HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
19.8K subscribers
3.55K photos
446 videos
71 files
3K links
Kaayyoon keenya bashannansiisaa,kofalchiisaa,haqawwan
..
Youtube https://youtube.com/@odesitutube?si=uWwFA0Pk5UGOCn1m subscribe gochuun bohaaraa

Guddina artii, aadaafi afaan keenyaaf gahee nurraa eegamu haa baanu.
Yaada @Dhaloota nuun gahuu dandeessu
Download Telegram
Haleellaa US Keessatti❗

Ameerikaa, Michigan, Waldaa Kiristiyaanaa keessatti dhukaasa banameen yoo xiqqaate namoonni afur ajjeefaman.

Namni qawwee hidhate tokko konkolaataa oofee gara Church Ameerikaa kutaa Grand Blanc keessatti argamutti seenuun gocha kan raawwate yoo ta'u, namoonni hedduu madaa’uu poolisiin naannichaa beeksiseera.

Haleellaan kun kan raawwatame wayita waaqeffattoonni dhibbaan lakkaa’aman tajaajila tokkoof walitti qabamanitti ta’uu himame.

Dhukaasa kanaan alattis namtichi church rratti beenzila naqee ibidda itti qabsiisuun ibiddi akka ka'e gabaafameera. Kana hordofuun namoota du'an keessaa lama rasaasaan rukutamuu fi namoonni lama ibidda mudateen lubbuun isaanii darbuu isaa gabaasni poolisii mirkaneesse.

Shakkamaan, Toomaas Jaakoob Saanfoord, ganna 40, haleellaa kana booda bakka konkolaataa dhaabbatu mooraa church keessatti poolisiin rasaasaan rukutamee ajjeefamuu poolisiin beeksiseera.

Aangawoonni taatee kana qorannoon gaggeeffamaa jira jedhan!
Madda: Abc news
✍️ Tadele
@baacoowwan
❤5
"Namni baay'een qarshii waan qabuufi kan isa jaallatte naan jedhu. Garuu, kan nuti wal barre iyyuu taxi keessattidha. Taarifni taxi qarshii dabalee ture; 'qarshii shan' dabaleeramoo?' Jedhee na gaafate. Anis akka dabalee jiru itti himeen achumaan waliin haasa'uu eegalle. Amma jaalalleewwan waliif taanee jaalalaan waliin jiraachaa jirra..."

Jaalalli dhugaan bifaa fi qabeenya irratti hin hundaa'u!
Akkam namatti tolu! 😍😍
✍️ Tadele F


@baacoowwan
❤9
Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2017 qabxiin olaanaa kan jedhamee ibsame 591 kan fide barataa Kaaliid yoo ta'u, amma garuu qabxiin sirreeffamni waan taasifameef qabxiin olaanaan 591 kan ture amma 592.08 ta'eera.

Akka biyyaatti qabxii olaanaa lammaffaa barataa Kaaliiditti aanuun kan dhufe 589 kan tures amma 590.08 ta'eera.

Qabxiin barattoota kanneenii kan sirraa'e barataan Kaaliid akkamitti qabxii 9 qofaa dhaba kan jedhu irra deebiin ilaalamee 592.08 ta'uun isaa mirkanaa'eera.

Kan barattoota hedduu sirraa'ee waan jiruuf seenuun check taasisaa!


@baacoowwa
❤7
'Sister Rifeensi kee baay'ee bareedaa keetumaa garuu?' Jennan "hin shakkitaa" jette Risitii ittiin bittee natti agarsistee😃🫡



@baacoowwan
😁20
Dhangaa summiin qixxee
Hunda dhamdhamannee
Wanta yeroon fiddu
Hunda dandamannee

Jecha nuun jedhames
Dagalfachuun ciisnee
Waan meeqa gochuu
Utuu beeknuu dhiisnee

Jallina dachee kanaa
Mufannee utuu hin lufin
Jechaaf gocha namaan
Gufannee utuu hin kufin

Suutuma tirachaa
Deemaa tarkaanfannee
Kunoo hardha geenye
Gooftaa dura Aanfannee.



