Booji'aa Caalii
3K subscribers
1.87K photos
248 videos
14 files
78 links
Mootummaa jechuun qaama masaraa qabate osoo hin taane; qaama uummata qabatedha!
Download Telegram
Eeggadha!

Gantoonni maqaan isaanii Guutuu fi Mormeera jedhamtu maqaa Jaal Bilisummaa Guutaa fi Jaal Gaachan Shurrubbeetiin aanoota akka Gidaamii, Begii, Qondaala bulchiinsa magaalaa Qellem, Ashunfaa Kobor fi Qashimaandoo keessatti gantoota akka isaanii dhoksaan ijaaranii uummata maqaa W*raana Bilisumm** Oromoon saamaa jiru.

Kana irraa uummatni of eeggachuu qaba. Bilbilaa fi akkaawuntii isaan irratti galchaa jedhan:
👉 0992745356
👉 1000523510596
👉0959538995
👉1000260313979

Namootni maallaqaan uummata doorsisanii maallaqa fudhatanii W30 biraa akka hin taane beektanii akka irraa of eegdanii fi rakkoon akkasii bakka isin mudatutti maallaqa keessan bulguu Bilxiginnaa waliin qindaa’ee dinagdee keessan dhorutti kennuu irra yeruma sana W30tti yoo bilbilattan furmaata argattu.

Qabsoo fi qabsa’oota haqaan daldaluun yakka dhiifama hin qabneedha!
❤2
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Jajjabeen Zoonii Bahaa Akkasiin Qubsuma Diinaa Daaraa Botoroo Godhaa Jira.

🫴#WBO_Waliin_Fulduratti
👍7❤4🔥1
Fulbaana 20/2026

W3O'n Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan bulchiinsa Magalaa Mojoo hal*eeluun qabeenya isaa hunda irra fudhate
❤7🔥2
Zoonii Lixaa
Gum gum...
🔥5
Warra cobii namichi sin ergitan nun baheera!
Ergaa sin itti kennitanis nun ga'eera.

Please ilma namatti hin tabatiina garuu🥱
🔥1
❤1🥰1
JABAATAN JABAA TA’U!
=======================
Jabinni jaarmiyaa tokkoo baay’ina miseensotaa qofa irraa hin madaalamu; tokkummaa, naamusa, itti gaafatamummaa, hoggansa gaarii, beekumsa, fi kaayyoo waliinii irratti hundaa’a.

Jaarmiyaan tokko guddachuu kan danda’u yeroo caasaa isaa sirnaan ijaarratu, hojii fi itti gaafatamummaa ifatti qoodu, hoggansaaf gaafatamummaa qabaatu, akkasumas miseensonni isaa seeraafi naamusa waliinii kabajanidha.

Jabinni caasaa jaarmiyaa maal irraa dhufa?

- Tokkummaa: Miseensonni garaagarummaa dhuunfaa caalaa kaayyoo waliinii kabajuu.
- Hoggansa gaarii: Hoggansi murtii itti gaafatamummaa qabu kennuu, dhaggeeffachuu fi fakkeenya ta’uu.
- Naamusaafi seera: Hojii hundumaa keessatti seera, amanamummaa fi itti gaafatamummaa kabajuu.
- Beekumsaafi leenjii: Dandeettii, hubannoo fi ogummaa miseensotaa guddisuu.
- Caasaa ifa ta’e: Gaheen, aangoon fi itti gaafatamummaan ifatti beekamuu.
- Iftoominaafi to’annoo: Hanqina irraa barachuu, dogoggora sirreessuu fi itti gaafatamummaa fudhachuu.

Muuxannoo jaarmiyaa siyaasaa fi sochii hawaasaa, WBO dabalatee, irraa barachuun yoo barbaadame, xiyyeeffannoon caasaa, tokkummaa, naamusa, itti gaafatamummaa fi hariiroo uummataa irratti ta’uu danda’a. Garuu jaarmiyaa kamiyyuu keessatti jabinni waaraa kan dhufu qofa humna irraa osoo hin taane, amanamummaa, sirna itti gaafatamummaa qabuufi deeggarsa hawaasaa irraa ta’uu qaba.

Jabaatan jabaa ta’u!
Jaarmiyaan sirnaan ijaarame ni tura; kaayyoon ifa qabuufi itti gaafatamummaa qabu immoo abdii uummataa ni ijaara

Kutaa Waraanaa Risaa Laga Mogor
~BIRGEEDII JAAL LAGGASAA WAGII fi
~BIRGEEDII Arts. HAACAALUU HUNDEESSAA
Baga dhalattan. Dhaloota dhalootaa sirna ijaaru rabbi isin haa taasisu.

Injifannoon Uummata Oromoof!
OROMIYAAN BIYYA!

✍️Dhugaa Dhugoome
❤3🔥1
🔥5❤4
Seenaa keessatti Assab kan Itiyoophiyaa ta’ee hin beeku. Itiyoophiyaa haaraa amma beeknu gaafa ijaaramtu,Ertiriyaan kolonii Xaaliyaanii turte. 1952 - 1962 waggaa 10’f Federation tiin makamte. 1962 -1991 tti federation diigamee waggaa 29’f humnaan qaama Itiyoophiyaa taasifamte. Walumaa galatti waggaa 39 qofa Itiyoophiyaa wajjiin jiraatte.

Haylessilaaseen badhaasa UN irraa argatan,diiganii humnaan qaama Itiyoophiyaa gochuu yaaluun isaanii,qabsoo Ertiraanotaa finiinse.
Dargiin filannoo marii fi araaraa utuu qabuu,lolaan waggaa 17 dabarse. Kufaatii Dargii booda aarsaa dhiiga isaaniitiin Walabummaa isaanii mirkaneeffatan. Amma PP’n seera UN faana wal dhabaa jirti. utuu dubbannuu Abiy mataamti isaa Ertiriyaan biyya birmadummaa qabdu ta’uu mallatteesseera. sanumaanis badhaasa Noobeelii fudhate.

