DR. AYU
72.4K subscribers
3K photos
11 videos
2 files
186 links
Baga Nagaan Dhuftan!
Welcome!
@naf37fspainbv
Download Telegram
FAAYIDAA FOON LUKKUU
**
Foon lukkuu faayidaa ajaa'ibaa qaama keenyaaf qaba! Madda pirootooniin badhaatuudha! Bakka foon diimaa nuuf buuti! Ummanni keenya lukkuu manatti horsiisaa biraa agabuu bula! Biyya biraatti garuu osoo lukkuu takkaa arganii hin beekne galgalaa ganama foon lukkuu nyaatan ! Nutiis horsiifnee nama qallabuu qofa odoo hin taane ofiifis nyaachuu aadaa godhachuu qabna!

Faayidaalee foon lukkuu irraa argannu :-
----------

◇ Jabeenya lafee fi maashaaf- maashaa fi lafee jabaa ijaaruudhaan miidhaa irraa nu ittisa
◇ Fayyaa onnee fi ulfaatina fayya qabeessa qabaachuuf nu gargaara
◇ Haala( muudii) gaariirra akka jiraannuuf nu fayyada
◇ Dhaangaalee nyaataatiin badhaatuudha. Keessumattuu pirootoonii olaanaa fi cooma gad aanaa of keessaa qabdi! Kana malees
• Viitaamina B12
• Tryptophan
• Zinkii
• Aayiranii
• Koopparii of keessaa qabdi
Dabalataan
• Kaaloorii : 120
• Pirootoonii: 26 g
• Cooma : 2g of keessaa qabdi!
Namoonni dalagaa humnaa dalaganii fi ispoortii dalagan nyaata kana nyaachuun sirritti isaan barbaachisa.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcanoromo💌
❤7
Nyaatawwan carraa dhala argachuu saala lachuu dabaluu danda'an:-
*Muuzii
*Hanqaaquu
*Raafuu (Goommana)
*Dabaaqulaafi abaabii
*Ocholonii/ Lawuzii
*Chokoleetii gurraacha
*Hundee diimaa
*Oomishaalee garbuu
*Baaqelaafi foon diimaa fa'a.
Fayyaan faaya.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@Abcanoromo💌
❤15👍15
Namoonni gaaffii adda addaa nu gaafattan galgala isiniif deebisna.❤ Rakkoon hamaan Scammers fuula Telegiraamii keenya irraan ka'amee sila tureef maxxansa addan kunnee ture. obsaan nu eegaa sabakoo❤
❤1
maaltu dhukkubbii dugdaa nutti fida??
👉taatewwan nuyi guyyaa gyyyaatti goonu kanneen akka;
-yeroo dheeraaf taa'aa turuu ykn dhaabachaa turuu
-meeshaa ulfaata tahe baachuun, Akkasumas yeroo baayyee kallattii tokko qofaan meeshaa garaagaraa baachuu.
-morma keenya gara fuulduraatti dheeressuun kompiyutera fayyadamuu, dubbisuu ykn konkolaataa oofuun.
-firaashii ciisichaa dugda keenyaaf hin mallerra rafuun.
👉micciiramuu ykn dhifamuu maashawwan dugda keenyaan nutti dhufa.
👉 miidhamuu diskiiwwan Lafee dugugguruu dugdaan.
👉caba Lafee dugugguruu dugdaan ykn sigigaachuu diskiiwwan dugugguruu dugdaa Irraa kan kahe.
👉miidhaa buusaawan Lafee dugugguruu dugdaa irraan kan kahe.
👉dhukkubbii kalee kanneen akka Cirracha kalee ykn infeekshinii kalee.
👉 kaanserii Lafee dugugguruu dugdaa
👉 Yeroo ulfaas dhukkubbii dugdaa dubartoota hedduu mudata.
👉furdina garmalee fa'a.
Dhukkubbii dugdaa dabalatee mallattoowwan kanaa gadii yoo nurratti muldhate hatattamaan mana yaalaa deemuu qabna.
1,ulfaatinni qaamaa hir'achuu
2,ho'a qaamaa olaanaa
3,naannoon dugdaa diimachuu ykn dhiita'uu.
4,gubuu qaama saalaa yeroo fincaaniiti.
5,fincaan ykn boolii qabachuu dadhabu
6,hadooduu naannoo qaama saalaa, hudduu fi Naanno isaa.
7,dhukkubbii dugdaa addaan hin citne kan yeroo teenyu ykn rafne nu hin dhiisne.

fayyaa hindhabinaa

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇

@drhoneliat12em💌
❤5
Dhukkuba Kalee

Addunyaa kana irraa namootni >10% ol tahan dhukkuba kalee kan dhukkubsatan oggaa ta'u, waggaa waggaan miliyoonota galaafata.

Amaloota gaarii #10 armaan gadii gochuun/horrachuun dhukkuba kalee irraa of-eeguu dandeenya.

1. Nyaata kuduraa fi muduraa akka gaariitti soorachuun - kuduraa fi muduraan dhiibbaa dhiiga keenya to'achuu fi kolestirooliin dhiiga keenya madaalamaa akka ta'uuf nugargaara.

🔹️Nyaata coomaa fi pirootinii hedduminaan fudhachuun fayya kalee keenyaaf gaarii miti.

