Gorsa Jireenyaa✈️
4.93K subscribers
146 photos
9 videos
32 files
375 links
Channel keenya #join godha!
Ergalee barsiiso ta'an gaggaari ni argattu. March 5 2020

Join @Gorsajireenya_group

Yaadaaf:: @Gorsajireenya_bot
Download Telegram
Qoraasuma Sammuu

"Kitaabota kuma dubbisi, jechoonnikee
akka galaanaa dambali'u" - --Virjiiniyaa Woolf

Namni kitaaba dubbisu osoo hin du'iin dura, waggoota
kumaatama hedduu jiraata. Namni hin dubbisne garuu si'a
tokko qofa jiraata. Akkuma soorachuuf yeroo qoodnee:
Ciree, Laaqana(Nyaata guyyaa) fi Irbaata(Dhiyana) jennee
garaa keenya soorru, kitaabotas sagantaan qoodnee
dubbisaa, sammuu keenya sooruu qabna.
#Dubbisuun:-

Arraba gabaabsa
Afaan dhiphisa
Sammuu bal'isa
Wallaalaa qaroomsa
Beekaa daraan qara.

Kunneen bu'aa dubbisuuti, ammoo hayyoonni adda idil-addunyaatti dhiibbaa gurguddaa uumuudhaan beekamanis bu'aa dubbisuuti. Kana qofaa osoo hin taane, kalaqaawwan gurguddoo addunyaan kun itti fayyadamaa jirtus warri nu badhaasan, namootuma hiriyaa kitaabaa turanii fi hidhata kitaaba waliin qabanidha, ammoo warra dubbisuun nyaata nyaatanii olitti itti mi'aawudha. Kitaabonni gurguddoon dhiibbaa cimaa uumuudhaan beekaman, kan dhaloonni labataa labatatti darbee dubbisuus namootuma dubbistoota ciccimoo ta'antu, barreessee addunyaa kanaaf laate. Ammoo kitaabonni sun dafqa jabaatanii dubbisuu, keessaa argamidha.

Barreessaa cimaa ta'uudhaaf dursa dubbisaa cimaa ta'uun dirqamadha.

Galaanni hin jirre hin waraabamu. Isteefan Kiingi namni
jedhamu akkana jedhee ture, "Yoo barreessaa ta'uu barbaadde waan hunda caalaa wantoota lama gochuu qabda;
Baay'ee dubbisi, achii baay'ee barreessi!" Dhugaa dubbachuuf taanaan aalbeen osoo hin qaramiin waan tokko muruu hin dandeessu. Sammuun namaas akkasuma. Waa barreessuun dura dubbisuun dirqama barreessaa tokkorraa eegamudha. Sammuu kitaabota adda-addaatiin dubbisee utubame qabaachuun waan dansaati. Waa'ee dubbisuu yoo haasa'uu hayyuun beekamaan addunyaa fi mirga gurraachotaaf falmuun beekamu ture Maartiin Luuter Kiing akkas jedha ture, "Dubbisuun afaan si cufa osoo hin taane, haasaa sin madaalle si tuffachiisa!" jechuun kitaabaaf nama walitti hidha. Dubbisaan sirriin yoo dubbatu haasawaan isaa akka dammaa namatti mi'aawa. Haasaa dhageettii gurraaf tolu ,kan quuqqaaf quuqama xiin-sammuu namaa irratti hin qabaanne madaalee haasa'a. Dhaggeeffataan dubbisaa gaarii dhaggeefatullee jireenyi isaa akka malee boqochaa, akka waan siree oksijiiniin haguugame keessa jiruutti taa'ee haasaa namichaa dhudha'a.
.
Kana qofaa osoo hin taane, dubbisaan gaariin jireenya dhaggeeffataa isaa irratti dhiibbaa kallattii uumuudhaan beekama. Kun hundumtuun firii dubbisuu keessaa argamudha. Dubbataan dubbisaa hin taane yoo dubbatummoo, isa jalqabaa filannoo jechoota dubbatuu irrattiyyuu nama sirrii miti. Kansaa waan baay'eetu babbadaadha. Jechoota qor-qalbii yokaan xiin-sammuu namaatti bu'an dubbachuun dhaggeeffataa isaa waliin lola guddaa uumuu danda'a. Dirree waraana sammuu dhaggeeffataa isaa irratti uumuu danda'a.
"Manni kitaabni keessa hin jirre akka foon lubbuu hin qabneeti!" Siiseerootu jedhe. Akkuma foon lubbuu hin qabne, socho'uu hin dandeenye manni kitaabni keessa hin jirree, abbaan mana sana keessa jiru sammuun isaa socho'uu hin danda'u. Kanaaf mi'a manaa qofaa osoo hin taane, kitaabas manaa qabaachuun dirqamadha.