Haasaa wallaalummaa keessaa tokko “Balballi galaanaa Itiyoophiyaaf ni barbaachisa” kan jedhudha. eenyutu hin barbaachisu jedhe! Humnaan biyya namaa weeraruun hin ta’u jenne malee,barbaachisummaan balbala galaanaa daa’imaafuu ni gala. Marii fi marii qofaan argama. Afarsitoonni tasgabba’aa bor Abiy fi Isuun araaramanii isiin qaanessu.
🔥3
Shireerraa gara Hawuzeenitti.

Rahamarraa gara Aduwaatti Duddubatti baqachaa Kan Jiru Waraanni PP Dandiin inni itti of duuba baqatu Cufamee Abiddi itti rooba jira.
❤7👍2🔥2
W*B*O Drone'n jiilchuu akka hin dandeenye, Lola har'aa irraa hubachuun Nii dandeessu. itti fufnee jirra! nuti eenyuun akka taane, bareechinee isnitti agrsiisne; agarsiisaas jirra. Itti fufneerra!
🔥8
Injifannoo Sulula Finca'aa kan adda godhu kaadiree fi Waraanni ishee wal guurte utuu baqattuu isa Drone'n iddoo tokkotti macaqi isaan goote dha.

Injifannoo karaa meeshaan argame moo isaanumaan gaafadhaati mirkaneeffadhaa nun yoo dubbanne of-jejiina fakkaata🤣

Lolli ololaan miti sayiinsii kaa jennuuf kanumaaf🫵
❤8👏7👎3
Barii Barraaqan
Birgeediin Volkaanoo
Godina Jimmaa Aanaa Nunnuu Beenjaa
Keessaa Gogombisaa Jiraa. 💪🏾
👍9❤6🔥1
•Gochoota dhumaa Impaayerri jiguuf kaatee dalagduu.

~Jalqaba irraatti wanti hundii to'anna keenya jala jira jedhanii dhaadatuu.

Kana mirkaneessuuf qabeenya fi baajata biyyaa humna namaa dabalatee gara dirree lolaatti bobbaasu. Dabalataan resource jiruu hunda waliitti qabuun liqaaf oolchuu, liqaa kun ammoo ibiidda waraana isaanirra jiruu dhaamsuuf ykn qolachuuf ibiidda ittiin guuttatuu. Kana malees humna uummataa akka baraan cabsuuf guutummaatti uummaata of cinaa dhabamsiisuu. Kuni humnuuma isaan waliin jiruullee isaaniitti deebisaa. (Impaayerri itophiyaa Abiy Ahmed Ali n durfamtuu sadarkaa kanarraa erga geessee waggaa 3 fixxee jirtii. Sabaaba kanaafis economic policies isaa IMFf dabarsee kennee jiraa. Dadhabina fi qindoomina dhabuu humnoota isa lolanii irraayi malee zeeroodha).

~ Jijjiirraa haaromsaa kan caasaa godhuuf yaala

Inni kun immoo tarkaanfi dhumaa (the final trigger) tahuu isaati. Asiitti sabaabbi diinagdeen liqaan kufee fi diinagdeen isaa humna dhabeef gibira dabaluufaa haammataa, baasii isaa hirdhisuu tahuu danda'aa. Sad kanaatti sirniichi diggomaa taasisuu hunda ni kaasa. Baankii, tele, mana barnoota fi karaa irraatti dabalatee gibira dabalaa. Kunimmoo ofiitti dhukaasuu isaati. Diinagdee kufee cinaatti saboonni gaaffii mirgaa isaanii ukkaamfamee gaafa mirga nyaatanii buluu dhabaan Albee fudhatee gadi bahuuf dirqama.
(Sad Itoophiyaan amma dhugaatti irra jirtuu bakka kanaadha).

Duuba Abuyyaa Jawar iddoo kana impaayeera geesse olqabuuf yaaluun maali?. Oromoon impaayera itophiyaa irraatti aangomee kamiyyuu waan abiyyi dalageen addaatti maal dalagaa?

Impaayeroonni seenaan diigamuu isaanii beeknu hundinuu, Roomaa, British, Ottoman, akkasumaas USSR kalee dabalatee hundii isaanii sadarkaa kana keessa darbanii dhabama tahaan

•Yaadni Oromoon Itophiyaa keessa turuu qaba jedhuu, ilaalchi impaayeralizimii sammuu oromoota muraasaa keessatti lafa qabateedha. Ilaalchi kun adeemsa keessa sirna habashaa fi uummattoota Abisiniyaa irraa oromoota sirnaatti dhihoo (ilfiny tebaki) tahaniin dhaalamee malee hundeerra Oromoo hin ilaallatu.
Sabaaba kanaaf ammaas ilaalchi fi yaadni impaayera kolooneeffataa, kan sirnaan, aadaan, duudhaa fi malbulchaan oromoo fi oromiyaa hin fakkaannee saba kana irraatti fe'uuf deemamuu hundii farraa bilisummaati.
(In fact imperialism is an anti freedom and humanity idea)
Yaadichii yaada oromummaa summeessee itophiyummaa ol guddisuudha.

#OromiyaanBiyyaa
❤6🔥1
Daa'imni kichuu tun Ijoollee guyyaa kaleessa Mootummaan Biltsiginna Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbee iddoo addaa Amartii Gibee jedhamutti Diroonidhan namoota 6 iddoo tokkotti ajj°eese keessa isa tokkoo dha.
😭3❤2😢1