Vacancy for Lab Technician and MRT at Wirtu Medium Clinic
Vacancy 1
Profesion -1 -Lab Technician
Quantity-1
Requirements
1.Expriance - 3 year and above
2.Language skill(both Afan oromo and Amharic is mandatory)
3.Valid professional licence
4.Gender -both
Vacancy 2
1.Profesion-MRT
2.Expriance -6months and above
3.Gender both
Place of work-Shaggar city,Sebeta subcity
Salary-Atractive
Vacancy posted on 12/11
18EC(July12,2026)
Deadline-20/11/18)(July 20,2026)
To apply you can 📞 0912773748 or can send scanned document on the telegram!
Good night!

❤7
Vacancy at Wirtu Medium Clinic (Reposted)
Profesion-Lab Technician
Quantity-1
Requirements
1.Expriance - 2 year and above
2.Active professional licence
3.Language skill(both Afan oromo and Amharic is mandatory)
3.Gender-both
Place of work-Shaggar city,Sebeta subcity
Salary-Atractive
Vacancy posted on 12/11
18EC(July 19,2026)
Deadline-19/11/18)

Forwarded from Birbo Chala
Yeroo daqiiqaa muraasan lakkaawamtu keessatti waan waggaa meeqa itti dhama'anii horatan dhabuu caala waan nama Naasisu jiraa?
Obboleessi keenyi asii gaditti mul'atu kun Obsaa Biraanuu jedhama. Mucaa qotee bulaa Carraaqee jiruu isaa fi maatii isaa jijjiiruf halkanii guyyaa hojjatuudha.Waaqnis isa milkeessee jiruu isaa fooyyeffachuuf dhagaa bu'uuraa xinnoo ishee lafa kaayyatee ture.Magaalaa san keessatti suuqii fooyyee qabu qaba ture.Achuma bukkeedhaammoo mana miizzanaas qaba ture.Midhaan bita. Guyyaa dheengaddaa balaan Ibsaa Aanaa Sabbata Awaas Magaalaa Kallachaatti halkan keessaa sa'aatii 7:00 muudatee ture. Balaa sanaanis qabeenyi Obboleessi keenyaa kun guutummaatti barbadaa'e.Balaan kun halkan ta'uun isaa ammoo namnii fi qaamni dhimmi ilaallatullee birmateefii rakkoo kana hambisuun akka hin danda’amne taasise.Kanumaan Qabeenyi isaa guutummaatti gubatanii dhuman. Qabeenyi gubates meeshaa suuqii isaa keessa jiru guutuu,Midhaan inni bitaa ture guutummaa isaa fi Even Xaa'on qonnaallee kuntaala hedduun keessa akka jiru nutti himan. Walumaagalatti qabeenya naannoo Miiliyoona 2.5 kan ta'u daqiiqaa muraasa keessatti dhabee taa'e mucichi.Namni kun nama haadha manaa fi daa'ima qabuudha. Balaa yeroo xinnoo tana keessatti uumamteen qabeenya kana hundaa dhabe. Kanumarraa kaanee Obboleessa keenya kana waan humnaatin otoo deeggarree yaada jedhuun gama keessan fide.
Loomin shantama nama tokkoof ba'aa nama shantamaaf birqii akkuma jedhamu sana otoo hin tuffatin waan humnaatin namni namummaan isinitti dhagahamu Account armaan gadii kanaan mucaa kana akka deeggartan waamicha obbolummaa isiniif goona.
CBE-1000785499402
Obsa Biranu and Bedada Ararsa & Bilisa Biranu

❤14
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
New arrival!
We have started doing Serum Testosterone
Qorannoo hormoonii dhiiraa gochuu eegalleerra. Dhuftanii ilaalamuu dandeessu.
Kilinika G/G Wiirtuu
Teessoon kutaa magaalaa Sabbataa Gamoo Bulchiinsa haaraa bira
09-57-78-80-03