2. Tamboo xuuxuu dhiisuu - Namootni tamboo xuuxan namoota hin xuuxnee caalaa dhukkuba kaleef saaxilamoodha.
🔹️Xuuxuun dhiibbaa dhiigaa olkaasuun, coomni akka hidda dhiigaa keessatti walitti qabamu gochuun dhiigni akka ittitu gochuun kaleen keenya akka dadhabuu gochuu danda'a.

3. Ashaboo/Soogidda hir'isuu - soogiddi baayyisuun dhiibbaa dhiigaa olkaasuun kalee keenya dadhabsiisuu danda'a.
Guyyaatti soogidda giraamii 6(fal'aana 1) ol fudhachuun gaarii miti.

4. Dhugaatii alkoolii xiqqeessuu - alkoolii baayyeen dhiibbaa dhiigaa fi kolestiroolii olkaasuu danda'a.
🔹️Torbanitti yunitii 14(wayinii burcuqqoo xiqqaa 14) ol dhuguun hin deggaramu.

5. Qorrichoota dhukkubbii furan (pain killers) xiqqeessuu - qorrichootni kun yeroo irra deddebbii fi bayyinaan fudhataman kalee miidhuu malu.

6. Sochii qaamaa gochuu - sochii qaamaa gochuun fayya kalee keenyaaf barbaachisaadha.
🔹️Miillaan deemuu, sayikilii hoofuu, shubbisuu, ... Torbanitti daqiiqaa 150 sosochii salphaa gochuu, daqiiqaa 75 sosochii cimaa gochuu.

7. Nyaata saamsamee gurguramuu fayyadamu dhiisuu ykn xiqqeessuu - nyaatni hojjetamee gurguramuu sukkara hedduu, sooggida garmalee, cooma gaarii hin taane fi fayiberiin isaa gadi aana kan ta'e waan baayyatuuf.

8. Dhangala'aa gahaa argachuu - Bishaan sirriitti dhuguun kaleen keenya cirracha fi bakteriyaan dhukkuba kalee fidan akka dhiqamanii bahan godha.
🔹️Bishaan burcuqqoo 6 - 8 guyyaan dhuguu.

9. Sukkaara xiqqeessuu - sukkaara baayyee soorachuun ulfaatina qaama keenyaa dabaluun dhukkuba kalee fi dhukkuba sukkaaraaf nusaaxila.
🔹️Namni ga'eessi tokko guyyaatti sukkaara 30g ol fayyadamuun hin deggaramu.

10. Hirriba gahaa argachuu - hirriba gahaa rafuun qaamni keenya akka boqqotuu fi dandamatu gargaara.
🔸️Hirriba sa'aatii 5 gadi rafuun kalee keenya irra miidhaa gessisuu danda'a.
🔹️Sa'aatii 7 - 8 rafuu fi caffeine fi alkoolii hir'isuun barbaachisaadha.

#FayyaaHinDhabinaa

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇

@drhoneliat12em💌
🔥3❤1👍1
Wal-qunnamtii saa,laa booda daqiiqaa 20-30 shilimsuun (napping):
1. Qaama Jabeessa
2. Hormoonota Tasgabbeessa.
3. Walitti dhufeenya nama walqunnamtii wajji raawwatte sanii wajjin qabdu cimsa.
4. Miira tasgabbiifii gammachuu siif kenna.

Dubartoonni yeroo isaan waliin raftee laaftee ciiftu arguun isaan gammachiisa. Jaalalti siif qabdu akka cimu godha. Nama akkuma xumureen ka'ee biraa fiigu hin fedhan.❤

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇

@drhoneliat12em💌
❤9💔3
Please namoonni suuraa walqunnamtii saalaa fi arabsoo komeentii jalatti barreessitan dhiisaa.
Nutti kaayyoon keenya inni guddaan hubannoo fayyaa uummata keenyaa cimsuudha.
Halkanii fi guyyaa saba keenyaf eergaa barbaachisaa dabarsuudha. Namoonni nutti dhiyoo jiran dhufanii gorsaa fi yaala fayyaa akka argatan gochuudha. Namoonni nurraa fagoo jiran immoo ogeessa fayyaa naannoo isaanitti argaman akka qunnaman dhamsa dabarsuu qofa.

Dhalli namaa qabeenya qabeenya caaludha. Nama kunuunsaa jirra.


Akkanaan wal haa hubannu. Gama kanaan wanti argannu hin jiru. Garuu beeksisni si'a tokko tokko waan nutti ergamuuf qarshiin lukkuu hin binne kun giraamii 5 ta'ee jira.

Yoo hin darba ta'e Credit Card keessan eergaa isiniifin dabarsa.🏦

Inni guddaan fayyaadha sabakoo❗️🌺

https://t.me/drhoneliat12em
❤23👍23
Faayidaa Dammaa keessaa kudhan (10)
**
1.
Madaan qaamaa salphaatti akka fayyu taasisa
2. Keemikaalota antioxidant jedhaman qaama keenyaaf barbaachisan qaba
3. Dhiibbaa dhiigaa gadi buusa
4. Madda annisaa isa guddaadha
5. Sukkaarri damma keessaa kan biroo irra qaamaaf gaariidha
6. Fayyummaa onneef gahee guddaa qabata
7. Hirriba gaarii akka rafnu gargaara
8. Coomni qaama keessa akka hin baay'anne taasisa
9.Qufaan akka nurraa dhaabbatu taasisa
10. Namoota alerjii qabaniif gargaarsa guddaa godha.
💙°°°°°💚°°°°°❤️°°°°👇👇

@drhoneliat12em💌
❤4