Waluumagalatti namoota akkasiitiif furmaanni, mana yaalaa deemuu osoo hin taane, mana kitaabni itti gurguramu deemanii yaalamuutu sirriidha.
.
Dubbisuun yeroo kee sirraa fixa osoo hin taane,ba'aaf rakkoo jireenyakee keessatti si quunnaman sirraa fixa. Kitaabota dubbistummoo filattee dubbisuun ga'ee kan keetii. Sammuu ofitti amanamummaa dhabee fi jireenya dhaabbii dhabeef, kitaaba dhubbisuun deebisanii ijaaruun salphaadha. Sammuu dubbisee arge qofaatu kana ragaa ba'uu danda'a.

Ammaaf xumureera! Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattidha!

Join @Gorsa_jireenya. @Gorsa_jireeny
Maal yoo ta'eyyu of jiraachiisu waan dandeessuf hagaasmara waa'ee jirenyakeef sammuukee garmaale hin dhiphisin! Dhiphachuurra yoo gammaadde waayya! Waan sirra fagoo haalala jiru ilaalte garaakee hin gaaddisiisin! Yoo sabaabuma ittin of gammaachiistu dhabdee dhabde harka, miillafi dhaqnaa nagaa fi faayya qabeessa ta'e qabattee sochoo'ukee gad taa'iiti ofitti himi! Gudda dhabde ilaalte cannaaqamurra xiqqoo of harkaa qabduuti gammaadun boqonnaa fi tasgaabbi sammuu fi yaada ofiif kenni! Jireenyi bara kana isa itti toleef akka jaannata, isa carraansa itti balleesse fi karaashee dhabeef akka si'ooli. In gubaa. In dhiphaata. Waan kamiifu yeroo qabaniiti gammaadun gaariidha.

Obboleessa Keessaan WameranTolera Benti

Join @Gorsa_jireenya
@Gorsa_jireenya
Forwarded from Warkina Gudisa
Mallattoolee jaalalli hiriyyoota lamaan gidduu jiru gaariidha ykn jaalala sirriidha jechuu nu dandeessisan

🔱Jaalalli sirriin maal akka ta’e ibsuun dura beekuu kan qabnu tokkotu jira. Innis, wanti tokko sirriidha ykn sirrii miti jechuudhaaf safartuun dhaabbataa ta’e waan hin jirreef, waan isaaf sirrii ta’e abbaatu murteeffata. Haata’u malee wanti waliif nu galchuu danda’u, jaalala keenyarraa gammachuu fi ofitti amanamummaa argachuu qabna. Wanti nama tokko gammachiisu isa biraa gammachiisuu dhiisuu danda’a jechuu kooti. Darbee darbee walitti dheekkamuun tarii yoo jiraateyyuu gammachuu guyyaa baayyee zeeroo gochuu hin danda’u.

jaalala isaaniimoo? oohh! Waaqni ija irraa isin haa hambisu kan jedhameef warra akkamiifi?

🔆Kanaafuu amaloota ykn mallattoolee jaalalli hiriyoota lamaan gidduu jiru jaalala gaaridha ittiin jechuu dandeenyu keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti.

🔅🔅1) Jaalallee kee faana akka barbaaddetti odeessuu kan dandeessu yoo ta’e. Kana yoo jennu waan keessa kee jiru jaalallee keetti yoo himte natti aara/aarti, jaalala keenyatu bada jettee kan hin sodaanne yoo ta’ee fi waan kamiyyuu ifatti odeessitanii irratti waliif galtu taanaan gaariidha. Fknf balleessaa jalallee keetii itti himuu, rakkina kee itti himtee gargaarsa gaafachuu, akkam akka siif gochuu qabdu/qabu itti himuu…

🔅🔅2) Amanamummaa ykn walshakkii dhiisuu. Hamma xiqqoo walshakkiin yoo jiraates homaa miti. San akka qaphxii 1ffaa jalatti ilaalleen furachuu yoo danda’ame gaariidha. Akkasumas, nama afaanii qofa osoo hin taane nama gochaa ta’anii waliif argamuun murteessadha. Fknf beellama kabajuu fi soba dhiisuu. Asin jira jennaan achitti nama argamu ta’uun barbaachisaadha. Kan biraa keessattuu isheen shamaraa hiriyaasheetti ofgatuu yoo dandeesse Jaalala gaariidha. Fkf, yeroo waliin mana tokko bulan hirriiba ho’aa rafti yoo ta’e, icciitii isaa funaanuu hin feetu yoo ta’e, Icciitii ishee naaf eega jettee isatti nama amanu yoo taate, Qaamashee hin dhoksitu yoota’e fi kkf, isuma dhugaa jaalala bareedaadha.