❤21👍7
Waa'ee Marsaa laguu dubartootaa irratti wantoota ijoo beekamuu qaban!
Maxxansa 57ffaa(maxxansa waggaa 4 duraa)
**
1.Dubartiin takka dhalattee naannoo waggaa 10-16 jidduutti marsaa laguu arguu jalqabdi. Durboonni hedduun garuu waggaa 13 irratti arguu ennaa eegalan,yeroo tokko tokko keessattuu biyyoota guddatan keessatti waggaa 10 gadittillee arguun ni jira.Inni akkasii Early menarche (marsaa laguu ariifatee jalqabe) jedhama.Akkasumas waggaa 16tti kan itti hin dhufne taananillee dubartiin sun ilaalamuu barbaachisa.
2.Dubartii takka marsaan laguu kan irraa deemuu qabu waggaa 45-55 jidduutti. Jiddugaleessaan waggaa 51 ennaa ta'u waggaa 40 gaditti kan dhaabatu taanan "Early Menopause " garmalee dursee dhaabachuu marsaa laguu akka jechuuti.
3.Marsaan laguu sirriin turtii guyyaa 21-35 jidduudhan deddeebi'uu qaba.dubartoonni hedduun garuu guyyaa 28 tin deddeebi'anii argu.Kanaaf marsaan tokko guyyaa 21 gadittii fi guyyaa 35 caala kan turee dhufu taanan mallattoo dhukkubaa ta'uu waan maluuf mana yaalaa dhaquu barbaachisa.
4.Marsaa laguu sirriin guyyaa 3-8 turee deema. Turtiin guyyaa saddeetii oliis mallattoo dhukkubaa ta'uu danda'a.
5.Dhiigni Marsaan laguu tokko keessatti bahu giddugaleessan 40ml ta'a. Dhiigni marsaa tokkicharratti bahu 80ml ennaa caale ykn isa kana tilmaamuun cimuu waan maluuf haala baramaa hin taanen heddumminni isaa yoo dabale inni kunilleen mallattoo dhukkubaa ta'uu mala.
6.Marsaa laguu sirriin bifti isaa gara diimaa gurraachatti (Dark red)tti deema.
Hubachiisa:-Walumaagalatti Haalli marsaa laguu haala olitti jenne kanarraa geeddarame "Abnormal uterine bleeding "(Marsaa laguu sirrii hin taane) jedhama. Inni kun ammoo agarsiistuu dhukkuba garaagaraa waan ta'eef ilaalamuu barbaachisa.
👉Marsaa laguu maaltu akka jeeqamu
taasisa?
1.Qorichoota da'iinsa ittisan
2.Harma hoosisuu
3.Dhiphina
4.Jalqaba marsaa laguu fi ennaa marsaan laguu deemuf jirullee ni jeeqama.
5.Dhukkuboota garaagaraa kan akka Kaansarii fiixee gadaamessaa,dhiitoo gadaamessaa,Tishuun Gadaamessaa bakka biraatti argamuu(Endometrosis) fi Dhukkuboonni biroo tokko tokko marsaan laguu akka jeeqamu gochuu danda'u.
Gaafii biraa qabaannan kommentii jala kaawuu dandeessu! Ilaallee siniif deebifna.
Barnoota fayyaa biroo bilisaan argachuuf karaa youtube chaanaalii 👉 https://youtube.com/@drbirbochalaofficial akkasuma telegram chaanaalii keenyaa https://t.me/birbirsochala lixxanii argachuu dandeessu.
Muddee 24,2022
Yaala fayyaa garaagaraaf Kilinika G/G Wiirtuu Magaalaa Sabbataa dhaaba taaksii duuban gara lixaa!! 09-57-78-80-03
Fayyaa hin dhabina
Dr Birbo Chalala

