Oromo - Positive
14.8K subscribers
17 photos
1 video
1 file
3 links
We give you the best positive quote and life advice's every single day. Stay with us and benefit alot.
Download Telegram
๐— ๐—ฎ๐—น๐—น๐—ฎ๐˜๐˜๐—ผ๐—ผ๐—ป ๐‘ฐ๐’…๐’‚'๐’–๐’–(+)  ๐—บ๐—ฎ๐—น๐—น๐—ฎ๐˜๐˜๐—ผ๐—ผ ๐‘ฏ๐’Š๐’“'๐’Š๐’”๐’–๐’–(-) ๐—น๐—ฎ๐—บ๐—ฎ ๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ต๐—ผ๐—ท๐—ท๐—ฒ๐˜๐—ฎ๐—บ๐—ฎ.

๐—ช๐—ฎ๐—ป๐˜๐—ผ๐—ผ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—ก๐—ฒ๐—ด๐—ฎ๐˜๐—ถ๐˜ƒ๐—ถ๐—ถ ๐—ต๐˜‚๐—ป๐—ฑ๐—ถ ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ ๐—ฃ๐—ผ๐˜€๐—ถ๐˜๐—ถ๐˜ƒ๐—ถ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ฏ๐—ผ๐—ฐ๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐˜‚ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ'๐˜‚.

๐——๐—ฎ๐—บ๐—ฒ๐—ฒ ๐—๐—ถ๐—ฟ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—ต๐˜‚๐—ป๐—ฑ๐—ฎ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ฃ๐—ผ๐˜€๐—ถ๐˜๐—ถ๐˜ƒ๐—ถ๐—ถ ๐˜๐—ฎ'๐—ถ....

      @Oromo_Positive
@Oromo_Positive
โค17๐Ÿ‘3
Wadaroo/hidhaa (rope) ittiin hidhamte tokko yeroo kutuu geesse qorumsi sitti baay'ata.
namoonni si jaalatanillee siif hin hubatan. Kan asiif achiin waa'ee kee odeessutu baay'ata. Toorri kee namoota si arabsanii fi namoota si jibbaniin guuttamti.
Osoo dhaabbattee haftee ykn of jijjiiruf osoo carraaquu dhiistee, isaan fakkaattee jiraattee waa tokkollee siin hin jedhan. Sababni isaa saree du'e eenyutu rukutuu barbaada ree. Isa of jijjiiruf of ta'ee jiraatu garuu ulee ykn rukuttaatu itti baay'ata.

ilaa fira koo 2n keessaa tokko filadhu;
1. jecha namaa sodaattee daandii kee gattee namoota baaay'ee duuba kaatta moo
2. daandii mataa kee baafachuun kabajaan gara milkaa'ina keetti imaluu barbaadda? Gorsa namaa fudhu, garuu akka jireenya kee siif murteessan hin heyyaminiif. Konkolaachisaan jireenya keetii suma qofa. Eenyumtilee akka oofu hin heyyaminiif. Wanta ofitti amantu kan jireenya kee jijjiiru yeroo dalagdu namoonni si jibbuu danda'u. Garuu keessa isaanitti akka kee  ta'uu barbaadan. Sababa jijjiirama keef dhalli namaa kamiiyyuu sihaa jibbu, uumaa kee qixaa kumaatamaa waan qabduuf of ta'ii gammadii jiraadhu.

@Oromo_Positive
๐Ÿ‘20โค5
Sammuun positive'n waanuma hunda keessa carraa bareedaa (opportunity) barbaada.

Sammuun Negative'n ammoo waanuma hunda keessa balleessaa, khaxaa (fault) irra barbaada.

@Oromo_Positive
๐Ÿ‘11
Nama Yaada Gaaruu( Possitive) qabuu akkamiin bifa salphaan beekuu dandeenya? isa jedhuuf, namoonni yaada qajeelaa( positive) qaban.

1. Waaqayyotti guddaa guddaa amanu. Akka namaatti immoo Ofirratti amanti cimaa qabu. .
2. Cimina namoota biroo irratti xiyyeeffatu, male dadhabina namootaa funaananii ittiin ceeppha'an.
3. Yeroo rakkinni isaan mudatu furmaata qofarratti xiyyeeffatu malee waa'ee rakkinnichaa hin dhaadhessan.
4. Namoota gargaaruuf ni dhama'u, burqaan gammachuu achi keessa akka jiru beeku.
5. Murannoo ol aanaa qabu kaayyoo isaanii irratti xiyyeeffatu
6. Itti gaafatamummaa guutuu guutuutti fudhatu.
7. Namoota kabajuu fi jaallachuun amala isaaniiti.
8. Jechoonni Afaan isaanii keessaa ba'u hedduu kan nama onnachiisudha.
9. Dogoggora isaanii irraa ni baratu malee ittiin of hin ceeppha'an of hin jibban.
10. Yeroo hunda mul'ata isaaniif jiraatu!

@Oromo_Positive
๐Ÿ‘28โค7
Hiyyummaan akka wollaalumma hin jirtu.

Gargaarsi akka woliin mariyachuu hin jiru.