@baacoowwan
❤8👏8
( Meeqa?)

Gaafa miidhamasaa,
Gaafa miidhamashee,
Sagalee dhokfanna,
Cal jennee dabarra,
Dhibee ukkaamsina,

Gaafa dhabamasaa,
Gaafa dhabamashee,
Imala xumuraa....
Gamtaadhaan wal kaafna
Du'aaf sagalee taana!

Mee,
Birmannaa dhorkamee,
Dhibeen ukkaamamee,
Gidiraa callisaan baataa,
Beeqat' darbe laata?
Darbuufis wat-waata?
....

Gadaa Geetaachoo
@baacoowwan
❤5👍3🤝1
Gaaffii kana deebisaa


📍🐕 Saree qabuuf foon fayyadami 🥓

📍🧍Dhiira qabuuf dubartii fayyadami 👯

📍👯Dubartii qabuuf ammoo____fayyadami?


Dafaa irratti hirmaadhaa


@baacoowwan
😁11❤7
Forwarded from DHUGAA MACAAFAA ✝
Gaaffii 133ffaa

Raajiin Uffata isaa ofirraa baasuun dadachaasee laga Yordaanos ittiin rukutee iddoo lamatti hire eenyu jedhama?
Anonymous Quiz
27%
Eelsaayi
39%
Musee
8%
Isaayyaas
22%
Eeliyaas
5%
Eermiyaas
👍1
Tapha gabaaba kana dubbisa!
😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂
Nama sadiitu ture. Inni tokko ogeessa #fayyaati. Inni lammaffaan ogeessa #qonnaati. Inni sadaffaan #barsiisaadha. Jarreen sadanis qamalee arganii "mee nu keessaa namni qamalee kana kofalchiisu" jedhan.

Inni #1ffaa(ogeessi fayyaa) dhaqee gurratti hasaase kolfuu didde. Inni #2ffaa (ogeessi qonnaa) dhaqee gurratti jedhee waa itti hime kan isaas kolfuu didde. Inni #3ffaa (#barsiisaan) akkuma jara lamaanii dhaqee gurratti waa himee jennaan #kolfite. "Mee amma immoo nama boossisu" jedhan. Warrii lamaanii akkuma duraanii goonan boo'uu didde.#Barsiisaan ammas dhaqee gurratti hasaasee jennaan #boosse.

"Amma immoo nama qamalee kana baqachiisu" jedhani. #Ogeessi_fayyaafi #ogeessi_qonnaa akkuma duraa goonan baqachuu didde. #Barsiisaan ammas waa gurra isheetti jedhee himnaan #baqatte.
Kana booda #barsiisaadhan jarri lamaan
"akkamitti #kolfisiiste?. Akkamitti #boossiste?. Akkamitti
immoo #baqachiiste?" jennaan "jalqaba #hojii koo itti himee
jennaan #kolfite. lammata #miindaa koo itti himee jennaan
#boosse. Sadaffaa #liqii gaafadhee jennaan #baqattee"
jedheen.
😂🤣😂
Nagaan turaa🤭



@baacoowwan
❤33🤣6🥰2👍1
😌Jaappaanonni akka jedhaniitti namni fuula sadii qaba.

1) Fuulli inni jalqabaa, kan ati gad baatee addunyatti agarsiiftu dha.

2) Kan lammaffaa, Fuula ati hiriyoota sitti dhihooti fi maatii keetitti agarsiistu dha.

3) Kan sadaffaa ammoo nama tokkottillee goonkuma kan hin agarsiifne Fuula ati ittiin of beektudha. Inni kun calaqqee sirrii eenyummaa keetiti Isa yeroo kophaa kee jirtuudha.

Waanan Dubbisee natti toledha.


@baacoowwan
❤31👍5🔥1
Forwarded from MAKMAAKSA OROMOO✍ (Amen Ⓜ️)
#makmaaksa_Oromoo





✍️"Akka ati harree bittee galtu Yommuu dhudhuufaa manaa baate naaf gale" jette jaartiin.


