HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
19.9K subscribers
3.55K photos
446 videos
71 files
3K links
Kaayyoon keenya bashannansiisaa,kofalchiisaa,haqawwan
..
Youtube https://youtube.com/@odesitutube?si=uWwFA0Pk5UGOCn1m subscribe gochuun bohaaraa

Guddina artii, aadaafi afaan keenyaaf gahee nurraa eegamu haa baanu.
Yaada @Dhaloota nuun gahuu dandeessu
Download Telegram
#Cidha_nama_bohaarsu
Akkuma dur durbi oromoo yeroo heerumtu koosoo ykn beenzila dhuguun aadeffatamu biyyoota garaagaraa keessatti aadawwan garaagaraatu jira.

Fkn-
1.#Durba_chaayinaa
Durbi chaayinaa gaafa heerumtu boo'uu qabdi.Kanaaf hanga cidhi ishee gahutti guyyaatti sa'aatii tokkoof boo'icha leenjiti.Bareechitee akka boochuuf haati ishee ykn firoonni ishee ni hordofu,ni deeggaru.

2.#Dhiira_koriyaa_kibbaa
Dhiirri koriyaa kibbaa guyyaan cidha isaa yeroo gahu miilli isaa wadaroon hidhamee xaawulaan reebama.

3.#Durba_Koongoo
Durbi koongoo gaafa heerumtu kolfuu,seequun dhorkaadha.kanaaf seeriyeesi gaaccahuun aadaadha.namoonni ishee kofalchiisuu hunda gochuun ishee qoru.Isheen garuu nyaara ishee hin hiikkattu.Fuula ishee fuula barsiisaa keenya herreegaa fakkeessitee turti.

4.#Maleeshiyaa
Maleeshiyaatti dhiirri fi dubarri walfuudhanii hanga guyyaa 3tti udaa*n haguun,fincaan fincaa'uun dhorkaadha.namni hanga guyyaa saditti udaa*n hagee ykn fincaa'e jireenya isaa gara fuulduraa balleessa jedhanii amanu

5.#Keeniyaa
Durbi keeniyaa yeroo heerumtu rifeensa mataa addaatti.Manguddoon immoo malaaxaa isheetti gorora tuttufuun eebbisu.

Dur durbi naannoo keessanii yeroo heerumtu maal maal fa'aa gooti? Comment jalatti nuuf qoodaa ittiin
bohaarraa!

@baacoowwan
@baacoowwan
❤14😁2
#Thomas_Wadhouse jedhama. Biyyi isaa Ingilizii yommuu ta'u; Jaarraa 18ffaa keessa bara 1730 A.L.A'tti dhalatee. Bara 1780 waggaa 50ffaa isaatti addunyaa kanatti nagaa dhaammate...

Uumama namaa irraa wanti adda isa taasisu funyaan isaati. Funyaan isaa 20cm gara gadiitti dheerata.

Dheerinni funyaan isaa kun doolaara baay'ee akka argatu isa taasiseera. Namootni hiriiraan maallaqa kaffalanii, funyaan isaa harkaan qaqqabaa akka muuziyeemiitti do'atu turani.

Hanga har'aatti hanga funyaan #Thomas_Wadhouse ga'uu haa turuu, kan itti siqu addunyaa kanarratti argameefi dhaga'amee hin beeku.

#Thomas_Wadhouse hanga har'aatti abbaa funyaan guddaa jedhamuudhaan, maqaan isaa galmee dinqisiisoo irratti galmaa'eera.!
(Kanin dubbiserraa akkan hiiketti)

✍Mugaabee O

@baacoowwan
❤26👍3👏2
Yoh. 7:37
🍊🍊🍊
³⁷ ...."Namni dheebote yoo jiraate gara koo haa dhufu, haa dhugus.
³⁸ Namni anatti amanu akkasuma haa godhu! Macaafni akkuma dubbate, 'Yaa'aan bishaan jiraataa garaa isaa keessaa in burqa'" jedhe. "

✝️JOIN:
HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAAN.
❤11👎1
CRICFy_v5.9.apk
17.2 MB
Cricfy updated version 5.9
Namoonni kubbaa miila mana keessan taahun ilaalu barbaaddan fayyadamaa!