🔅🔅3) Walhubachuu ni dandeessu yoo taatan. Walumaa galatti afaan keessan walitti yoo siniif qajeele, arraba waliirraa jecha buttanii wal hin falmitan yoo ta’e, akkaataan sin jaalala waliif ibsitan isinuma lamaantu muuxannoodhaan gabbifachaa dhufe yoo ta’e, jaalalli keessan qabbana qaba.

🔅🔅4) Waan waliif isin hin galchinerratti akka waliif hin galle yoo waliif galtan. Jechi kuni xiqqoo walxaxaa fakkaata. Garuu wantin jechuu barbaade, dhimma yoo irratti waliif galuu baattanis rakkoo hin qabne dhiisu yoo dandeessan, kiyya malee kee hin ta’uu yoo hin qabdan ta’e, isin warra walta’e.

🔅🔅5) Nama ofiif yaadee galma kaayyoo mataa mataa keessaniirratti waljajjabeessu yoo taatan kunis jaalala bareedaa ta’uu argisiisa. Akka dhuunfaatti biizinesii ykn fedhii qabda taanaan jaalalleen kee si fuuldura kan hin dhaabbanne ta’uu qaba. Deemee deemee kanuma waliiti waan ta’eef.
🔅🔅6) Nama hanqinaa fi cimina ofii beeku yoo taatan. Dogoggora ofii nama fudhatu ta’uu, dhiifama gaafachuu, dhiifama gochuu fi walgaafatanii walirraa baruu, dogoggora jaalallee ofiitti aaruu osoo hin taane gorfachuu yoo dandeessan jaalala miidhagaadha ijarraa isin.haa hanbisu!

🔅🔅7) Abdii walii keessanii yoo taatan. Dhuguma jaalala gaarii waliin qabdu taanan isin wabii waliiti. Yeroo walbira jirtan gammachuutu sinitti dhagayama. Wal bira teessanii gara biraatti yaadaan hin baddan.

Walumaa galatti jaalalli gaarin soorata sammuuti. Haata’u malee kallattiiwwan armaan olii kanarraa maqee yeroon gufuu walitti ta’an, waldhiphisan fi fayyaa walii rakkina guddoo keessa galchan ni jira. Kanaafuu, dursa jaalala kennuurratti xiyyeeffadhu, jaalalleen keemmoo dachaa isaa siif kenna/kenniti.

Gorsi kiyya kuni sinitti toleera jedheen abdadha. Hanga walitti deebinutti nagaan turaa.

Waan dubbistaniif galatoomaa!

Fuulbarruu kiyya kana #follow
godhattanii guyyarraa waan heddu argachuu dandeessu👇👇👇
✍ Abdi Abiyo Edao

Join @Gorsa_jireenya
Forwarded from MILKAA'INA JIREENYAA (Abdii Abbiyyoo Eda'oo)
Akkam jirtu jaalatamtoota Koo turtii waggaa sadii oliif channel kana irraa waan adda addaa Akka argachaa turtan Nan amana. Garuu Har'a nama as duubaa taa'ee isin gorsaa tureenis wal barattu, akkasuma waan xiqqoo takka wayii isinirraan barbaada.
Innis Dorgommii dhaabbanii #BAJAI_NARASH Jedhamu barattoota qofaaf qopheesse irraatti anis Akka barataa tokkotti dorgomeera



"Abdii Aabbiyyoo jedhama. Yuuniversiitii Arsiitti Barataa saayinsii fayyaa waggaa Afraffaatti (medicine C-1). Miidiyaalee adda addaa fayyadamuun akkamitti barattonni Barnoota isaaniitiin Akka ciman tajaajila qayyabannaa fi gorsa kennaa jira.keessumaayyu Waggaa sadan darbaniif karaa telegram dhaan channela " milkaa'ina Jireenyaa" jedhuun gara barattoota 20,000 oliif gorsa adda addaa kennuun Akka barattonni haala kamiin qayyabatanii milkaa'oo ta'uu danda'an hubannaa kennaafii tureera. Kanumarraa ka'uun barattoota Kanaaf muxannoowwaani fi muudannoowwan ofii koofi hiriyyoota koo irraa walitti kuusee , research garagaraas kan jalqabe xumuree yeroo dhiyotti barattootaf gumaachuun fedha. Dorgommii kana yoon moo'adhe haala addaan nuffii tokko malee research kana xumureen barattoota sadarkaa olaanoo fi gadi aanootiif Nan gumaacha."