❤12👍4
Oduu Gammachiisaa!
Oduu Lolaatin alaatti gaafa ceenu Manni Yaalaa Keenya Kilinikni G/G Wiirtuu Tajaajila Waliigalaa Yaala Gogaa Jalqabuu keenya isin beeksisuu barbaanna. Kanuma sababa godhachuudhan Gaafa guyyaa Roobii (Onk.4,2019) Ganama sa'aa 4:00 irraa eegaluun yaala gogaa Bilisaan kennuuf jirra. Kanaaf namoonni Rakkoo Dhukkuba gogaa qabdan Carraa kana fayyadamuudhan guyyicha Bilisaan yaalamaa.
Kana booda guyyaa Roobii yeroo hundaa waaree dura sa'aa 4:00 -8:00 tti Tajaajila kana kan kenninu ta'uu isin beeksifna.
Asumaanis Hakima Keessan Dr Kiyyaa(Ispeeshaalistii dhibee Gogaa fi Dhukkuboota karaa Walqunnamtii saalaa daddarban) waliin wal baraa!
Kilinika G/G Wiirtuu
Teessoon Magaalaa shaggar Kutaa magaalaa Sabbataa Gamoo Bulchiinsa haaraa bukkee
Beellama qabachuuf 👇👇

❤22
Akkuma yaadatamu Guyyaa borii jechuunis Onkololeensaa 4,2019 Mana yaalaa keenya Kilinika G/G Wiirtuutti Yaala fayyaa Dhukkuba gogaa garaagaraa bilisaan kennuuf akka jirru ibsinee turre.Maxxansa sana booda namoonni hedduun tajaajila kana barbaadan galmaayanii jiran. Ammas galmaayaa jiru. Isumaan walqabatee adeemsa isaa ifa isiniif gochuu barbaade.
1.Tajaajilli yaala Gogaatin walqabatu hunduu guyyaa borii bilisa. Kaardii irraa kaasee hanga Qorannoo garaagaraatti kanfaltii kamuu irraa bilisa.
2.Namni tajaajila kana barbaacha dhaqe Kutaa Reception yeroo gahu "Tajaajila yaala gogaa bilisaan fudhachuu dhufne" jettanii Receptionist tti himuu qabdu.Sababni isaas tajaajilli biraas waan kennamuuf salphumatti tajaajila biraa irraa adda bahuuf.
3.Tajaajilli kun guyyaa boruu yaa jalqabu maleee amma booda Guyyaa Roobii yeroo hundaa waaree dura ni jiraata.Kanaaf warri guyyaa borii Tajaajila kana argachuu barbaaddanii isiniif mijachuu didee dhaqqabuu dadhabdan Guyyaa Roobii biraa isinitti tole dhuftanii yaalamuu dandeessu.Gaafas garuu bilisa miti.
4.Dhaabbanni Keenya Kilinika G/G Wiirtuu I/G isaa murtaa'e" ykn Wirtu Medium Clinic PLC jedhama. Teessoon Magaalaa shaggar Kutaa magaalaa Sabbataa Gamoo Bulchiinsa haaraa bukkeetti argama.
Odeeffannoo dabalataa yoo barbaaddan