Install yoo isiniif tahuu dide, app Cricfy duraan qabdan balleessaa! Haaraa isa kana buufadhaa!
👍3❤1💔1
Jechoota Dinqisiisoo #Robert_Mugabe


#Socialism : Saawwan lama qabdaa; tokko ollaaf akka kennitu si dirqisiisa.
#Communism : Saawwan lama qabdaa, Mootummaan lamaanuu fudhatee aannan siif kenna!.
#Faashistii: Saawwan lama qabda; Mootummaan lamaanuu fudhatee aannan sitti gurgura!
#Naazii : Saawwan lama qabdaa; Mootummaan lamaanuu fudhatee si'immoo si ajjeesa!

#Cappitaalism : Saawwan lama qabdaa; tokko gurgurtee Korma bittee saawwan biroo horsiifta!
#Modern_Capitalism : Saawwan lama qabdaa; tokko gurgurtee Korma bittee saawwan biroo horsiifta. Ammas Saawwan Ollaa kee hundayyuu bittee warra ollaa kee tiksee gootee qacarta!

#Ameerikaanota: Saawwan lama qabdaa; takka gurgurtee takkittii hafte irraa faayidaa sawwan afurii argatta. Achi booda ishiin in duuti. San booda akkaataa isheen itti duute irratti hiriyaakee waliin Reaserch gaggeessita!
#Chainoota : Saawwan lama qabdaa; takka gurgurtee plastica ittiin aannan biyya alaatti ergan oomishta!

#Afrikaanota : Saawwan lama qabdaa; foonshiis aannanshiis ji'a lama keessatti nyaattee fixxa. San booda UNICEF fi Misionary'tti galmoofta. Yoo achiin didame Waaqayyo dinqii godha jechuun halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomii kadhattee duuta!
Hojii Afrikaanotaa!" Jedhe

#ayi_Mugaabee_Mugee


@baacoowwan
❤17🥰3🔥1
#JECHOOTA_KANA_GUDUUNFADHU SIRRIITTI HUBADHU❣️
*******
1. Bishaan guute fi nama quufe dhaabbadhuu dabarsi.
2. Walitti dhufeenya nama waliin qabdu irra caalaatti cimsuudhaaf cimaa, jabaataa fi namaan walii galaa ta'i.
3. Beekaa kan si jechisiisu dubbisuu osoo hin taane Kan dubbifte yaadachuu keeti.
4. Yeroo hundaa ofirratti amanamummaa guddaa qabaadhu.
5. Dubartii dubartiin malee rasaasaan hin ajjeesin.
6. Kan koo qofa fudhu (dhagayi) kiyyatu sirriidha doofaa siin jedhu hubachiisii biraa fagaadhu malee waliin hin mormin.
7. Seenaa kaleessa raawwatteef dogongora Kan deebisu xiiqii sammuu keetiiti.
8. Namni hundi qabaachuu kan barbaachisu maqaa gaariidha.
9. Beelarra kajeellaatu nama miidha❗
10. Hiriyummaan burqaa bishaanii maddi isaa hin beekkamneedha.
11. Hiriyaan yeroo rakkoo fi dararaa humna.
12. Hiriyaan dhugaa yeroo dukkanaa ifaadha.
13. Hiriyaan dhugaa madda gammachuuti.
14. Hiriyaaf kan dhukkubsatuu fi ofirra nama hiriyaaf yaadu ta'i.
15. Hiriyaan dhugaa daawwitii dha. Rakkoo kee kan qooddatu waan ta'eef ilaaltu hin fagaatin.
16. Jecha caalaatti kan dubbatu gocha.
17. Nama jalaa dheessuun salphaadha, sammuu ofii jalaa miliquun garuu ulfaataadha.
18. Maalummaa ofii cimsanii beekuun gaarummaa loogii hin qabneedha.
19. Namni obsa qabu ganama cirracha nyaatee galgala aannan dhuga.
20. Galma gahumsi fedhii keetii kan madaalamuun milkaa'ina keetiin Kenneen biroo jiraachuu yoo danda'aniidha.
21. Oonnee kee qulqulluu godhi! Maaliif jennaan foddaa ala ittiin ilaaltudha.

