#Makmaaksa_Oromoo
Xiqqaan kee hin guddatu, guddaan kee hin dubbatu
akka dhagaa taate ragaan sitti baye jedhe namtichi
dhagaan.
@baacoowwan

#Kana_beektuu?
π±Bineensonni mataa isaanii osoo hin garagalchin duubaan arguu danda'an lama qofa. Isaanis paarotii π¦ fi Illeettii π qofa.

β€2
Mala Saayinsawaa..ππ€
πBarsiisatu qorumsarratti gaaffii qabxii 15 qabu barattoota gaafate. Gaaffichi akkas ture; 'Akkaataa mala saayinsawaadhaan mixii/gondaa ittiin ajjee*suu dandeenyu ibsi' jedha.
Barataan cimaan tokko akkas jedhee deebiseπ€.
"Dursa boolla mixiin π keessa jiraattu bira deemnee naannawa isaatti ashabooπ§ firfirsinaπ΄. Sana booda mixiin boollaa baatee ashaboo san waan arraabduuf ni dheebotti. Yeroo kana bishaan dhugaatii barbaaduudhaaf dirqama gara lagaa deemti π£ββοΈ. Laga deemtee yemmuu bishaan dhuguu yaaltu ni jiiti/ni tortorti. Achii mixii ishee bishaan tortorse tana fuunee abidda π₯bira geessinee qaamachiifna/ni qoorsinaπ. Itti aansinee osomaa isheen abidda qaamattu daakuu baarudaa abiddicha keessa buusna. Achii baarudichi waan dhoo'uuf dhoo'insa sanaan mixiin ni madoofti; gaggabdees ni kuftiππ. Gaafa isheen gaggabdee kufte dafnee ambulaansii π waamnee hospitaala geessina. Achittis oksijiinii irra godhamti.π€ Erga xiqqoo hafuurri itti deebi'ee booda suuta jennee oksijiinicha irraa buqqifnaπ. Achumaan mixittiin osoo hin turin hafuura baafachuu dadhabdee duut*i"..ππ
Barataan qabxii 15 argachuudhaaf yeroo 15 yaadaa beeki..ππ
#funny
#kanan_dubbiseerraa

β€7π7π3
#makmaaksa_Oromoo
"Yoo mukaaf buute nama hin galaafatiin,yoo anaaf buute muka hin galaafatin" jedhe namichi bakakkaadhaan.
#ihi'i

β€9π3
Forwarded from ISPOORTII AFAAN OROMOON β½οΈ
Maanchistar Yunaayitid teessoo haaraa 6,000 dabaluu beeksise, Ooldiraafoordi deeggartoota 81,000 π₯ qabachuu ni danda'a.
@isportf
@isportf
β€5π1
Afgaanistaanitti mucaan gommaa xiyyaaraa keessa dhokachuun imale nagaan Hindii qubate. Afgaanistaanitti mucaan Umurii Ganna 13 kan Lammii Afgaanistaan taβe osoo namni kamuu hin argin gommaa xiyyaaraa keessa dhokachuun magaalaa Kaabulii ka'uun Hindii magaalaa Deelhii gahe.
Akka gabaasa BBCtti Oladeemaan kun kaaba Afgaanistaan magaalaa Kunduuz jedhamtuu kan dhufe yoo ta'u, bakka gommaan xayyaaraa taa'u keessa dhokatee Dilbata, Fulbaana 22 Hindii erga gahee booda osoo buufata xayyaaraa keessa olii gadi deemuu argame.
Erga ta'emmoo Canada π¨π¦ deemuu qaba tureπ

β€5π2
#Odeeffannoo
Mootummaan Ameerikaa sudaanitti araara buusuf jeneraalotii lameen waliin falmaa jiran haasofsiisu isaa gabaasni sudaanii bahe addeesse jira.
Sudaan waggoota sadeen darban wal-waraansa hamaa humnoota lameen giddutti banameen lubbuu namaa fi qabeenya irratti balaan guddaan dhaqqabeera.
Rakkoo kana mariin furmaata itti laachuf bulchiinsa perezidaantii Ameerikaa Donald J. Trump jenearal Abdulfattah Alburhaanin fi Jeneral Hamda Digaaloo waliin dubbii eegaluu isaanii gabaafameera.

