Dodola ifa boru special boarding school
2.68K subscribers
226 photos
5 videos
107 files
67 links
This channel is to help students through teach benefit able app, web. Additionally it is here for educationional and technical announcement!!!

https://t.me/English_for_ethiopia_practice
Download Telegram
BEEKSISA
Barattoota Kutaa 6ffaafi 8ffaatiif
#Naamusa_Qormaata_Naannoo_Kutaa_6ffaafi_8ffaa Bara 2018 Kabajamuu Qaban.
------------------
BBO- Caamsaa 30/2018 Barattootni Meeshaalee Qormaataaf Isaan Gargaaru /Heyyamameef /Qofa Qabatanii Buufata Qormaataatti Argamuu Akka Qabaniifi Meeshaalee Qormaataaf Hin Gargaarre/Dhoorkaa/ Ta'an Irraa Bilisa Ta'anii Argamuu Qabu.

#1_Kan_Heyyamaman
Meeshaaleen Gara Buufata/Kutaa/ Qormaataa Akka Galan Heyyamaman:
#Uffata Seeraa (Uniform) Mana Barnoota isaa,
#Kaardii Galmee/Admission Card/
#Kobbee/Irsaasii/ (Pencil)
#Haqxuu
#Sarartuu
#Qartuufi kkf Guuttatanii Ganama Sa'aatii 1:00 Irratti Buufata Qormaataatti Argamuu Qabu.

#2_Kan_Dhoorkaman.
Meeshaalee Gara Buufata Qormaataa Akka Dhufne Dhoorkaman Immoo:
#Moobaayilii, tableetii, kompitaraafi kkf
#Qalama
#Sa'aatii harkaa
#Meeshaalee_Elektirooniksii Kamiyyuu,
#Manatsirii_Ijaa (Eye Glass) Hakimiin hin heyyamane ,
#Uffata_Seeraa_Mana_Barnootaa Otuu Hin Uffatin Dhufuu,
#Qormaata walirraa garagalchuufi garagalchuu yaalun qormaatarraa haqsiisa,
#Meeshaalee_Qara_Qaban, Meeshaalee Waraanaafi kkf qabatanii gara Buufata/Kutaa Qormaataa/ Seenuu ykn seenuu yaaluufi
#Barfachuun gonkumaa Dhoorkaa ta'uu beeksifna.

Kanaafuu, Barataan Qormaata Fudhatu hunduu #Naamusa_Qormaataa_Kabajuun Xiyyeeffannoo Keessan Qrmaata Fudhattan Irratti Qofa Haata'u Jenna.

#Qormaatnis_kan_kennamu:
Kutaa 6ffaa :- Waxabajjii 08-09/2018 yoo ta'u,
Kutaa 8ffaa:- Waxabajjii 11-12/2018 ta'uun ni beekama.

Tolaa Bariisoo Gadaa 💠
❤1