Maddi: Miratuu Shaanqoo


@baacoowwan
❤28😁3🥰2
Forwarded from ISPOORTII AFAAN OROMOON ⚽️ (Ame¥ Ⓜ️®)
Ramaddiin marsaa mo'atanii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa ifa ta'ee jira.

Haaluma kanaan

PSG fi Cheelsii

Gaalatasaraay fi Liivarpuul

Riyaal Maadriid fi Maanchister Siitii

Atilaantaa fi Baayer Muunik

Niwukaastil fi Baarseloonaa

Atileetikoo fi Tootinaam

Boodoo Gilimti fi Ispoortiing

Baayerliverkusen fi Arsenaal waliin ramadamanii jiru.

@isportf
❤1
#Hoogganaan oolanaan Iraan #Ayatollaa_Khaameenii ajj-eefamuu Televijiinii Biyyaalessaa Iraan amma mirkaneessera.

Ajj-eefamuu fi jiraachuun isaanii odeeffannoo burjaajjii kan uume Hoogganaan oolanaan Iraan Ayatollah Alii Khaameenii maatii isaanii waliin halee-llaa Ameerikaa fi Israa’eeliin intala isaanii, gurbaa Soddaa isaaniifi maatii isaanii biroo waliin ajj-eefamuu Miidiyaaleen Iraan mirkaneessaniiru.

Kanaanis Iraan gadda Biyyaalessaa guyyoota 40'f labsuu beeksiste.

@baacoowwan
❤2
"Funyoo wallaalaan nan beeka jedhee xaxe, beekaan danda'ee hin hiiku"
#Dr_Gammachuu_Magarsaa !!




@baacoowwan
👍2
Haadhatu mucaasheetiin "mee abbaa keef bilbili. Laaqanni gaheera maaf hin dhufu laata?" jetteen. Mucaanis "Harmee yoo xiqqaate yeroo shanii bilbileera dubartii tokkotu na jalaa kaasa" jedheen.
Haatis "Anaan manatti dhiiseetu dubartii biraa waliin shooqiruu dhaqee? turi haa galuu anuu qorichasaa qotaaf" jettee dhaadatte.
Abbaan lafa hojiitii dadhabaansaa dhufee ol seene. Utumanni gad hin taa'iin haati warraa aariidhaan huutee qabatte. Abbaan manaas "Maalan balleesse? Maaltu uumame? mee turi gad na dhiisi tasgabbaa'i" jedhee harkashee ofirraa qabe. Haati manaa "isayyuu balleessaakee wallaaltee maaltu uumame naan jettaa?" jettee kaballaa gurratti qadaadde. Abbaan manaas miira keessa galuun dhiitichaan uleedhaan ishee tumuutti ka'e. Waci uumamee, ollaan yaa'ee dirmateef.
Maaltu uumame maaf wal reebdu gaafa jedhaman. Haati warraa sun "guyyaa guutuu anaan mana kaa'ee mana dubartii biraa oole bilbiluma isaallee isheetu nu jalaa kaasaa oole" jechuun himatte.
Abbaan manaa sunis "Waan isheen jettu sobadha. Bilbillikoo irrattis eenyuyyuu hin bilbille" jedhe.
Ammas haati manaa "Ela kunoo isayyuu na sobuu barbaadaam. kottumee mucaakoo argitaa abbaa kee hin saalfatu. Hin bilbille jedhee nu haaluu barbaada. maal siin jette dubartiin sila bilbila isaa kaaste?" jennaan.