#Mammaaka_Oromoo


@makmaaksa
❤12👍5😁2
#Kolfaaf 😜

🪡Namicha hiyyeessa tokkotu sangaa tokko qaba ture. Jireenyi itti ulfaannan sangaasaa gabaa geesse gurguratee utuu deebi'uu mana dhugaatiitti gore.

Isa booda dhugee machaa'ee, manatti galuuf karaarra bu'ee utuu deemuu manan gahe se'ee karasrra ciise.


🪡Achitti saamtun/hattoonni🤳 itti dhufanii qabeenya isa hunda harkaa fudhatanii, rifeensa isaa irra haadanii, sokkan.😊
Machiin irraa galee gaafa ka'u qarshiin isaa harka hin jiru. Iyyuuf gaafa mataa🙆‍♂️ qabatu rifeensi irra hin jiru.😀
.
.
.
.


Isa booda "kun ana miti jedhee deebi'ee rafe" Jedhama 😄🙆‍♂️

Odeefannoo gaariifi bashannansiisoo biroo argachuuf @baacoowwan filannoo keessan waan godhattaniif galatoomaa

Share godhi hiriyoota keef.

@baacoowwan
❤13👍11
Iskeelii miindaa haaraa hojjettoota mootummaa kan ji'a Fulbaana irraa kaasee kaffalamu.


@baacoowwan
❤8
Gorsa onneerra madde!🫡
1. Hammam yoo jaallatte iyyuu, Uumphaaa jettee text hin barreessiniif.😁 Dhungachuu yoo barbaadde deemi dhungadhu malee qubee afaan Oromootiin hin taphatin😄

2.Gaafa durba tokko jaallattu, naaf gaafadhu jettee nama kan birootti hin himatin! maal ati afaan hin qabduu ofii keetii hin gaafatattuu?🙄

3. Jaalallee keetii bilbiltee gaafa toorri bilbila ishee qabamaa ta'u, "Eenyutti haasa'aa turte?" jettee hin gaafatin!. Akka isheen "obboleessa kootu ykn adaadaa kootu naaf bilbile" siin jettu hin beektuu ati maaliif gowwaa taata?🤦🏽‍♂️

4. Moobaayilii chiikii keetii harkaa fuutee miiseejii (📥 inbox) seentee hin ilaalin. Amma dhuguma text dhiirri kan biroon barreesseef utuu irraa hin balleessiin sitti laatti jettee yaaddaa?🤔

5.Walaloo durii isa "bishaan qilxuu jalaa kan dhugu simbira. Ani rafee hin bulu yaanni koo si bira isa" jedhu tokko ammoo hin barreessiniif!. Barri isaa itti darbeera. walaloo haaraa kan ofii keetii barreessuufii yaali!.😋

6. Yoo haasaan sirkaa bade, booda siif bilbila jedhii irratti cufi malee, sirba jaalalaa bantee hin dhaaggeffachiisiin 📻✌️😀

Hin gaha isuma dhageenye kana hojii irra haa oolchinu.😋

@baacoowwan
😁19❤9👎2
Dubbisaa👇 😂😂😂😂😂

#HOJJATAA:- Har'a na dhukkubaa hojiin hin dhufu!

#HOOGGANAA:- Aboo hojiirraa hin hafinii koottu! Anuu yeroo na dhukkube jaartuma tiyya dhungannaan nan fayyaa, mee atiis yaali! Jedheen.

#Saatii_2_booda

#HOJJATAA:- "way galatoomi fayye amma!
Dhugumayyuu jaartiin kee Inuma Namatti tolti! Laalteetuma fuutee" Jedheen!!😘 😂🤣😂



@baacoowwan
❤13💔1
☑️Maatiin Haqa Baacoo fi Taphawwan 😃 marti baga ayyaana Irreechaa kan bara 2018 nagayaan geessan!🙌❤️

Irreechi irree keenya!💪

Share 📲@baacoowwam
❤4