Galmee Seenaa Qulqulloota!
6.77K subscribers
52 photos
2 videos
2 files
45 links
" Dhagaadhaan in rukutaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman." Ibr 11: 37
https://youtube.com/@belinamelaku12
@Baliye
Download Telegram
Faayidaa Macaafa qulqulluu dubbisuun jireenya Kiristaanaaf qabuu !
“Caaffanni qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.” 2Xim. 3:16

1. Ibsaafi  ifa jireenyaati.
Far. 119:105 "Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa."

2. Madda jireenya afuuraafi madda jireenya fooniiti.
"Caaffata qulqullaa'aa keessatti 'Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba'u hundumaan malee' kan jedhu caafameera" jedhe.”Mat. 4:4

3. Milkaa’inaa jireenyaati.
“Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin! Halkanii fi guyyaas waa'ee isaa yaadi! Karaan kee akka siif qajeelutti, wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi!”
Iyasu. 1:8

4. Humna jiraataafi Albee qara lamamati.


Faayidaa macaafa qulqulluu dubbisuu afaan hayyoota mana amantaatiin !

®Qulqulluu Yohaannis afaan Warqee !
•Macaafaa qulqulluu dubbisuun akka qoricha jireenya afuuraati.
•Macaafaa qulqulluu utuu hin dubbisin hafuun madda kufaatiiti.
•Macaafa qulqulluu gaafa dubbisnuu Waaqayyoo waliin wal dubbiisna.

©Abunee Shinoodaa.

•Macaafaa qulqulluu jechuun xalayaa Waaqayyo biraa guyyaa guyyaan siif barreeffamee dha.

©Qulqulluu Atinaatiwoos !
Macaafni Qulqulluun maddaaf bu'uura hundee amantaati.

©Onismoos ykn Abbaa Gammachiis !
•Macaafni Qulqulluun da'oo fi iddoo boqonnaa kiristaanaati.


Hayyoota addunyaa maal jedhan waa’ee macaafa qulqulluu maal jedhan?

©Albert Einstian
"Macaafa qulqulluu keessatti  humna jireenya koo jijjiireen argadhe"jedheeraa.

©Prizidaantiin Ameerikaa Joorjii !
Waaqayyoof macaafaa qulqulluu malee addunyaa kana bulchuun hin danda’amuu jedheera.

Kitaaba adduunyaa kanarraa jiran caalaa macaafa qulqulluutu jireenya kootiif qajeelfama na kennee.


D.n Gamtaa Chimdeessaa !
❤16
“Yeroo namoonni hundi dukkana keessatti kophaatti si dhiisan hin boo'in ykn hin gaddin; sababiin isaa Waaqayyo waca namootarraa adda si baase, callisaan si wajjin haasa’uuf yeroo addaa filatee dha. Kophaa ta’uu kee gara komiitti hin jijjiirin, gara kadhannaa fi galataatti jijjiiri; yeroo sana naannoo kee ergamoonni qulqulluun guutamu.”
Kophaa ta’uun rakkina miti,
Yeroo tokko tokko Waaqayyo karaa ittiin nama ofitti dhiyeessuudha
Kadhannaa fi galata keessa jabaachuuf nagaatu jira.

Abbaa GebreKidan🙏

@Qulqulloota @Qulqulloota
@Qulqulloota @Qulqulloota
❤11🥰3👏3
Dhugaa jiru hubadhu

Iyyasuus Kiristoosi kan hin qabne jireenya hin qabu; Abbaas fi Afuura Qulqulluus argachuu hin danda’u. Iyyasuus Kiristoosi Mooticha lafaa fi samii laphee kiristaana dhugaa keessatti inni moo'atadha. Lapheen jaalalaa Gooftaan moo’atamte gara mana raagadaa, xonqaayii, mana araqee fi mana araadaa gara garaatti hin deemu.

Kiristaanni gara mana kiristaanaa deemuun Wangeela barata; Abbaa gaabbii waliin mari’ata; namoota dadhaboo gargaaruuf, harka qaleeyyii jajjabeessuuf, namoota walitti araarsuu fi dhukkubsattoota gaafachuuf ni deema.

Warreen miila tokkoon gara mana kiristaanaa, miila tokkoon gara xonqaayii, mana machii fi araadaa gara garaatti deeman warreen kisaaraa keessa jiranidha. Nama sobuu dandeenya; garuu Waaqaa lafaa fi samii uume sobuu hin dandeenyu.