AKKUMA AN WAGGAA SADIIF NUFFII TOKKO MALEE GORSA ADDA ADDAA ISINIIF KEENNAA TURE , ISIN AMMOO SECOND SHAN NAAF KENNAATII NA MOOSISAA.
Link gadii kanaan seenaatii #like #comment #share naaf godhaa
👇👇👇👇👇

https://www.facebook.com/100002028524680/posts/pfbid02AfMi9JWgL4CxTqbsk1QHxQepz6vPLfGGryKoDP6bhedmGtxy78wjv4ddhC17eMNRl/?app=fbl

Isinan jaaladha!
If you are understand about yourself, that is the first knowlegde. Knowlegde come from knowing. Know is come from understand. Understandings come from meditiate and analyze what you are see and what you are hear. by this way you can be knowlegdeble. without understand you cannot know everything. Without analyze you cannot understand any things.
If you are want to know one things, first analyzed about that things for understand!

Yoo waa'ee ofii keetii hubatte, sun beekumsa jalqabaati. Beekumsi beekuu irraa argama. Beekumsi hubannoo irraa argama. Hubannoon kan argamu waan argituu fi waan dhaga’aa jirtu xiinxaluu fi xiinxaluu irraati. karaa kanaan beekumsa qabaachuu dandeessa. osoo hin hubatin waan hunda beekuu hin dandeessu. Xiinxala malee waan tokkollee hubachuu hin dandeessu. Yoo waan tokko beekuu barbaadde, jalqaba waa'ee wantoota sanaa xiinxali hubachuuf!

Via: WameranTolera

Joinformore: @Gorsa_jireenya
https://t.me/tapswap_mirror_1_bot?start=r_1812857085 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
Linki kanan seenun tapswap guyyaa tokko hafe kana taphaadha
Jireenya keessati namoota simiidhuf sitti maggalanif, simiidha jiranifi sigufaachisu waameeqa xaaxanif sirakkisanif deebin jalqaaba ati kennu qabdu, caallisudha. Jala diidudha. Deebi kennu dhiisudha.

Daa'imaa dhoqee keessati kufte jirtu tokko argun gaafa lafa kaastu, ishee lafa kaasuti dhoqee sanan tuuqamunke hin oolu. Dhoqee Sila tuquuf yaada keessa hin qabne daa'imaa sana lafa kaasuti tuqxa. Dhoqeechis situqa. Akkasumaa, namoota sigufaachisuf sirakkisa jiraanif deebi hammuma kennitu karaa ittin kufun lafa yaada isaani isaanif geessu kennitaf. Atis raakko siluma kaayyokeef jette keessa galteeti dabaaltetu raakko bira ofiti dabaalta. Caallisuun immoo waan hundumaaf karaa gabaaba ati of oolchu dandeessudha. Nama kaayyoo qabu yoo taate yoomiyyuu dhiibbaa sirra gahu kamiifu obsuf gara kuteessa ta'u qabda. Tari nama oonne jabaa qabu eenyunu hin sodaanne fi sodaa waan kamiyyu hin qabne ta'u dandeessa kanan dura. Nama kaayyo gaafa taatu garuu akka ofiike dhiistetu akka kaayyoochi sirra barbaaduuti jiraatta. Kanaafuu waan kamu obsuf yaadi male waan hundumaaf deebi kennuf hin yaalin!

Jireenya keessati haaloota tokko tokko yerootu fura. Bara ati galmake gahuf hojjettufi dhamaatuti namoota gaarii sif godhan galaateffata, namoota simiidhan immoo dhiisa bira darbi. Garuu waan namoonni sigodhanis waan namoonni sif godhanis yaada garaakeeti kataabadhu darbi. Karaa jireenyake gaafa deemtu obsan. Gaafa lafa baatef geessu immoo akka itti dhuftee(lafa baatef geesse) haasofta. Wanti ati dagaachu hin qabne bara ati kaayyoke milkeessuf hojjettu namoonni simiidhanis ta'e namoonni waan gaarii siif godhan laachanu milkaaina keef gahe gurguddaa qabu. Sabaabinsa barnootale jireenyaa wantoota jireenya keessati taatufi jireenya keessati gootun baratta waan ta'ef.
Nama kaayyo yoo taate, kaayyoke milkeessuf waan ta'u qabdu ta'i! Waan gochuu qabdu godhi! Obsi! Garuu tasumaa abdi hin kutaatin!