@Oromo_Positive
โค15
๐Š๐ฎ๐Ÿ๐š๐š๐ญ๐ข๐ข ๐ง๐š๐ฆ๐š๐š๐Ÿ ๐ฌ๐š๐›๐š๐›๐š ๐ก๐ข๐ง ๐ญ๐š'๐ข๐ง

๐‘๐‘Ž๐‘š๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž๐‘“ ๐’”๐’‚๐’ƒ๐’ƒ๐’‚๐’•๐’‚/โ„Ž๐‘–๐‘‘โ„Ž๐‘Ž๐‘›๐‘›๐‘œ๐‘œ ๐‘‘๐‘ข๐‘”๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž'๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘š๐‘Ž๐‘™๐‘’๐‘’, ๐’Š๐’๐’‹๐’Š๐’“๐’‚๐’‚๐’ ๐‘‘๐‘ข๐‘”๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž ๐‘–๐‘ก๐‘ก๐‘– โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘ก๐‘Ž'๐‘–๐‘›. ๐‘ต๐’‚๐’Ž๐’‚ ๐’Œ๐’‚๐’Ž๐’Š๐’Š๐’š๐’š๐’–๐’– ๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’‚ ๐’๐’‡ ๐’‹๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’•๐’•๐’–๐’•๐’•๐’Š ๐’‹๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’…๐’‰๐’–. ๐ท๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘’๐‘’ ๐‘ฆ๐‘’๐‘Ÿ๐‘œ๐‘œ ๐‘š๐‘ข๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘Ž๐‘“ ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘ข ๐‘ก๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘“ ๐‘—๐‘’๐‘ก๐‘ก๐‘’๐‘’ ๐’๐’‚๐’Ž๐’๐’๐’•๐’‚ ๐’‹๐’Š๐’ƒ๐’ƒ๐’–๐’– ๐‘“๐‘– ๐’Š๐’๐’‚๐’‚๐’‡๐’–๐’–, ๐’ˆ๐’‚๐’“๐’‚ ๐’‹๐’‚๐’ƒ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚ ๐‘ก๐‘Ž'๐‘ข๐‘ข๐‘› ๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘™ ๐‘ ๐‘– ๐‘“๐‘Ž๐‘ฆ๐‘ฆ๐‘Ž๐‘‘๐‘Ž?
๐‘๐‘Ž๐‘š๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž๐‘“ ๐‘š๐‘Ž๐‘‘๐‘‘๐‘Ž ๐‘”๐‘Ž๐‘š๐‘š๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘ข๐‘ข, โ„Ž๐‘–๐‘Ÿ๐‘˜๐‘œ๐‘œ, ๐‘ ๐‘Ž๐‘๐‘Ž๐‘๐‘Ž ๐‘š๐‘–๐‘™๐‘˜๐‘Ž๐‘Ž'๐‘–๐‘›๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž'๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘š๐‘Ž๐‘™๐‘’๐‘’, ๐’ˆ๐’–๐’‡๐’–๐’– ๐ผ๐‘ก๐‘ก๐‘– โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘ก๐‘Ž'๐‘–๐‘›.

๐‘Š๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘– ๐‘Ž๐‘ก๐‘– ๐‘๐‘’๐‘’๐‘˜๐‘ข๐‘ข ๐‘ž๐‘Ž๐‘๐‘‘๐‘ข ๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘“ ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘Ž ๐‘”๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘–๐‘– ๐‘”๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘’๐‘’ ๐‘ค๐‘Ž๐‘›๐‘ก๐‘Ž ๐‘”๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘–๐‘– ๐‘ž๐‘œ๐‘“๐‘Ž ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘Ž โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘’๐‘’๐‘”๐‘–๐‘›. ๐‘ฐ๐’๐’‚๐’‚ ๐’๐’‚๐’Ž๐’‚ ๐’Œ๐’๐’ "๐’Š๐’๐’ˆ๐’Š๐’“๐’…๐’‚๐’‚๐’…๐’‚ ๐’‡๐’‚๐’„๐’‚๐’‚๐’”๐’–๐’– ๐’…๐’‰๐’Š๐’Š๐’”๐’•๐’–๐’”, ๐’’๐’‚๐’Ž๐’‚๐’…๐’Š๐’Š ๐’š๐’๐’ ๐’‡๐’‚๐’„๐’‚๐’‚๐’”๐’•๐’† ๐’Š๐’๐’ˆ๐’Š๐’“๐’…๐’‚๐’‚๐’…๐’๐’Š ๐’๐’Š๐’Š ๐’Ž๐’‚๐’“๐’ˆ๐’‚" ๐‘—๐‘’๐‘โ„Ž๐‘Ž ๐‘˜๐‘Ž๐‘›๐‘Ž โ„Ž๐‘–๐‘› ๐‘‘๐‘Ž๐‘”๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘›. ๐ด๐‘ก๐‘– ๐‘ž๐‘Ž๐‘š๐‘Ž๐‘‘๐‘ข๐‘š๐‘Ž ๐‘“๐‘Ž๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘– ๐‘–๐‘›๐‘”๐‘–๐‘Ÿ๐‘‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘‘๐‘›๐‘–๐‘  โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž ๐‘š๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘”๐‘ข๐‘ข๐‘ก๐‘–๐‘–.
๐‘Ž๐‘˜๐‘˜๐‘Ž๐‘ ๐‘ข๐‘š๐‘Ž๐‘  ๐‘˜๐‘Ž๐‘› ๐‘›๐‘Ž๐‘š๐‘œ๐‘œ๐‘ก๐‘Ž ๐‘๐‘Ž๐‘Ž๐‘™๐‘ข ๐’–๐’–๐’Ž๐’‚๐’ ๐‘˜๐‘’๐‘’ ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘—๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ž ๐‘ค๐‘Ž๐‘Ž๐‘› ๐‘ก๐‘Ž'๐‘’๐‘’๐‘“ ๐‘”๐‘Ž๐‘ก๐‘–๐‘– โ„Ž๐‘œ๐‘—๐‘–๐‘– ๐‘˜๐‘’๐‘’๐‘ก๐‘–๐‘– ๐‘‘๐‘Ž๐‘โ„Ž๐‘Ž๐‘Ž ๐‘ก๐‘Ž๐‘Ž๐‘ ๐‘–๐‘ ๐‘ข๐‘ข๐‘› ๐‘ ๐‘–๐‘–๐‘“ ๐‘˜๐‘Ž๐‘“๐‘“๐‘Ž๐‘™๐‘Ž. ๐‘†๐‘Ž๐‘›๐‘Ž๐‘Ž๐‘“๐‘ข๐‘ข ๐‘”๐‘Ž๐‘Ÿ๐‘ข๐‘š๐‘š๐‘Ž๐‘Ž ๐‘–๐‘Ÿ๐‘Ÿ๐‘Ž๐‘ก๐‘ก๐‘– ๐‘๐‘œ๐‘๐‘๐‘Ž'๐‘–.

