaf sammuu milkaa'aa guddifachuun immoo faana keenya jalqabaatii. Sammuu Milkaa'aa guddifachuu Sababa moo Bu'aa? Mee ilaali...irra deebi'i of ilaali? jireenya amma jiraataa jirtu kanatti gammaddee jirtaa...? Kaleessaas hara'as jireenya kee kana jijjiiruuf daandii wayii jalqabdetta ta'a, hara'as daandicha qabattee jirra ta'a, yookin immoo ati hanga hammaa jireenya kee jijjiiruuf tarkaanfii tokko illee hin fuune ta'a. Jireenya kee keessatti rakkina sirra jiru jijjiiruu ni barbaddaa...? Deebiin kee eyyeen yoo ta'e waliin haa nyaannu..!! Ani gammadaadha!! Ani guutummaa guutuutti gammadaadha ofiin ni jettaa...? Baay'een keenya akkas hin Jennu, sababiin isaa immoo nuti wanta nu gammachiisu hin filanne, filachuus hin dandeenye. Yoommuu waa'ee milkaa'inaa yaaddu fakkiin sammuu kee keessatti bocamu gammaachuuf milkaa'inni qaama tokko kan miidhaa hoomayyuu hin qabnedha jechuu dandeessa. Tarii nuti gara fuula duratti hojii gaarii, mana, daa'ima, galii fi konkolaataa nuti argannu gammachuu uumu jechuu dandeenya. Haata'u malee ilaalchi akkasii jijjiiramuu qaba. Meeshaas ta'e namoonni gammachuu nuuf uumuu hin￾danda'an. Gammachuun kan nuti ofiif murree, ofumaaf bocnu malee kan qamaa biraan nuf kennamu miti, kan nuti ofii keenyaaf uumnudha. miirri kunis miira filannooti. Jireenya jiraattu keessatti waanta kana yaaddee beektaa? "Namoonni Sooreyyiin Adduunyaa keenyaa maalif gammaduu dadhabuu?", "Namoonni milka'oon dachee keenya hoo gammadaa jiruu ?" Irra deddeebi'ii yaadi qarshii fi milka'inni walduraa dubaan gammachuu uumuu hin danda'an. Gammachuu kan ati sadarkaa jirtutti ofiif uumtu malee kan namni siif uumu miti. Akkasumas aangoo, sanyii fi meeshaan gammachuu naaf uuma jedhanii yaaduun sababiin isa inni guddaan, furmaata rakkoo keenyaa wantoota biraa irraa wanta egnuufi.

@labatamagazine
@labatamagazine
#Labata_Digital_Magazine
ONNEEN HIN DULLOOMU

Onneen hin dulloomu
Qaamatu dullooma malee
Jaarsomeef hin dagatu
Waan yaadaa ture kalee

Itti gaabbuu danda'a
Yookaanis ni gammada
Rabbi haa gammaachiisu
Anaa fi isin hundaa

Akka bor hin gaabbine
Haa hojjannu ammuma
Waaqallee kadhataa
Tattaafachuun dirqama
@labatamagazine