Via: WameranTolera Benti tin

Joinformore: @Gorsa_jireenya
Live stream finished (290 days)
Yaada Fudhachuu:-

Yaada si'a lama fudhachuu qabda: inni 1ffaan hojii tokko gaafa hojjennu bu'a hojii sanan argamsiisne irraati namoonni yaada maali akka qabanifi ilaalcha isaaniti hojiichi bu'ansa maal akka fakkaatu baruuf yaada fudhachuudha. Yaada nuti erga waan tokko xumurree adeemsa hojii keenyarrati obboloonni cina keenya yaada akkami qabu isa jedhu baruuf, akkasumaas tarii waan fooyyeesu qabnufi cimina qabnu itti fufsiisun nurra jiraatu namootarra yaada fudhachuuf nugargara.

Inni 2ffaan, Utuu hojjechuu hin jalqaabin hojjechuu yaada yaadne irraati marii nutii obboloota hiriyyoottanifi michuu keenya amanamoo yaada fooyya'a ta'e nuuf kennu danda'an irra fudhannudha. Oromoonu yoo mammaaku, "mariyaatan goowwa hin qabu" jedha. Wanta tokko gochuuf waanuma murteessine duwwadhaf hin goonu. Waan tokko raawwachuuf murteessun gaarii ta'us murtoo duwwaati yeroo hundaa amanun immoo yaada namootarra akka fagaannufi altokko tokkos raakkinoota utuu hin hubatinif akka saaxilamnu nutaasisa. Kanaafuu wanta hojjechuuf yaada keessa qabnu ogeessaa waan sanarrati miuuxxanno hojiifi beekumsaa waliigalasaa qabu mariisisun gaarii ta'a. Barbaachisaadhas. Business jalqaabuf yaadde sana haala business jalqaabuf yaadde sana namoota hojjetta jiraanif turan muuxxannoo isaan kanan dura hojiicharrati qaban isaanirra qooddachuuf, ogeessa business business sanarrati beekumsaa qabu mariisisun adeemsa kamin haala yeroo wajjin bu'a akka nuuf buusu beekumsa hojiicha keenyaf nu barbaachiisu isaarra argachuufi naanno hojii itti hojjechuuf yaadne sana qo'aachufi qoraachun nurra barbaachiisa.

Kanaafuu, wanta hojjechuuf yaadnefi yaadnu tokkorrati namoota beekumsafi muuxxannosa qaban irra hubanna hojiicha waan hojjechuuf yaadne sanaf nu gargaaru argachuu qabna. Kanaafuu yaadni nama hin tuffaatamu liqiimfaamu isaatu hafa male.

Ati nama ta'u yoo barbaadde gartuu namoota yaada namoota gonkumaa hin fudhannefi hin barbaanne keessa bahun anamoofi of guddisuuke ofirra cabsi!

Ogeessi nama nama mariisisa. Kophasa murteessus yaada dabaaloota ogeessotarra fudhatun immoo murtoo keessa deebi'e ilaala. Of duwwarrati hin xiyyeeffatin! Ogeessoota dhaggauf gurra qabadhu!

Gslgaala gaarii!

Barreessan: WamearnToleraa Banti ti

Joinformore: @Gorsa_jireenya
⩩ Kitaaba hin barreefamne barreessuuf kitaaba barreefaman dubbisuun dirqama.

⩩ Dubbii hin dubbatamne dubbachuuf dubbiiwwan dubbataman dhaggeeffachuun dirqama.

⩩ Nama ta'uu qabdu ta'uuf nama ta'uu hin qabne ta'uu irraa of fageessuun dirqama.

⩩ Waan hin hojjatamne hojjachuuf waan hojjataman baruun gaari dha.

Coba Yaadaa

@Gorsa_jireenys
@Gorsa_jireenya
Forwarded from @KIRKIRA _JIREENYAA
#DANDEETTII OFIIKEE HUBACHUU.

@Nama hubachuu fi namni akka sihubatuuf lafa dheeraa fi humna Baay'ee hin fixin!

✍️ @Miratuu Shaanqoo Giddii

Of hubachuun qabeenya guddaadha.qabeenyi of hubachuudhaan argamu,qabeenya qabeenya ta'ee namaaf hafuudha.of hubachuu keessa waan hedduutu jira.of hubachuun sanyii biqilee guddatuudha.yoo facaaste ni biqila.ni dagaaga.innis sanyii kan biroo siif kenna.dhalootaa gara dhalootatti ni darba.of hubachuun ofiif hubachuu of keessaa qaba.
ofiikoo akkan hubadhuufan dhaladhe.of fudhadhu.ofiif yeroo kenni.ofkabaji.ofii wajjin marii qabaadhu.ofiikee nyaata gaarii affeeri.ofii waliin kolfi.garuu ofitti hin kolfin.
wantoonni ani armaan olitti tarreesese kun yeroo dubbistu Baay'ee sslphaa sitti fakkaachuu danda'a garuu yoo yeroo kennitee ofiikee irratti hojite jireenya kee fi fiixaan ba'umsa keef iddoo guddaa qabu.