@Oromo_Positive
๐Ÿ‘28โค6๐Ÿฅฐ3
SI QOFATU AKKA TA'UU QABU OFIIF TA'A!

โ Namoonni baay'een akka fedha isaanii keessatti qofa akka jiraattu barbaadu. Gaafa ati akka fedha keetti jiraachuu eegaltu garuu, dhagaa hedduu sitti darbatu. Jechaan si madeessu, jibbaan sirraa dheessu. Atillee "namni akkuma koo naaf ta'a" jettee itti of kennite taanaan dogoggora eegalte jechuudha. Atis nama keessatti of ittisuun, namni daangaa ofii fedhe keessatti si tiksuunis seera miti.

โœช SI QOFATU AKKA OFIIF TA'UU QABU TA'UU DANDA'A. Namni yeroo hunda waan ofii fedhu qofa akka isaaf mijatutti sirraa eega. Waan sirraa eegu dhabnaan gatee sibiraa sokka. Maqaa biraa sitti moggaasa. Ilaalcha ofii qabu sirratti biqilcha. Kanaafi kan ati humna si utubu, ofitti amanamummaa sibaatuf humna ofta'uu sirra jiru daran cimsuun kan si barbaachisuuf!

Kanaaf ati hunda dursitee akka ofiif ta'uu qabdu ta'uun kan si barbaachisuuf. Gaafa sana kan si dhiiseef jeeqamuun, kan si darbate sin madeessun, jechiif ilaalchi sin raasun hin jiru.

โ—ช Gaafa humna kana ofirratti moosifte immoo of kee qofa miti, uumaamaan waliigaltee, jaalalan dhangaashee sooratta.

โ—ช Boqonnaa sammuus achi keessaa argatta. Daangaa ofii sararatte keessatti addunyaa kee bocatta!

@Oromo_Positive
๐Ÿ‘22
KANA BEEKTUU?
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โžถ๏ธ Milkaa'inni ida'ama kufaatiwwanii fi gufuuwwan baay'eeti.
โžถ๏ธ Milkaa'ina hedduu duuba seenaawwan ajaa'ibsiisoo hanga abdii kutannaa geessan baay'eetu jiru.
โžถ๏ธ Kanaafuu,
โ€ข Karoora kee karoorsi!
โ€ข Kaayyoo kee sirriitti tarreessi!
โ€ข Galma kaayyoo keetii adda baasi!
โ€ข Tarsiimoo ittiin milkooftu qopheessi!
โžถ๏ธ Sana booda ati hojii kee hojjadhu! Waaqa irra immoo abdii kaa'adhu! Ni milkoofta.

๐Ÿ‘€ Stay Tuned!
@Oromo_Positive
๐Ÿฅฐ10โค7๐Ÿ‘5
WANTOOTA AMALA KEE FI HARIIROO KEE SUMMEESSUU DANDA'AN:
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โžŠ. Iftooma dhabuu yookiin iftooma garmalee guddisuu!
โž‹. Yeroo mara miidhamtummaa dubbachuu!
โžŒ. Mudaa maleessummaa of irraas ta'e jaallee ofii irraa eeguu; namni mudaa maleessa (perfect) ta'e hin jiru!
โž. Yeroo mara negative (hir'ataa) ta'uu!
โžŽ. Jaallee ofii irratti hirkataa ta'uu (yaadaan, qarshiin fi kan kana fakkaatan)!

Furmaata:
โž› Wantootni kun guddina hariiroo keenyaaf hudhaa ta'uu beekuun irratti hojjechuun barbaachisaadha.
โž› Gaafa hammaatu ogeessa mariisisuu

๐Ÿ‘€ Stay Tuned!
@Oromo_Positive
๐Ÿ‘11โค3
Forwarded from .
๐‚๐ก๐š๐ง๐ง๐ž๐ฅ ๐‚๐จ๐ฅ๐ฅ๐ž๐œ๐ญ๐ข๐จ๐ง
๐™ฒ๐™ป๐™ธ๐™ฒ๐™บ & ๐™น๐™พ๐™ธ๐™ฝ ๐š„๐š‚ ๐™ฝ๐™พ๐š† ๐Ÿ‘‡
    . โ‡ฃ โ‡ฃ โ‡ฃ 