"Hafteen herrega keessanii ga'aa miti. herrega dabalataa guuttadhaa" naan jette jedheen.😀

madda 👉 Aga Gemechu

@baacoowwan
❤15🥰7😁5
Akkana dubbiin

@baacoowwan
❤9👍8
Makmaaksa kana guutaa

"_____ qalbii hin qabne tuullaa xaafii gufatti"
Anonymous Quiz
16%
Dhiirti
60%
Dubartiin
10%
Gowwaan
13%
Salphoon
👍12❤3😁2👎1
Mammaaksa Oromoo Hiika isaa waliin:

➊. Dubartiin beektuun ganama dhalatti.
• Midhaan tolu biqila irratti tola.
• Buddeenni nama quubsu eelee irratti beekama.

➋. Dubartiin qalbii hin qabne tuullaa xaafii gufatti.
• Dubartiin waa of jalatti hin ilaalle waanuma ofii balleessiti jechuudha.

➌. Dubartii fi agadaan qalloo wayya.
• Furdina qaamaa irra jabina wayya jechuudha.

➍. Dubartii jennaan harka, saree jennaan sagaleedha.
• Dubartiin gaariin kan beekumsa qabdu, waan ishiin hojjettu bareedaa yoo ta’e jechuudha. Wanti ishiin hojjettu mi'aadha. Beekumsa ishee ibsuuf mammaakama.

➎. Dubartiin guyyaatti kudhan balleessiti; shan dhoksu, shan immoo ni obsu.
• Danda'uu agarsiisa!

➏. Dubbachuuf jabanni isaa dalga, dhiisuuf yeroo kootu darba jette dubarri!
• Yeroon utuu itti hin fayyadamin darbaa jira. Hojjechuufis dhiisuufis rakkadhe jechuudha.

♥︎ Afoola Afaan Oromo keessa ♥︎
◆ GALATOOMAA ◆

@baacoowwan
❤28👍2🤔1
#re-post

Yaa oduu. ....😂😂😂😂😂
Obboleettii koo tokkotu oduu jaalatti ture
😂
😂

Balaan konkolaataa dhaqqabeetu namoonni itti marsanii dhaabatu turan.sana booda maaloo na dabarsaa adaraa keessan na dabarsaa kan miidhameeru maal koo akka ta'e otoo beektu ta'ee daandii nattin cuftan turtan fira koodha kan miidhameeru jettee akka boo'uu godhachaa.....
Namoonnis gadduufii irraan kan ka'e daandii saaqaniif.
Kan du'e maalshee isinitti fakkaate nama gaddisiisa
.
.
.
.
.
😂

😂
😂
😂
😂
😂
😂
😂.
.
.
.
Harree tokkotu du'ee ture
@baacoowwan
@baacoowwan
👍8😁6❤3
Dubartii tokkotu uffata bifa bofaa qabu uffattee akka tasaa miilashee tokko uffata jalaan gadi baastee ciisti ture.
Yeroo Abbaan manaashee dhufu miilashee uffata jalaan gadi bahe kana bofa se'ee ulee sibiilaan rukute.
Akkuma suura irratti argitan kana abbumti manaashee miila haadha manaasaa ta'uu erga baree booda gara mana yaalaa geessuun; ogeessonni akka lafeen miilashee caccabee jiru itti himuun yaala barbaachisu argatteetti.

Egaa kanarraa waanti baratamu maali jettu?
Balleessaan kan eenyuuti jettu?

