Forwarded from Muhammedteyib Nure
Hiikoo Dh.Ij.MMWF 244375 hubannoof.pdf
1.3 MB
Hiikoo Dh.Ij.MMWF 244375 hubannoof.pdf
👍15❤6
Forwarded from Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
'Haqni Harkifates Haqni Ariifates Rakkoo Fida'-Kabajamoo Otukannaa Odaa (PhD)
-----------------------------
(Onkoloolessa 23, 2019 MMWO, Caffee Araaraa Finfinnee)-Milkaayinni gama si'aayinaa fi dhaqqabamummaatiin manneen murtii Oromiyaa keessatti argame gama qulqullinaatiinis mirkanaa'uu kan qabu ta'uu Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Kabajamoo Otukkannaa Odaa (PhD) himan.Kabajamoo Pirezidaantiin kana kan dubbatan waltajjii marii hoggantoota manneen murtii ol'aanaa Godinaalee waliin magaalaa Finfinneetti gaggeeffame irratti.
Si'aayinni qulqullina irratti dhiibbaa geessisuu kan hin qabne ta'uu fi qulqullinnis gama isaan si'aayina irratti dhiibbaa qaqqabsiisuu kan hin qabne ta'uu himan.
Gama birootiin dhimmi al naamusummaa manneen murtii Oromiyaa keessatti araarama tokko kan hin qabne ta'uu fi hawaasni manneen murtii Oromiyaa naamusa amalli hojii abbaa seerummaa barbaadu gonfatanii hojjachuu kan qaban ta'uu dhaaman.
Dhaqqabamummaan wal qabatee rakkoo qulqullina TQO irratti mul'atu furuuf hojjatamuu kan qabu ta'uus dhaaman.Gurmaa'insa Godinaalee haaraa lafa qabsiisuufis qaamoleen dhimmi ilaallatu xiyyeeffannoon hojjachuu itti fufuu qabu jedhan.
Pirezidaantii Itti Aanaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa,Kabajamoo Obbo Taaddasaa Qana'ii gama isaaniin gurmaa'insa godinaalee yeroo kaawwame keessatti lafa qabsiisuuf hojiin Dambii fi Qajeelfamoota bahan irratti hubannoo uumuu,hawaasa mana murtii mariisisuu fi koreewwan hundeessuun hojiitti galchuu dhimma xiyyeeffannoo barbaadudha jedhan.
Hojiin gurmaa'insa godinaalee haaraa lafa qabsiisuu kenna tajaajila abbaa seerummaa irratti miidhaa akka hin qaqqabsiifneef hoggansi sadarkaan jiru hojii qoodeachuun karaa tarsiimawaa ta'een hojjachuu qaba jedhan.
Gama birootiin kenna tajaajilaa irratti duubdeebiiwwan Caffee fi kallattii gara garaan kennaman irratti xiyyeeffannoon hojjatamuu kan qabu ta'uus dhaaman.
Waltajjii marii kana irratti Pirezidaantonni, Itti Aantonni Pirezidaantii fi Itti Gaafatamtoonni Waajjiraalee Naamusaa fi Inispeekshinii Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee argamaniiru.

❤10🙏3