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
๐Ÿ‘‰โœจJOINโœจ๐Ÿ‘ˆ
๐Ÿ‘‰โœจJOINโœจ๐Ÿ‘ˆ
๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†
                  ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ
                  ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ
         ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ
         ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ
                  ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ
                  ๐Ÿ”ณ๐Ÿ”ณ

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
๐Ÿ‘‰โœจJOINโœจ๐Ÿ‘ˆ
๐Ÿ‘‰โœจJOINโœจ๐Ÿ‘ˆ
๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†



๐Ÿ‘† โ™ฅ๏ธŽโ€ฟโ™ฅ๏ธŽ ๐–ณ๐–บ๐—ƒ๐–บ๐–บ๐—ƒ๐—‚๐—…๐–บ ๐—„๐–พ๐—‡๐—‡๐—‚๐—‡๐—Ž๐—๐—๐—‚ ๐–ป๐–บ๐–บ๐—’'๐–พ๐–พ ๐—€๐–บ๐—†๐—†๐–บ๐–ฝ๐–ฝ๐—Ž! ๐–จ๐—๐—๐—‚ ๐—€๐—ˆ๐—‹๐–บ๐–บ ๐–ป๐—‚๐—‹๐–บ ๐—๐—‚๐—‡ ๐–ฝ๐–บ๐—‹๐–ป๐—‚๐—‡๐–บ๐–บ๐—๐—‚๐—‚!(โ—•โ€ฟโ—•)๐Ÿ‘†
๐—›๐—ข๐—ฃ๐—˜ ๐—ฃ๐—ฅ๐—ข๐— ๐—ข๐—ง๐—œ๐—ข๐—ก
๐€๐๐ฏ๐ž๐ซ๐ญ๐ข๐ฌ๐ข๐ง๐  ๐“๐ž๐ฅ๐ž๐ ๐ซ๐š๐ฆ
   ๐‚๐ก๐š๐ง๐ง๐ž๐ฅ๐ฌ/๐†๐ซ๐จ๐ฎ๐ฉs
@Oromoon_Oromoof_PostBot

Ads
   โ€ข @hope_promo
โค10๐Ÿ‘6
Yaada poozatiivii qabaadhuu!

namoonni yaada nagatiivii qaban ifa dursee dukkannii waan itti mul'atuuf
Akkasumas cimina isanii caalaa dadhabina isanitu itti mul'ata.
Kanaafuu carraan of jijjiiruu isani bay'ee qorraadha(dadhabaadha).
maaloo michuu koo
Yaada poozatiivii horadhu

๐Ÿ‘€ Stay Tuned!
@Oromo_Positive
๐Ÿ”‘Join๐Ÿ”‘ @Oromo_Positive โ™ป๏ธshareโ™ป๏ธ
๐Ÿ‘16๐Ÿ”ฅ3๐Ÿ™3โค2
Kufaatiin akkuma milkaa'inaa, namoota hedduu biratti waan hedduudha. Ilaalcha Sammuu Gaarii (Positive Mental Attitude) waliin, kufaatiin muuxannoo barumsaa, adeemsa sadarkaa irratti, lafa diriiraa yaada kee sirnaan itti galchitee irra deebitee yaaluuf itti qophooftudha.

๐Ÿ‘€ Stay Tuned!
@Oromo_Positive
๐Ÿ”‘Join๐Ÿ”‘ @Oromo_Positive โ™ป๏ธshareโ™ป๏ธ
๐Ÿ‘9โค5๐Ÿ‘1
Jireenya jiraattu keessatti wanti hubachuu qabdu jira.
1ffaa: Yeroo hundumaa abdii haaraa fi gammachuu addaatiin oolmaa kee gaggeeffachuu yaali! Gatii baasuu qabdus baasi! Namni abdii fi gammachuu qabu waan haaraa hojjechuuf cimina hunda caalu qaba.

2ffaa: Haalota oolmaa kee keessatti si mudatan ilaaltee harka hin kennin! Abdii akka qabdu sammuu keetti himi!

3ffaa: Nan kufe jettee abdii hin kutin! Kufuun dhuma jireenyaa miti.

4ffaa: Ulfina argadhe jettee hin boonin! Ofiin boonuun galma jireenyaa miti.

5ffaa: Kufaatiin isa ta'uuf (bira gahuuf) dhalatte osoo hin ta'in (bira hin gahin) hafuudha. Isa ta'uuf dhalatte ta'uuf immoo rakkina keessa darbuun dirqama. Rakkina hin sodaatin!

Mee namoottan addunyaa beekamoo ta'an hunda isaanii qoradhu! Hundi isaanii rakkina hammana hin jedhamne keessa darbanii kan mul'ata argatan.

Rakkinni yaadni haaraan keessa keetii akka burqu godha!

โ— Eenyummaan kee rakkinaan yoo dabalame of argita. Ofitti akka deebitu si godha. Si malee namni si ta'uu danda'u akka hin jirre sitti hima.

โ— Namoonni baay'een yoo waa rakkatan waanuma akkasitti hafan of se'uudhaan milkaa'ina cina isaanii jirutti aggaamuu of dhoowwu. Lakki akkas miti eenyuyyuu rakkina baatee kan hafu hin jiru. Yeroodhaaf nutti fakkaata malee.

โ— Namni mul'ata qabu, fuuldura isaatti milkaa'ina ilaalu tokko rakkina keessa darbuun waanuma jiru.