Qorattoonni addunyaa kanaa Baay'een waa'ee wanta ta'ee tokko qorachuuf yeroo,humna fi beekumsa isaanii Baay'ee fayyadamuun; bu'aa qorannoo isaanii yeroo xumuramutti qaama barbaachiseef ibsa taasisu.kunis Gaariidha.addunyaan kun bu'aa qorannoon fideen waan baay'ee jijjiirteetti.har'as jijjiiraa jirti.garuu bu'aa guddaa qorannoon dhufu caalaa, dhalli namaa hundumtuu maaliifi eessa ga'uuf akka dhalate osoo sirriitti of hubatee addunyaan kun lafa har'a geesse caalaa baay'ee gara fuula duratti tarkaanfachuu ni dandeessi jedheen amana.of harkaa hin xumurreedha.
Namoonni baay'een nama hubachuufi namni akka isaan hubatuuf lafa fagoo deemu.namni yoo osoo isaan hin hubatin hafe,nama sana hubachiisuuf bu'aa ba'ii baay'ee keessa darbu.
Yoo namtichi bira jiraate qaamaan isa hubachiisuuf yaalii taasisu.yoo namtichi isaan irraa fagoo ta'e immoo bilbilaan yookiin iimeeliin akkasumas karaa elektirooniksii ammayyaa hunda fayyadamanii nama hubachiisuuf yaalu.yaaliin isaanii kun namni kun karaa malee waan na hubateef,ani nama akkasii miti jechuun ofii kee haala gaarii ta'een namticha biratti fudhatama argachuuf karaa fagoo deemta.kunis Gaariidha.garuu Wanti guddaan bara ammaa kana ofiikee hubachuudha.
Namni akka ati yaaddutti guutummaa guutuutti si huubatu yoomillee hin argattu.boris hin eegin.
Namni yeroodhaaf waan karaa hundumaa si hubate sitti fakkaachuu ni danda'a garuu mee yeroo kenniifii ilaali.xiqqoo turtee yeroo ati namtichuma kaleessa baay'ee na hubataam/na hubatteem/ jecha turtetu,osoo inni/isheen/akka malee si hubatu argitaatii.kanaafuu,namoota biratti jalqabuma irraa wanti ati hubachuu qabdu,hubatamuu dhiisuu akka dandeessuu hubachuu qabda......itti fuufa



#Kirkira_Jireenyaa.
Forwarded from MILKAA'INA JIREENYAA (Abdii Abbiyyoo Eda'oo)
➨Dog's keessan Tonkeeper tonspace fi my ton wallet keessatti irraa baafachuu ni dandeessu baafachuuf torban lama kennamee jira.

➨Hanga torban lamaatti yoo claim hin godhatin Dogs n keessan ni gubata.

➨Kanaafu hanga dandessaniin suuta jedhaa claim godhaa.

Garuu claim gochuuf ton 0.42 wallet irratti claim gochuu barbaaddan irraa qabaachuu qabdu


Namni ton 0.43 tonkeeper irratti akka isiniif ergamu barbaaddan
Qarshii 400 kaffaltanii ni argattu

Ykn ammoo $Dogs keessan wallet irraa qabdan direct gurgurachuu barbaaddanis gatii madaalawaan nutti gurgurachuu dandeessu

@thegreat21 irratti nu gaafadhaa
Na Dhaggaa'i Mucaakoo!!!!

1 Nama jabaa ta'i jechuun hin kuftu jechuu osoo hin taane, kuftee ka'us shakaali jechuudha.

2 Haasa'in jechuun hin dubbatin jechuu osoo hin taane, namoota biroo dhagaa'uf gurraa kenni jechuudha.

3 Haadha garaa hin ta'in jechuun hin nyaatin jechuu miti. Haqaa namatti hin darbin jechuudha.

4 Hin dheekkamin jechuun miira hin qabatin jechuu miti. Dheekkaamsa kee irra dafii deebi'i jechuudha.

5 Dhiifaama godhi jechuun  hin miidhamne jechuu miti. Garaatti haaloo qabachuun miidhaama kuufachuu waan ta'efi.

6 Diina kee jaalladhu jechuun diinni gaariidha jechuu osoo hin taane,  Jiibbaarra jaalalli ni moo'ata waan ta'efi.

7 Nama gammaachu qabeessa ta'i jechuun waan hundumaa qabadhu jechuu osoo hin taane, wanti ati nyaatte sitti haa tolu jechuudha.