#ABBAAN_GADAA_WAAN_26_QABA!!
==============================
Mataa irraa = Baalguda qaba.
Addarraa = Kallacha qaba.
Afaan irraa = Eebba qaba
Hidhii irraa = Qumbii Qaba.
Boqoo irraa = Dubbii qaba.
Arraba irraa = Dhugaa qaba.
Fuula irraa = Arnya/gaachana qaba.
Harka irraa = Bokkuu qaba.
Hidha irraa = Gurdaa qaba.
Nafa irraa = Woyaa Aadaa qaba.
Agarsaa = Qamee/dhaaba qaba.
Qachaβaa = Haadha Bollaa qaba.
Qochooma = Marartii qaba.
Deemsa = Sirnya qaba.
Dabarsii = Copha qaba.
Lubooma = Haaganaa qaba.
Aadaa = Dansaa qaba.
Afe-Yaa'ii = Faga qaba.
Gorsaa = Yuuba qaba.
Itti Aanaa = Jalkeya qaba.
Waardiyaaa = Jaldhaaba qaba.
Waaqa = Tokkocha qaba.
Gumii = Baldhoo qaba.
Gumaata = Kolbaa qaba.
Gaaddisa = Odaa qaba.
Oduu = Nageyaa qaba.
Nageya = Gabbaa qaba.
********
#Gadaan_Quufaa_Gabbina!!!!.
βMeskerem B
@baacoowwan
==============================
Mataa irraa = Baalguda qaba.
Addarraa = Kallacha qaba.
Afaan irraa = Eebba qaba
Hidhii irraa = Qumbii Qaba.
Boqoo irraa = Dubbii qaba.
Arraba irraa = Dhugaa qaba.
Fuula irraa = Arnya/gaachana qaba.
Harka irraa = Bokkuu qaba.
Hidha irraa = Gurdaa qaba.
Nafa irraa = Woyaa Aadaa qaba.
Agarsaa = Qamee/dhaaba qaba.
Qachaβaa = Haadha Bollaa qaba.
Qochooma = Marartii qaba.
Deemsa = Sirnya qaba.
Dabarsii = Copha qaba.
Lubooma = Haaganaa qaba.
Aadaa = Dansaa qaba.
Afe-Yaa'ii = Faga qaba.
Gorsaa = Yuuba qaba.
Itti Aanaa = Jalkeya qaba.
Waardiyaaa = Jaldhaaba qaba.
Waaqa = Tokkocha qaba.
Gumii = Baldhoo qaba.
Gumaata = Kolbaa qaba.
Gaaddisa = Odaa qaba.
Oduu = Nageyaa qaba.
Nageya = Gabbaa qaba.
********
#Gadaan_Quufaa_Gabbina!!!!.
βMeskerem B
@baacoowwan
β€9π8
Waggaa 12 tti Jaalalli na Qabeβ
Durbi tokko akkamiin waggaa 12tti jaalalli ishee qabaa? tapha ijoollummaa malee akkamiin waa'ee kaadhimamuu ishee odeessiti? Eyyee! kun seenaa koo isa itti hin qaanofne dha. Nan yaadadha, haadha koo utuu ishee hin quufiin yeroo isheen dhabe ji'a booda ganaa waggaa 12ffaa koo utuun eeguu wanti hin yaadamne kun uumame. Jalqaba jaalalli akkasii natti dhagahamee hin beeku ture. Ganaa umurii kichuu kootti Ashaanguliitii ( furguuggee ) waliin taphachuu irra; isa arguu, isaan dhageeffachuu fi yaaduu akkasumas namootan arge hundaatti waa'ee isaa odeessee odeessee qufuun dadhabe. Nan yaadadha, Obboleettiin koo hangafaa isarraa kan ka'e barumsa kootti waanan dadhabu isheetti fakkaatee irra deddeebitee na gorsiti. Namaaniis na gorsiifti ture. Ani garuu jaalalli isaaf qabu bulee dabaluu malee hin hir'atu. Edaa namni jaalatee miti waan qabu hunda jaalalaaf jecha kan dhiisu.
Miirri jaalalaa kun anaan qofa utuu hin taane, kan na jaalates anarra kan caalu jaalala akka naaf qabu yeroo naaf galu isa malee jiraachuu akka hin dandeenye naaf gale. Ijoolummaa koon jaalala isaatiin kanaan kufe har'as jaalalli isaa akkuma kaleessaa ho'aa dha. Isa malee jiraachuun eebicha eebicha jedhee natti hadhaa'a. Isa jaalachuu kootiin fayyadamee, du'a haadha koo na dagachiise...... Abbaas haadhas ta'ee baay'ee kan na baate isaaf bara baraan kanaan injifatame; Qaraaniyoo irratti seenaa jaalala koo dhiigaan kan barreesse; hamma dhufutti isa yaadaa kanaan eegu YESUUS dha.
#Share gochuu hin dagatiinaa π
#Eebbifamaaπ
Tadale F