๐Ÿ‘€ Stay Tuned!
@Oromo_Positive
๐Ÿ”‘Join๐Ÿ”‘ @Oromo_Positive โ™ป๏ธshareโ™ป๏ธ
๐Ÿ‘15โค7
Of dinqisiifadhu!
Of dinqisiifachuu jechuun oftuuluu/ofjajuu jechuu miti. Of jajuu/of tuuluunis of dinqisiifachuu hin ta'u. Kan akka kootii nyaataaf dhalate, kan akka kootii hojii hinqabu, kan akka koo fokkisu hinjiru, ani dadhabaadha, ani humna inqabu, ani gochuu hindanda'u, naaf hinmilkaa'u, wal naaf hinqabatu, natti dhumeera, koo qofti hinta'uufi kan kana fakkaatan hinjedhiin. Sababni isaa, nama addunyaa kana irra jiraatu biliyoona 8 keessaa namni akka keetii yoo jiraateyyuu, ati suma qofa waan taateef, ofdinqisiifadhu. Akka namoonni ogeeyyii siin-sammuu (Psychologist) tokko tokko dubbatanitti namoonni si fakkaatan Addunyaa kana irratti jaha akka jiran nihimu. Garuu, namoonni wal fakkaatoon kunneen, osoo walitti dhufanii yaadni/ilaalchi isaanii, ashaaraan isaanii, barreeffamni isaanii, mul'atni isaanii, hawwiin isaaniifi kan kana fakkaatan sakatta'amanii tasumaa wal infakkaatan. Namoota jahan kanayyuu dhiisnee, osoo namootuma biliyoona kurna kana walitti fidnee guutummaatti wal fakkaatuu indandaโ€Ÿan. Garaan haadhaatuu, burreedha jedhu mitiiree? Kan akka kee waan ati hojjachuuf uumamte hojjachuu danda'u injiru. Kaayyoon Waaqayyo nu uumeef nyaannee, dhugnee, uffannee, jiraannee akka dabarruuf miti. Akka Macaafni guddichi jedhutti namni hanga ammaa umrii dheeraa jiraate Matusaalaa jedhama. Waggaa 926 jiraate. Garuu, seenaan isaaf galmeeffamee jiru dhalche, dhalche, dhalche, dhalche kan jedhu qofaadha.

Namoonni baayโ€Ÿeenis dhalchuuf waan uumaman se'u; hattoonni hannaaf; sobduun sobaaf; ogeessi ogummaasaaf qofa; malaammaltuun guubboof waan uumaman isaanitti fakkaata. Garuu, akkas miti. Waaqayyo nama tokkoyyuu hojiifi karoora malee inuumne. Kaayyoo uumameefi ammoo, waan keessa isaa jiru baasee yoo ittiin hojjate yookaan irratti hojjate namuu waan uumameef wajjin wal arga. Kan qonnaaf uumame injiru; kan haa barsiisuuf uumames injiru; kan daldalaaf uumame akkasumas, kan rakkinaaf uumames injiru. Erga uumamee garuu, namni waan caalaatti ittiin liqimfame ta'a. Akkuma mucaa xiqqoo tokkoon, Abbaan maal ta'uu barbaadda gaafa guddattu?" jennaan, Poolisii jette. Maaliif jennaan, akka ebeluu hattuu ari'ee laga buusee, achitti qarshii inni hate wajjin hirmadhee, soofaa bitadhee, suuqii banachuufkaa jette sana wajjin wal fakkaata. Poolisiin mucattiin argitee beektu, kan haqaaf dhaabatu osoo intaane, kan hannaaf dhaabatedha. Yeroo lamaafi isaa ol waanuma namichi sun hattuu sanaafi jaleewwan isaa osoo ariyatuu argituuf duukaa buutee, dhokattee waan inni godhu waan ilaaltuuf sanumaan guutamaa guddatte. Waanuma argaa guddannutu ilaalcha keenya murteessa. Daa'imman sammuun isaanii akka waraqaa adii/taabularaasaa waan ta'eef irra caalatti waan argan irraa baratu. Gama mana barumsaatiinuu barbaachisummaan meeshaa deeggarsa barnoota kanaafidha. Kanaafuu, waanuma argaa turteen Poolisichi hattuu ariyateee waan isheen qabdu sana hirmachuudhaaf waan uumame; akkasumas Poolisiin marti kanuma godha jettee waan yaadduuf, akkuma kanatti ofamansiifte. Maalummaa fi Itiksii Poolisii yoo itti himanii amansiisuuf yaalanis, waan keessoo ishee guute waan jiruuf amanuu indandeenye. Dhuma irratti haati isaa abshaala waan taateef, madda rakkoo mucaa ishee barti. Dhibeen argamnaan qorichi indhibu jedhama mitiiree?! Fala faltee keessoo mucichaa jijjiiruuf wareegama kanfaltee mucaa ishee amansiifatte jechuudha.

Ilmi badiif uumame injiru. Erga uumamee bada malee. Egaa waan ittiin guutamnee jirrutu nu murteessa. Mee qodaa/baattuu bishaanii/ yoo fudhanne yookaanimmoo burcuqqoo yoo fudhanne hundee diimaa bulbullee yoo itti naqne diimaa ta'a yoo itti naqne diimaa yookaan diimaa daalachaa'aa ta'a; bishaan yoo itti naqne adiittii dhiyaata. Waanuma isa guutetu halluu laataaf. Jaalannes jibbinees namni nuyi waliin oollu, kitaabni nuti dubbisnu, waanti nuti ilaalaa oolluufi kan kana fakkaatan waan nuti taane, waan nuti taanu irratti dhiibbaa guddaa qabu. Dubbiitu dubbi fida; dubbiitu dubbii fixa mitiiree? Anis waa malee hanga kana keessa infagaanne. Waan yaraa gootu kamuu, hanqina qabdu kamuu osoo namni sin ceepha'iin dura ati ofceepha'a.