8 Hojiikee jaalladhu jechuun hojiin ati hojjettu gaariidha jechuu osoo hin taane, bor hojii gaarii akka qabattuf hojiisa har'a hojjettu jaalladhu jechuudha.

9 Odeessitu hin ta'in jechuun hin haasaa'in jechuu osoo hin taane, waa'ee waan sirritti gadi fageenyan hin beekne hin haasa'in jechuudha.

10 Ati du'u dandeessa jechuun hin hojjetin jechuu osoo hin taane, waanuma gaarii tokko utuu hin hojjetin hin du'i jechuudha.

11 Kophaa galeessaa hin ta'in jechuun fiigi gaa'ila keessa liixi jechuu osoo hin taane, garaakee, yerookee fi waan qabdu hundumaa kennuf qophaa'a ta'i jechuudha malee.

12 Nama dhugaa ta'i jechuun bakka namoonni jiraan qofatti waan dhugaa haasa'i jechuu osoo hin taane, ofiikeetif jireenya dhugaa qabadhu jechuudha.

13 Kan ofiin boonuu hin ta'in jechuun koorte hin deemin jechuu osoo hin taane, warra biroo hin tuffaatin jechuudha.

14 Bareeddu/daa dha jechuun namoota kambiroo irra at kan fooyyofte jechuu osoo hin taane, sirra toleera ykn sirra bareedera jechuudha.

15 Beeka ta'i jechuun ammas irra deebin mana barumsaa deemi jechuu osoo hin taane, abshaala ta'i jechuudha.

Galatooma!

Join for more: @Gorsa_jireenya
                         : @Gorsa_jireenya
#Atumtuu_ofiif_gahaadha!

Ati ofiikeef gahaadha! Namni jireenyakee irratti gooftaa ta'ee lafa kanarra kaa'ames tokko hin jiru. Akka fedhetti jireenyakee gidduu galuufis, namni tokko mirga hin qabu. Namni kamuu akka gadditu si gochuuf, haaboos ta'e mirga hin qabu. Akkanuma, jireenyakeef gahaa akka hin taanetti akka yaaddu namni si gochuuf mirga qabu hin jiru. Hin jiru! Atumtuu ofiif gahaadha!

Qal'aa taatu furdaa, gabaabaa taatu dheeraa, adiis taatu gurraacha, ati ofiikeef gahaadha. Namni sirriin yookaan gahaan sirra siif caalu hin jiru. Kun kana ta'ee osoo jiruu, eenyuma laata inni akka waan ati ofiikeef gahaa hin taaneetti kan yaada kaasuu danda'u? Sii mooji!

Namni kamiyyuu fedhaafi filannoo garagaraa qaba. Kanaaf akka garagaraattis dhadhama jireeyaa horachuu danda'a. Filannoon nama biraa kan nama biraati, filannoon kankee immoo kanuma keeti. Namni filannoo dhuunfaasaa jireenyakee keessa sutuuf mirga qabus tokko hin jiru. Akka namni biraan si eegutti deddeebi'uu dhiisuu malta, akkanuma beekumsaafi gahumsa sirraa barbaadan hin qabdu ta'a. Kana jechuun ati jireenyakeef, ofiikeef gahaa miti jechuu miti. Yeroo kana akka nama biraatti yookaan ija nama biraan guutuu fakkaachuu dhiiftus, ofiif garuu guutuudha. Eeyyeen, ati ofiif gahaadha! Sekoondii tokkoofuu gonkumaa akka nama hir'uutti of hin fudhatiin, hin yaadiinis! Ati nama kabajamuu, jaallatamuu, amanamuufi harkarra qabamuun maluufiidha. Eeyyeen, atumti kun!

Nama keessaas namni dalagaakeetti amanu, jabinakee beekuufi filannookee kabaju in jira. Dhugaadha, namni nama keessaa nama ta'e kan filatamaa ta'uukee hubatu, kan naannoosaa jiraachuunkee addunyaasaa bareechu ni jira. Kanas nama hundarraa eegda osoo hin taane, nama sirrii irraati. Nama akkanaa egaa obsaan eegii filadhu!