@baacoowwan
❤11😁2🔥1
Mammaaksa.
‎1,Waa sadi irraa waa sadi hin eegan
‎☞Hiyyeessa boonu irraa durummaa hin
‎eegan
‎☞Lola gowwaa irraa araara hin eegan
‎☞Dhibee dulluma keessaa irraa fayyaa hin eegan.
‎2,Waa sadi waa sadiitu mi’eessa
‎☞Nama du’e awwaalatu mi’eessa
‎☞Intala dubraa heerumaatu mi’eessa
‎☞Keessummaa galaatu mi’eessa

‎3,Waa sadi dulluma quba hin qaban
‎☞Qeensa
‎☞Rifeensa ykn dabbasaa
‎☞Qalbii ykn lubbuu
‎4,Waa sadi abbaatu kadhata sadi ofii dhufti
‎☞Durummaa abbaatu kadhata; hiyyummaan
‎ofumaa dhufti
‎☞Fayyaa abbaatu kadhata dhibeen
‎ykn duuti ofumaa dhufti
‎☞Ulfina abbaatu kadhata salphinni ofumaa dhufti

‎5,Kormaan lukkuu waa sadi fakkaata
‎☞Yoo lafa qotu adurree fakkaata
‎☞Yoo yeroon manatti galu hayyuu fakkaata
‎☞Yoo iyyu maraattuu fakkaata
‎6,Korbeessi re’ee waa sadi fakkaata
‎☞Yoo areeda laalan sheeka fakkaata
‎☞Yoo ofirratti fincaa’u saree fakkaata
‎☞Yoo hobobsu maraattu fakkaata

‎7,Tiitisni waa sadi fakkaata
‎☞Bifaan kanniisa fakkaata
‎☞Waa balfuu dhabuun waraabessa fakkaata
‎☞Iddoo arge qubachuun kashlabbee fakkaata
‎8,Namni waa sadi qabaatun tola
‎☞Sammuu qabaatun tola
‎☞Amala qabaatun tola
‎☞Amantii qabaatun tola

‎9,Waa sadi irraa waa sadi fokkisaadha.
‎☞Qurcii irraa qubeen fokkisaadha
‎☞Hiyyeessa irraa moorri fokkisaadha
‎☞Hayyuu ykn beekaa irraa kijibni
‎fokkisaadha
‎10,Jaarsi waa sadii jaalata
‎☞Abdii jaalata
‎☞Aduu jaalata
‎☞Oduu jaalata
‎11,Gowwaa waliin dhalachuun sadii gubachuudha
‎☞Isa namarraa eegda
‎☞Nama isarraa eegda
‎☞Ofii kee irraa of eegda
‎
#Kanan_dubbiserraa

@baacoowwan
❤27👏2
Ogummaa jalalaan
madaa koo wala'aantee.
Eessanan ol jedha
atoo na sakaaltee.

Manan itti galu
mukaan ijaaramee.
Hirribaaf gad ciiseen
yaada keen qabamee.
Xiqqoo akkan rafeen
abjuun dararamee.

Sagalee ol kaaseen
Al tokko si waamee.
Police jaalalaan
marfameen qabamee.
Waanan si jaaladheef
hidhaatin galchamee.
Hidhaa keessattillee
waa'ee kee jeeqamee.

Doctorin na yaaluuf
natti jijjiramee.
Onnee koo kessatti
si qofatu argamee

FB irraa

@baacoowwan
❤13👎2
Gaafa fiignuu-waliin fiignee
Dallaa yaaddo-waliin diignee

Waliif yaannee-waliin yaane
Akka tasaa-gargar baane

Erga deemte-ergan deeme
Roobni abdii-erga caamee

Yaada keetiif -otoon gaddu
Aarsaa ta'e- waggaan heddu

Egaa...
Ni dhuftaaf si eegun
Gowwaa na fakkeessee
Na yaaddaa kee hinbeeku
Bakka jirtu teessee
Yaadummoo hin danda'u
Sirraa of fageessee!

Kanaaf....
Sin yaadadha si hin abdadhu
Addaan baanus si hin dagadhu!


#walaloodha

@baacoowwan
❤6👍5
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
👍4❤3