@Oromo_Positive
๐Ÿ‘15โค6
Ofceepha'uuf of ceetta'uun/tuffachuun wal miti. Yoo ofceephaatee mudaa keef madda barta. Hanqina kee sirreessita. Yoo ofceettaatee si'aayina keessoo kee ajjeesteetu, oftuffattee dalagaa hojjachuuf jettuuf humna dhabda. Mul'ata keessoo kees karaa bubbulchita. Of ceetta'uun yakka; ofceepha'uun akka. Yoo of ceephaatee yakka/dogoggora kee osoo namni inargiin argitee sirreeffatta. Gorsaa(adviser) tokkoofi lamas si barbaachisa. Baay'isuunis rakkoodha. Gorsaa dhabuunis rakkoodha. Hundumatti inhimatanis, hundumatti inhidhatanis. Tokkoof lama garuu, hiriyaa jabaa isaa yookaan maatii ofii qabaachuun gaariidha. Sababni isaa yeroo ofceepha'uuf ofsakatta'an wanni osoo gaarii inta'iin akka ilaalcha ofiitti gaarii fakkaatu waan jiruuf mudaa ofii hubatuu dhiisuu malu. Kunis sanaaf qoricha. Yoo kan dhufe maratti himataas, hidhataas kan deeman taatemmoo, hundumatu namaan kolfa; hundumatu nama lafafa. Hundumatu nama hamata. Kanaafi Oromoon koo Yaa fira gaafa fanxoo, yaa orma gaafa farsoo; Yaa fira gaafa golfaa, yaa orma gaafa kolfaaโ€Ÿ kan jedhuuf. Osoo namni nama irratti in beekiin, qaawwa ofii cuqqaallatu jechuudha. Osoo namni sin jajiin, osoo namni sin dinqisiifatiin, osoo namni sin ajaa'ibsiifatiin ati of dinqisiifatuu qabda. Waan qabatte fiixaan osoo inbaasiin addaan kan inkunne ta'uu kee, namootaa olis namaa gadis kan injirre taatullee, siif kan akka keetti loltuun, ogeessi, mootummaa siin siif caalu akka injirre ofitti himi. Gaafa beekamtu, gaafa guddattu, gaafa waltajjii argattu, gaafa gurra argattu diinni keetuu fira keeti.

Gamanumaan addatti namoota waa katabaniifi yeroo dhaamsa dhaamu; yeroo tokko miidiyaa hawaasaa(Facebook) irratti maxxansa tokko maxxansee yoo like fi comment naaf inbaay'atan ta'e baay'een aaran ture. Amma garuu, beekamtummaa irra caalaa, beekuun akka caalun bare. Yoo osoo inbeekiin beekamtee, salphinaan waltajjii sirbaaf yaabbatterraa boo'ichaan gadi buuta. Kan akka siif kolfuuf ati yaaddee kan sitti kolfu ta'a. Yoo beektee wallaalamtemmoo, bara tokko si qoratanii dhufu. Warqeen qubaa tuullaa biyyee keessa yoo buutee badde, bara tokko biyyee of jalatti dabarsitee irratti baatee teessi. Afaan keemistiriitiin molokiyuulonni atoomii warqee kan biyyee caalaa waan walitti dhiyaatanii jiraniif, rukkinni biyyees rukkina warqee qubaa sanaa caaluu waan dandaโ€Ÿuuf, haadhatteetu achi keessaa olbaatee qaroo namaatti mul'atti. Anaafis namni beekee beekamtummaa inqabne kana wajjin tokko natti fakkaata. Egaa wanti ati gochuu qabdu inni guddaan, osoo inbeekamiin waan beekuu feetu, beekuu akka dandeessu ofamansiisi. Sana gochuun siif salphoo akka taatetti ofitti himi. Dandeettii qabdu dinqisiifadhu. Yoo jabaattee hojjatte, akka eenyuuyyuu akka geessu ofitti himi. Eenyuun olis akka milkooftu ofitti himi. Gufuuleen si mudatan akka sin jilbeenfachiifne ofitti himi. Kun si'aayina keessoo keef waan murteessaadha. Ilaalcha gaarii(Positive attitude) ofiif horadhu. Ilaalchi gaariin nuyi ofiif qabnu hammangee milkoomina keenyaafi gammachuu baayโ€Ÿee nuti argachuu qabnu nuuf murteessa. Namni ilaalcha gaarii qabu bara isaatti gammadee/relax/ jiraata. Jireenyi gaariin ilaalcha gaarii keessaa dhufa. Ilaachi badaanis jireenya badaafi qoraattii kaayyoo dhala. Kanaafuu, ati warqeedhaa of dinqisiifadhu!