β€17π₯1π1
#News #Oduu #EthioTel
Itiyoo Teeleekoom Teelee Birr irraa liqii fudhatanii maamiltoota hin deebisne irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu akka jalqabu ibseera.
Maamiltoonni Itiyoo Teeleekoom Teelee Birr irraa liqii fudhatan hanga torbee itti aanutti liqii isaan irra jiru akka kaffalan yoo kana hin taane garuu kallattiidhaan himannaan akka isaan irratti banamu ibseera.
Teelee Birr irraa liqeeffattanii meeqan keessantu hanga ammaatti hin deebisne?
Warri hin deebisne deebisaa yoo deebisuu baanne maal fidda kan jedhu hin dhibuumππ

π5β€3
Viidiyoo saalqunnamtii ilaaluun:
***
> Miira jaalalaa fi fedhii dhugaa hir'isa.
> Yaada dogoggoraa walqunnamtii saalaaratti uuma.
> Walitti dhufeenya miidha.
> Guddina sammuu moidha fi kabaja namaa kee hir'isa.
> Barnoota, hojiifii jireenya hawaasummaa miidha.
* Walumaa galatti miidhaa lakkaayamee dhumuu hin dandeenye waan namarra fiduuf irraa of eegun barbaachisaadha.

π12
HIN GAABBU (Jawaar Muhammad)_241231_103817.pdf
65.2 MB
πHin gaabbu
πJawaar Muhammad
π’JOIN AND πSHARE
Kitaabota of biraa qabdan kan namooti akka dubbisan feetan nu qaqqabsiisaa.
Waliin taanee dhaloota dubbisu haa uumnu.

β€3π1
Namootni Laaphosii (balleessituu) otoo hin uumamiin dura qubeessaan waan barreeffame balleessuuf daabboo π fayyadamu turan.
Ayi daabboo daabboon kun tajaajila meeqaaf oolaa ture?
@baacoowwan
Ayi daabboo daabboon kun tajaajila meeqaaf oolaa ture?
@baacoowwan
β€4π₯4
Faatii Vaaskwez π£οΈ #chiikii Yaamaal duraanii
"Yamaal mucaa amala gaarii qabu miti umrii 17'n qophii gara gara dubbartoota adda addaa waliin dabarsuu shubbisa garagara qophessuun fayyuma miti"
Faatiin itti dabaluun "laaminii yamaal waliin turtii baatii saddettiif jalalaa kessaa akka turan dubbatte jirti"