❤2
Dhala Dhabuu(Infertility)
****
Hiika : Dhala dhabuu jechuun jaalalleewaan lamaan ykn Abbaa warraa fi Haati warraa yoo xiqqaate waggaa tokkoof waliin jiraatanii yoo ulfi uumamuun hafe jechuudha.
Kana keessatti qusannoo ulfa ittisu kamiyyuu kan hin fudhannee fi wal-qunnamtii saalaa gahaa ta'e ( torbanitti 3- 4) kan taasisan yoo ta'edha.
Dhukkubni Kunis maatii harka dhibba keessaa harka kudha shan ( 15%) irratti kana argamuudha.
Sababootni dhala dhabuu maal fa'ii ta'uu danda'u?
1) Rakkoowwan Gadameessaa fi tuubbooo Gadameessan wal- qabatan (22%)
2) Rakkoowwan hanqaaquu omishuu fi hanqaaquu gadhiisuun wal-qabatan.( 27%)
3) Rakkoowwan sanyii kormaa omishuu fi dhangalaasuun wal-qabatan ( 25%)
4) Rakkoowwan adda baasuuf nama rakkisan( unexplained) ( 17%)
: kana jechuun erga qorannoon hundi taasifamee hundi nagaa ta'ee booda dha.
5) Rakkoowwan kan biroo..dhiphina (stress); isportiiwwan( exercise) , hanqina nyaataa (malnutrition) dhibeewwan namarra turan( chronic disease)....)
Qorannoowwan godhamuu qaban:
Qorannoowwan taasifamuu qaban namootaa namootatti garaagara waan ta'ee ogeessa fayyaan erga mari'atanii akkaataa itti rakkoo maamila sanaa wajjin deemuun yoo ta'e bareeda.
Sababiin ulfa dhabuu baay'ee waan ta'eef si'a tokkotti Qorannoo hunda erguu caalaa adeemsa adeemsaan( stepwise) yoo ta'e filatamaadha.
Fayyaan isinirraa hin fagaatin
Dr Tuujoo Dachaasaa(Ispeeshaalistii Ulfaa fi Gadaamessaa)tiin kan qophaaye!
Rakkoo kanaa fi kan biroo yoo qabaattan Dr Tuujjoo Dachaasaa kilinika G/G Wiirtuutti argachuu ni dandeessu.
Teessoo-Kutaa Magaalaa Sabbataa Aanaa Moglee Gamoo Bulchiinsa haaraa bukkee ykn dhaaba Taaksii duraanii duuban gara lixaatti argamna.
Guyyaa Gaarii!
Onk.16,2026!
Odeeffannoo dabalataaf

❤11👍1
Of-eeggannoo jabaa daa’imman keessaniif gochuu qabdan!
============••••==========•••••=========
Daa'ima tokko argachuuf bu'aa bahiin nama mudata. Keessattuu haati deessee guddisuuf qorumsi garaagaraa ishee muudata. Daa'imni tokko dhalatee gammachuun akka guddatu gochuun immoo fayyaa fi guddina sammuu isaaf/isheef bu'aa guddaa qaba.
Kanaafuu maal gochuu qabdu?
1. Daa'imni dhalatee sa'aatii 24 booda qaama isaanii dhiquu qabna. Yeroo kana of eeggannoo barbaachisa. Bishaan qorraan yoo tahe rakkina garaagaraa fida waan taheef xiqqoo ho'isuu barbaachisa.
2. Daa'imni tokko dhalattee sa'aatii 1 keessatti harma haadhaa hodhuu/Luuguu eegaluu qabdi. Yoo xiqqaate guyyaatti si'a 12 hodhuu ykn harma luuguu dandeessi. Kana jechuun daa’imni tokko garaagarummaa sa'aatii 2-3 n harma Haadhaa argachuu qabdi jechuudha . Dabalataan hanga ji’a 6tti haadha qofa hodhuu ykn luuguu qabdi. Harmi haadhaa Kunis nyaata dabalataa waliin hanga waggaa lamaatti itti fufuu qabdi.
3. Baatii ja'a booda nyaata dabalataa eegaluu qabdi. Kunis nyaata madaalawaa fi lallaafaa tahuu qaba.
4. Talaalliin yeroo isaa eeggate hordoffii cimaan kennamuufii qaba. Kuni sababii garaagaraan adda citee ni argina. Haala dandahameen daa’imni tokko talaallii isaa xumuruu qaba.
5. Dhalatanii guyyaa 10 booda ifa aduutti bahuu qabu. Innis erga qaama isaanii dhiqnee gogsinee booda qullaa isaanii, otoo waan tokko hin dibiin daqiiqaa 20-30 tahu qaba. Isaa booda ol galchanii dibanii sukkuumuudha. Kuni hanga daa'inni tokko fiigee gadi bahuu danda'uutti itti fufuu qaba.
6. Rakkinni addaa addaa kan akka qufaa, ho'ina qaamaa fi daa'imni yeroo harma hodhu dafquu yoo jiraate mana yaalaa geessanii ogeessa mariisisuu.
7. Gammachuun maatii tokkoo guddina sammuu daa'immanii keessatti gahee guddaa qaba. Akkasuma walitti bu'insii fi sagalee jabaan dhiphinaaf waan saaxiluu maluuf of eeggannoo barbaachisa.
Eegumsi daa'immaniif!
Fayyaa hin dhabinaa!
Maddi:-Dr. Sabboonaa L (Pediatrician)
Suurri :-Kan Kaayyoo fi Malkaa ti.
Yaala fayyaa garaagaraa yoo barbaaddan Kilinika G/G Wiirtuutti nu argachuu dandeessu
Teessoon kutaa magaalaa Sabbataa Gamoo Bulchiinsa haaraa bukkee
09-57-78-80-03
for more join https://t.me/birbirsochala
Nagayaatti!