๐Ÿ‘€ Stay Tuned!
@Oromo_Positive
๐Ÿ”‘Join๐Ÿ”‘ @Oromo_Positive โ™ป๏ธshareโ™ป๏ธ
โค10๐Ÿ‘10
Amalli Namoota Ciccimoo Garuu Akkas Miti.
โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ
โ Namootni ciccimoon kaayyoo sirrii ta'een gaggeeffamu. Kaayyoo isaanii kanaafis bulu. Gochi isaan guyyaa guyyaatti hojjetan, dubbii isaan dubbatanii fi barreessan hedduun isaa qaama kaayyoo isaanii kanadha. Sammuu isaanii fi hubannaadhaan gaggeeffamu malee oduu namaan hin bulan. Oduun namoota akkasii irrattis ta'ee biratti yoo odeeffamu, isaaniin hin ajaa'ibu. Wanti ta'aa jiru hedduun isaa wanta isaan duraan yaadaniidha. Maal akka yaadan, maal gochuu akka qaban, rakkoo tokkoof maddi isaas falli isaas maal akka ta'e buusanii baasanii yaadu. Namoota furmaataati malee rakkoo-uumtota miti.

โ Namoonni ciccimoon, wanti hojjetamuu fi odeeffamu kam iyyuu fedhii isaanii malee akka dhiibbaa hin taane irratti hin godhanneef of eeggatu. Maal akka dhaggeeffatan, maal akka dubbisan, maal akka dubbatan, maal akka raawwatanis bareechisanii beeku.

โ Amaloota namoota bebbeekoo keessaa inni biraan tokko immoo, yeroo hundumaa sammuun isaanii banaadha. Beekumsa dabalachuuf, ogummaa fi dandeettii dabalachuuf, gabbifachuuf yeroo hundumaa banaadha. Wanta gaarii irraas, wanta hamaa irraas wanta baratan qabu. Maal akka godhanis irraa hubatu malee ittiin hin miidhamani.

โ Cimina isaanii namoota duratti mirkaneessuufis hin dhiphatani. Namootni yoo isaan hubatanis hubachuu baatanis, isaan, irra caalaa waanuma gochuu qaban godhu malee haalaa fi oduudhaan hin jeeqamani.

โ Of hin tuulani. Siluma iyyuu cimoo waan ta'aniif, ofii isaanii fakkaatu malee, akka nama cimaa hin taanee nama cimaa fakkaachuuf yaaluuf of hin tuulani. Amalli hamma ofiin alatti of tuuluus, amala nama cimaa hin taanee akka ta'e bareechanii beeku.

โ "Of hin jajanis." Hojiin isaanii inni gaggaariin akka isaan boonsu waan beekaniif, ofiin of leellisuuf hagas mara hin dadhabani.

โ Amalootni namoota ciccimoo fi ciccimoo hin taanee illee hedduudha, ammaaf garuu kanuman tuquu barbaade. Mee isin immoo maal jettu? Yaada kana keessatti of ilaaltaniittuu? Madaaltaniittuu?

๐Ÿ‘€ Stay Tuned!
@Oromo_Positive
๐Ÿ”‘Join๐Ÿ”‘ @Oromo_Positive โ™ป๏ธshare
๐Ÿ‘23โค3๐Ÿ™ˆ1
yaadadhu:

*Akka wanti kaleessa darbe deddeebi'ee sin jeeqneef, waa'ee isa darbee hin dhiphatiinโ˜บ๏ธ
*Namni waa'eekoo maal jedha jettee hin yaadda'iin๐Ÿคทโ€โ™€
*Gammachuukeef shoora olaanaa kan taphatu suma mataakee qofaadha๐Ÿ˜…
*Yeroon kan hin jijjiirre waan hin jirreef, yeroo itti kenniโŒš๏ธ
Baay'istee hin yaadiin๐Ÿ’ญ ... waan hunda beekuun dirqama miti๐Ÿ™
*Fuula ifaa qabaadhuโ˜บ... rakkinni Addunyaa kanarraa hundi kankee miti๐Ÿคทโ€โ™€๏ธ
~~~
๐Ÿ‘€ Stay Tuned!
@Oromo_Positive
๐Ÿ”‘Join๐Ÿ”‘ @Oromo_Positive โ™ป๏ธshare
๐Ÿ‘7โค1
๐Ÿ‘7
#Kunis_nidarba!
-------------------
Namicha #hiyyeessa tokkotu baay'ee rakkachuu irraan kan ka'e #gasoodhaan lafa qotee midhaan facaafata. #Imaltoonni wayii itti dhufanii "Maali namichoo akkamitti akkasitti dadhabdee lafa kana #gasoodhan qottee facaafta, sitti hin ulfaatuu?" jedhaniin. Namichis "#kunis_nidarba" jedheen. Kana caalaa deebii biraa itti hindeebifne. Imaltootni sunis deebii namichaa ajaa'ibsiifatanii bira kutanii imala isaanii itti fufan. Waggaa muraasa booda #namichi lafa gasoon qotaa ture sun sooromee #qabeenya horatee #jireenya gaarii jiraachuu jalqabe. Guyyaa biraa tokko #imaltonni sun ammas osoo karaa deemanii aduun itti dhiinan mana namicha wayii nu bulchaa jedhanii #kadhatanii buluuf ol galan. Taa'anii buna #dhugaa haasawanii yoo wal qoratan namichi abbaa qabeenyaa mana isaa buufatan kun isa waggoota muraasa dura #hiyyeessa gasoodhaan lafa qotu sana ture. Jarri sunis akkamitti haala kanaan jijjiramee sooromuun isaa baay'ee isaan dinqisiisee, akkamitti akkasitti sooromte jedhanii yoo isa gaafatan "Kunis hindarba" ittiin jedhe namichi sooressichi sun.
Isaanis achi bulanii #daandii imala ofii itti fufan. Yeroo dheeraa booda imaltoonni sun daandii sanarra deebi'anii otoo galuuf jiranii #Siidaa (Awwaala) nama tokkoo arganii itti goranii yoo maqaa ilaalan namicha #sooressa mana isaa bulaniidha. #Maqaa isaa jalatti jecha "#KUNIS_NIDARBA" jedhutu barreeffamee jira. lmaltoonni sun jecha kana gaafa argan isa inni gaafa gasoodhan lafa qotuu san yaadatanii baay'ee ajaa'bsifatanii du'uu isaatti immoo gaddanii "ayii!" jechaa imala isaanii itti fufan. Ammas yeroo murtaa'en booda imaltootni sun yoo daandii sanarra dhufan #Siidaan sun kaafamee daandii asphaaltii ta'ee jira. Ammas taateen sunis darbuu hubatan.
-------------------------------
#Maal_jechuuf.  Wanti hindarbine akka hinjirre seenaa namicha kanarraa nihubatna. Kanaaf #imalli hundumtuu nidarba. Rakkinis taโ€™e quufni; beekumsis taโ€™e wallaallummaan; argachuus taโ€™e dhabuun; hiyyumnis taโ€™e sooromni, tuffachuus taโ€™e tuffatamuun nidarba. Wanti hunduu yeroo muraasa booda nidarba. Beekumsi, qabeenyi, guddinni, aangoo, maqaa, bifti, humnifi olaantummaa dhaabbataan dhala namaaf kenname hinjiru. Inni waan hundaan guutuufi dhaabbatee hafuu #Waaqayyo qofa. Yeroo siif laatametti gaarii yaadi; wanta gaariis godhii darbi. Booda carraan kun akka dhibu beeki.
#Namni haalli hunduu bitaafi dukkana sitti fakkaatu immoo #abdii hinkutin. Akkuma argachuun darbu dhabuunis nidarba. Harโ€™a jechuun boru miti.  Dhukkubnis ta'e qorumsi har'aas nidarba. #Obsa yoo qabaatteefi gara Waaqayyoo yoo ilaalte Waaqayyo #biiftuu haaraa siif baasa. Yaa firakoo koo inni ati amma keessa jirtu rakkina osoo hintaane daandii #jireenyaa dirqama ati keessa darbuu qabduudha. Inni boโ€™e akka booโ€™etti, inni kolfes akka kolfeetti hinhafu. Sababni isaas haalli amma keessa jirtu #KUNIS_NIDARBA. Kanaaf deemsa kee hin dhaabin fuulduratti

๐Ÿ‘€ Stay Tuned!
@Oromo_Positive
๐Ÿ”‘Join๐Ÿ”‘ @Oromo_Positive โ™ป๏ธshare
๐Ÿ‘34โค1
Namoonni baay'een akka fedha isaanii keessatti qofa akka jiraattu barbaadu. Gaafa ati akka fedha keetti jiraachuu eegaltu garuu, dhagaa hedduu sitti darbatu. Jechaan si madeessu, jibbaan sirraa dheessu. Atillee "namni akkuma koo naaf ta'a" jettee itti of kennite taanaan dogoggora eegalte jechuudha. Atis nama keessatti of ittisuun, namni daangaa ofii fedhe keessatti si tiksuunis seera miti.

Si qofatu akka ofiif ta'uu qabu ta'uu danda'a. Namni yeroo hunda waan ofii fedhu qofa akka isaaf mijatutti sirraa eega. Waan sirraa eegu dhabnaan gatee si biraa sokka. Maqaa biraa sitti moggaasa. Ilaalcha ofii qabu sirratti biqilcha. Kanaafi kan ati humna si utubu, ofitti amanamummaa sibaatuf humna ofta'uu sirra jiru daran cimsuun kan si barbaachisuuf!

Kanaaf ati hunda dursitee akka ofiif ta'uu qabdu ta'uun kan si barbaachisuuf. Gaafa sana kan si dhiiseef jeeqamuun, kan si darbate sin madeessun, jechiif ilaalchi sin raasun hin jiru.Gaafa humna kana ofirratti moosifte immoo of kee qofa miti, uumaamaan waliigaltee, jaalalan dhangaashee sooratta.

Boqonnaan sammuus achi keessaa argatta. Daangaa ofii sararatte keessatti addunyaa kee bocatta. Hunda haalaaf karoora ittiin raawwattu cimsitee beekta. Dhufee darbaan amala namaa si hin yaaddessu. Akka dhufetti keessummeessita, akka deemetti gaggeessita. Isa nagaa kee goolutti ulaa miira kee cufatta.

Akka namaa miti, akka ofiif ta'uu qabdu taata.Ati qofti ilaalcha xiqqaa ofummaa kee irratti biqilchite buqqisii, humna ofitti amanamummaa kee cimsadhu! Bashaasha ta'i; guddaa dhiphinaan sitti dhufe, seeqa xiqqoon gaggeessi. Maaf dhiphatta? Eenyumtuu bakka kee bu'ee daqiiqaa takkaaf jireenya kee hin jiraatu.

๐Ÿ‘€ Stay Tuned!
@Oromo_Positive
๐Ÿ”‘Join๐Ÿ”‘ @Oromo_Positive โ™ป๏ธshare
โค12๐Ÿ‘12