β€4π’4
HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
Photo
Madda Wal dhabdee US fi chaayinaa kan ture Dhimmichi Miidiyaa hawwaasuma TikTok' gara furmaatatti dhufeera jedhame.
TikTok'n US keessatti hojii isaa itti fufuuf waliigaltee irra gahuun isaa ibsameera Dhaabbilee Ameerikaatiin hogganamuuf deemas jedhamera.
Dhaabbanni miidiyaa hawaasaa TikTok waggootaaf Ameerikaa fi Chaayinaa jidduutti madda waldhabdee uumaa ture US keessatti hojii isaa itti fufuuf waliigaltee irra gahuun isaa ibsameera.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp ajaja hojii raawwachiiftuu waliigaltee TikTok kan dhaabbilee Ameerikaatiin qabamee fi hojjetamu taasisu deeggaru mallatteessaniiru.
Waliigaltee kanaan gareen invastarootaa Ameerikaan durfamu TikTok dhibbeentaa 80 dhaabbata Chaayinaa ByteDance irraa kan bitu yoo taβu, US keessatti TikTok ni toβata.
Waliigalteen waliigalaa kun guyyoota 120 itti aanan keessatti akka xummuramu kan beeksisan Doonaald Tiraamp, dhimma kana irratti pireezdaantii Chaayinaa Shii Jiinping waliin mariβachuun waliigalteerra gaβuu isaanii ibsaniiru.
TikTok irra deddeebiin mootummaa Ameerikaatiin daataa dhuunfaa lammiilee Ameerikaa dabarsee kennuun himatamaa ture, akkasumas filannoo dhoorkamuu ykn qooda US keessaa qabu lammiilee Ameerikaatti gurguruu akka qabu jedhamuun ni yaadatama.
βAbdii s

β€5
#Kana_dhageessaniiβ
Jaappaan keessatti namni tokko Baabura irraa of darbatee yoo of ajjeese maatiin warra du'anii yakkaan himatamu.

π8β€1
Miidhaa Walqunnamtii Saalaa Baay'isuun Qabu.
πππππππ
Fayyaa walqunnamtii saalaa eeguun fayyaa guutuu eeguu yoo taβu, daangaa fi of eeggannoon baayβee barbaachisaadha. Walqunnamtii saalaa baay'isuun, keessattuu yoo of eeggannoon hin taasifamne, rakkoo fayyaa garaagaraa fiduu dandaβa. Rakkoolee sababa kanaan dhufan keessaa inni jalqabaa dhukkuboota daddarboo karaa saalaa daddarban (STIs) akka HIV/AIDS, copxoo, fanxoo, fi dhukkkuba abbaa seeruu dabalatee babalβisuudha. Dhukkuboonni kunniin qaama saalaa miidhuu fi jireenya guutuu irratti miidhaa cimaa geessisuu dandaβu.
Kana malees, walqunnamtii saalaa baayβisuun fayyaa sammuu fi miira irratti dhiibbaa fida. Namni tokko yeroo baayβee walqunnamtii saalaa gochuun dhiphina sammuu, yaaddoo, fi miira gaddaa keessa seenuu mala, keessumaa yoo walitti dhufeenyi miira fi amanamummaa hin jiraanne. Namoonni muraasni gocha kananatti harka kennanii miira ofii tooβachuu dadhaburraa kan ka'e rakkoo hamaa keessa seenanii, hojii guyyaa fi guddina dhuunfaa isaanii irratti miidhaa geessisaa jiru.
Miidhaan qaamaa akka dadhabbii qaamaa fi jeequmsa hormooniillee namatti fida. Qaamni yeroo hunda boqonnaa barbaada, yeroo hunda kakaβumsa saalaa keessa jiraachuun sirna qaamaa jeeqa. Akkasumas, walqunnamtii saalaa of eeggannoo malee gaggeeffamuun ulfi tasaa uumamuu dandaβa. Kun ammoo rakkoo xiinsammuu, dingdee fi hawaasummaa keessa nama galcha.
Fayyaa guutuu eeguu fi nageenya dhuunfaa tikfachuuf, walqunnamtii saalaa sirnaani fi gaa'ila booda (haadha warraa qofa) waliin rawwachuun murteessadha. Walqunnamtiin sirrii fi itti gaafatamummaa qabu fayyaa dhuunfaa qofaa odoo hin taane, walitti dhufeenya, kabajaa fi nageenya hawaasummallee ni jabeessa.
Walumaagalatti, walqunnamtii saalaa gochuun amala uumamaa fi barbaachisaa taβe taβus, daangaa qabaachuu qaba. Miidhaa irraa of baraaruuf hubannoo gahaa qabaachuun, of eeggannoo gochuuni fi qorannoo fayyaa yeroo yerootti taasisuun barbaachisadha. Kana gochuun fayyaa qaamaa, sammuu fi hawaasummaa tiksuu keessatti gumaacha olaanaa qaba.
Β©οΈ Dr. Hamza Jemal

β€10π4