Nama hundaaf guutuu akka hin taanes hin dagatiin. Ta'us garuu ati ofiikeef guutuudha. Akkanuma, nama siif adda ta'eef guutuudha. Namoonni tokko tokko gara jireenyakee dhufanii si ceepha'u, yaadas sirratti kennuufi kaasuun miirri ofiikeef gahaa ta'uu dhabuu akka sitti dhagahamu gochuu yaalu. Ati garuu, isaaniin hin dhagahiin. Akka oduun isaanii oduu waa'ee hin baafneetti, dhiisiis bira darbi. Akka nama biraatti osoo hin taane akka dhuunfaakeetti jiraachuuf uumamte. Dhugaadha! Seenaa nama biraatiinis osoo hin taane, kanumakeen goota taata. Mana kankee keessa jiraatta, deemsa dhuunfaakeerra deemta, bareecha kankeen faayamta, fakkaattii dhuunfaakeen argamta, beekamtiima keetinis mul'atta. Eeyyeen kanumakeen! Yoo namni biraan si jibbes dhimmasaati. Ati nama biraa garaa gahuuf qofaa miti kan jiraattu! Garuu, ofiikeef gahaa ta'uun siif gahaadha. Sababni isaas ofiif kan ati kaa'amte. Ati nama biraa, namni biraanis si ta'uu hin danda'u; ati nama addaati! Nama ofiif maludhas! Sababa namni sitti gammaduu dhiiseefis hin jijjiiramiin. Kun homaa tokko rakkoo hin qabu. Rakkoo kan qabu sababa ofii jijjiiramuu qabduuf jijjiiramuu yoo baattedha. Eeyyeen, deemsakeetu siif murteessa. Gammachuu keetus siif caala. Atumtuu ofiif gahaadhaatii, ofumakee ta'i! Be yourself; that's enough!

Atumtuu ofiif gahaadha!
[Reposted]
Galatoomaa!🙏🏻

Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Dr. Abdiisaa Ejjetaati

@Orobook
Dhimmisaa dhiifama gaafachu ta'a!

Akkumaa bekaamu waggoottan darban kana online channel Gorsa jireenya kana maaxxansa barreeffaama adda adda isiniif kataaban ture. Garuu gidduuti ji'oottan darbaanif maaxxansa kana haala tokko tokkon addan najala cite ture. Kanaaf immoo kabaajamtoota hordooftota channel keenya dhiifaman isin gaafadha. Haala taen isinirra badukootif dhiifama naafgodha jecha amman booda garuu deebi'e dhufeera. Maaxxansale kiyyaas haala bareedan fooyyeesse fudhe dhufeera. Channel keenya sharefi join gochuun, akkasumaas kooment gochuun nu fana ta'a Jenna. Galgaala gaarii qabaadha!

Ani WameranTolera Bantiiti
From: Gorsa jireenya
Airdrop n Kun xumuramuuf sa'aatii 4 qofatu hafe
Ammuma join godhaa taksota jiran hojjedha, wallet keessan connect gochuu hin dagatiñaa👇👇
Join gochuu qofaan umrii telegram keessaniitiin laallamee isiniif kennama, ammuma join godhaa carraa qabduu👇👇

http://t.me/catsgang_bot/join?startapp=jnWH2DC7RiHIqb4G5OTBD
Beekumsa kessaan waa'ee crypto currency fi Trading📉📈 irratti qabdan gabbifachuu barbaaddu taanaan chaanalii keenya join godha hiriyoota kessanis add gochuun waliin haa guddannu🤜

👉Barreefama waa'ee crypto fi Trading irratti yeroo dhihootti nuu eegaa👈 "Let'sGrowTogether" Grind and Grow✊
https://t.me/mon3ysprint
https://t.me/mon3ysprint
https://t.me/mon3ysprint
DV guutuun jalqabameera manuma keessan teessaanii bilbiluma keessaniin haala salphaan guutuu dandeessuu

Step isaa telegram channel gadii kana jelaa ni argatu. Carraa gaarii
👇👇
https://t.me/mon3ysprint
https://t.me/mon3ysprint
https://t.me/mon3ysprint
Air drop cats list ta'uuf daqiiqaa 30 TU hafe
Ammas carraa qabdu umrii telegram keessaniitiin laallamee isiniif kennama waan ta'eef ammuma join godhaa taksota jiran hojjadha
Dollar 5-15 hojjachuu danddeessu👇👇👇
http://t.me/catsgang_bot/join?startapp=jnWH2DC7RiHIqb4G5OTBD
Hubannoo waa'ee crypto, freelance, airdrop adda addaa baruu barbaadduu?
💲🔜
Channel bareeda afaan keenyaan waan isin fayyadu qofa isin barsiisu kana join godhaa👇👇👇