❤1
Vacancy at Wirtu Medium Clinic
Gahee hojii-Qulqulleessituu
Muuxannoo- baatii 6 fi sanaa ol kan qabdu
Saala-dubara
Sadarkaa barnootaa-12+
Mindaa-Mariidhan
Galmaa'uf qaaman gara kilinikaa dhufuu ykn Karaa telegram 0912773748
tillee ni danda’ama
Guyyaa beeksifni bahe- Onk.16/2019
Guyyaan dhumaa-Onk. 25/2019
Bakki hojii-Kilinika G/G Wiirtuu

❤11
Iccitii milkaa'inaa torban!
Maxxansa 91ffaa(Re-posted)
**
Milkaa'ina jechuun namoonni garaagaraa haala garaagaraatin kan hiikanillee ta'u hayyoonni tokko tokko yoo ibsan milkaa'ina jechuun jireenya keessatti waan barbaadan argachuu ykn bakka barbaadan gahuu akka jechuutti hiiku.
Egaa namni gaafa dhalatu ulfaatina,dheerina, bifaa fi wantoota muraasarraan kan hafe namni hundi wal fakkaatadha. Garuu gaafa du'u ammoo hunduu garaagara. Gaariin jireenya isaa keessatti haalan milkaa'ee, jireenya barbaaduu fi hawwu jiraatee ennaa du'u kaan ammoo dhalachuu isaatti otoo gadduu jireenya isaa xummuuree biyyootti dabalama. Egaa anis har'a kanin isiniif qooduu dhufe iccitii namoota milkaa'anii kana. Isaanis gabaabinaan kan asii gadii kan!
1.Ka'uumsa kee maallaqa hin taasisin:Akkuma beekkamu namni kamuu jiraachuuf maallaqa akka isa barbaachisu beekamaadha. Haa ta'umalee reefu akkuma karaa milkaayinaa jalqabneen Kara maallqaatti fuula naanneeffannaan/hojii kee hunda maallaqatti jijjiiruf yaallan otoo bakka yaadame San hin gahin nuffinee karaatti hafna. Garuu cichoominaan waan harkaa qabnu sanirratti yoo hojjanne maallaqni San duuba ofumaa argamuu dandeessi.
2.Jibba hin sodaatin:Waan ati jalqabde tokkorratti namni hundi na deeggara ykn naaf fudhata jettee hin eegin. Akkuma kan si deeggaru jiru kan si mormus jira. Sababa malee kan si jibburree hin dhabamu. Sababni isaas namni hunduu ilaalcha garaagaraa qaba waan ta'eef.
3.Ciminaan dalagii(hard worker) ta'uu: Waan qabdee jirtu San irratti ciminaan hojjadhu. Ragaa saayinsiidhan deeggarame fayyadami.yeroo keetis waan hin barbaachifnetti hin ajjeesin. Naamusa ogummaa keessa jirtuu eegi garuu ciminaa fi haamileedhaan walitti fufiinsan dalagi.
4.yoo ati itti hojjatte kufaatin kamuu milkaa'ina keetif daandii bal'isa. Bakka wayiitti milkaa'uu dhiisun/kufuun dadhabina ta'uu dhiisuu hubachuu qabda. Garuu bakka kufte sanaa waa harkatti qabatee kaatee imala kee itti fufuu qabda. Kufaatii ofitti hin faarsin. Milkaa'ina kee of fuulduratti Ilaalaa adeemi.
5.Obsa qabaadhu:-Milkaa'inni adeemsa. Waan jalqabde San ciminaan, haamileedhaan fi obsaan gara fuula duraatti adeemuu si gaafata.gufuu xixiqqoo Karaarratti si muudattu obsaa fi malaan bira Tari. Gufuu xixiqqoodhan guffattee kufuu dandeessa. Garuu battaluma San waa qabattee kaatee deemsa Kara fuula duraa itti fufuu qabda. Sa'aatii xiqqoofillee achii ciistee waakkachuu hin qabdu.
6.Karaa jijjiirrachuu:-Imala milkaa'inaa keessatti karaan ati irra deemaa jirtu haalan si oofuu dide taanan, karaa/haala adeemsa kee jijjiirrachuun imala gara fuula duraa itti fufuu qabda. Karaa tokkicha si oofuu diderratti yeroo kee hin gubin.
7.Ciminaa fi dadhabina kee qulqulleessii adda baafadhu. Dadhabina kee Amani. Garuu ammoo gara ciminaatti ol fidadhu. Cimina kee dinqisiifadhu. Motora imala keetii siif ta'a waan ta'eef.
Amaloota kana qabatee deemnan sababni hin milkoofnef hin jiru jedhu warreen milkaa'ina kana bira gahan!
Maddi-Namoota milkaa'anii irraa fi muuxannoo fi muudannoo dhuunfaa kootirrraa!
Dhumarratti barruu tana yoo jaalala share gochuun hiriyoota keessan biraan gahuu hin dagatinaa!
Dhumarratti Yaala fayyaa garaagaraa argachuu yoo barbaaddan Kilinika G/G Wiirtuu dubbisuu dandeessu.
Teessoo-Magaalaa Sabbataa dhaaba taaksii duuban gara lixaa Gamoo Abbaa Darbii 4 jala isaatti argamna.📞09-57-78-80-03
Barnoota fayyaa biraaf karaa youtube chaanaalii Keenya 👉https://youtube.com/channel/UCfw36GqOxMrC9heJ-GGVLcw
Fi telegram grouphttps://t.me/WiirtuuFayyaa
Nu hordofuu dandeessu.
Adoolessa 30,2025
Halkan gaarii
Dr Birbo Chala

👍5
Yaadachiisa!
Namoonni Rakkoo Dhukkuba gogaa qabdan guyyaa hundaa roobii sa'aa 6:00-8:00 jidduutti gara Kilinika G/G Wiirtuu dhuftanii yaalamuu dandeessu.Teessoon kutaa magaalaa Sabbataa Gamoo Bulchiinsa haaraa bukkee 09-57-78-80-03

👍4❤1
HIV ittisuuf qorichi waggaatti yeroo lama qofa bifa waraansaan fudhatamu "Lenacapavir" jedhamu qorannoon mirkanaa'ee gara hojiitti seene.
HIV ittisuuf qorichi kun argamuun isaa saayinsii fayyaa gara boqonnaa haaraatti kan ceessisuu fi ittisa HIV irratti filannoo haaraa fi abdachiisaa ta'ee argameera.
Qorichi kun kan kennamu nama maraaf osoo hin taane kanneen haala adda ta’een HIV'f saaxilamoo ta'uun isaanii itti amanameefi dha.
Bu'a qabeessummaa isaa irratti qorannoowwan lama PURPOSE 1 fi PURPOSE 2 jedhaman geggeeffamanii, dandeettiin dhibee HIV ittisuu qoricha kanaa 100% fi 96% ta'uu agarsiisaniiru.
Ta'us qorichi kun HIV qofa malee dhibeewwaan saalqunnamtiin daddarban akka cophxoo, fanxoo, vayiirasii tiruu (B fi C) fi biroo hin ittisu.
Fayyaan Faaya!
Maddi-OHB

❤6👍6