Ati raftee dammaqi; of ilaali! Guyyaa deemsaa kee hin beektu waan ta’eef qophaa’i. Kanaaf jireenya kiristaana ta’uun jiraachuuf oolmaa kee sirreessi; kan raawwachuuf ofitti himi; raawwachiisi. Dhugaa jiru hubadhu.
❤11
Namni ati amantee irratti hirkatte yoo si ganee, jireenyi kee guutumaan guutuutti akka xumurameetti sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Garuu hubadhu; Waaqayyo jireenya moofaa fi siif hin fayyanne irraa si qulqulleessaa jira. Jireenya haaraa siif kennuuf. Kunis jireenya haaraa, ayyaana isaa guutuu fi caalaatti akka bareeduuf biqila haaraa si keessatti biqilchuufidha. Erga bubbeen darbee booda yeroo hunda nagaa fi ifni ni dhufa."
❤10👍2
Baga Wareegamtoota Wangeelaa kan ta'aan Qulqulluu Pheexiroosiif Phaawiloosii nagaan geessan 🙏


"Wareegamtoonni dhugumatti miidhagina adduunyaa kanaa tuffatan,dhiigasaaniis Waaqayyoof jedhanii dhangalaasan. Mootummaa waaqayyoofis du'a hadhaa'aa obsan"

Baga ayyaana waggaa yaadannoo wareegamummaa ifoota adduunyaa kan ta'an Qulqulluu Pheexiroosii fi  Qulqulluu Phaawuloosiin isin gahee  !

Kadhannaan, eebbi, sugni fi araarsummaan qulqulloota abboota keenya hunda keenya waliin haa tahuu !
❤4🥰3👏2🙏2😁1
"Ergamichi (Qulqulluun Phaawuloos) jiraachuufis ta'e du'uufis sababaa isaa jaalala Kiristoos godhate. Jaalala kanaaf jecha wanta ofii isaa hunda dhiise. Akkuma nama mootummaa samii keessa jiraachuu jalqabee, wantoota lafa kanaa hundumaa tuffate. Jaalala kanaaf jedhee addunyaa mul'atu kana akka baala gogee kufeetti lakkaa'ee irraa fagaate. Namoota ibidda afaaniin tufan illee akka bookee xinnaatti lakkaa'ee sodaa malee isaaniin wal'aanse.
Fuuldura Qulqulluu Phaawuloositti adabbiin guddaan tokko qofa ture; innis jaalala Kiristoos kana malee jiraachuu dha. Kun immoo ergamichaaf murtii cimaa fi hamaa, dhuma hin qabne ta'e ture."
Jaalalli Kiristoos Qulqulluu Phaawuloosiif waan hunda caalaa gatii qaba ture. Isa malee jiraachuun isaaf adabbii guddaa ta'ee ture.

— Kitaaba Qulqulluu Phaawuloos, fuula 408.
❤4
" Kadhannaa kan kadhannuuf Waaqayyoo wanti hin beekne jiraatee miti. Gara isaatti akka dhiyaannuuf, dhiyaannee michuuwwan isaa akka taanuuf, Guyyoota hunda akka nu gargaaruuf,akka gadi of qabnuuf, cubbuu keenyas akka yaadannuuf malee ''

Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee
❤12
"Yeroo danbali jireenyaa sitti cimaan, amantiin kee akka liqimfamuuf hin hayyamin. Yeroo qorumsa keetii Waaqayyo rafee hin jiru; caalaatti hammam akka ati isa amanattu ilaalaa jira. Akkuma dukkanni halkanii ifa urjii caalaatti mul'isu, qorumsi jireenyaas jabina lubbuu keetii caalaatti ifa baasee ni mul'isa."
Qulqulluu Yisihaaq Sooriyaawii
👍4❤1
"Waaqayyoon sodaadhaa... Hojii yeroo hojjettan Waaqayyoon sodaadhaa hojjedhaa. Yeroo dubbattanis Waaqayyoon sodaadhaa dubbadhaa. Yeroo fuutanis Waaqayyoon sodaadhaa fuudhaa. Yeroo daldaltanis Waaqayyoon sodaadhaa daldalaa. Karaa yeroo deemtanis Waaqayyoon sodaadhaa deemaa. Yeroo bulchitanis Waaqayyoon sodaadhaa bulchaa."
Jireenya kee keessatti waan kamiyyuu yoo ta'e, sodaa Waaqayyoon qabaadhuu.
Eebba jireenya kee keessatti ija keetiin argita !

Abbaa Gebra Kiidaan !
👍9❤6🥰1
Baga sooma filsaata nagaan geenye nagaan geessan !
+++Uffata qabachuun himannaa+++

Namni yeroo hunda waa'ee bakka hunda jiraachuu Waaqayyoo beekuu qaba. Kanaafis, waan badaa ta'ee hundaa hojjechuun duratti "Akka ani Waaqaa duratti waan hamaa akkanaa akkamitti hojjedha?” jechuu qaba.

Barumsa keenya har'aa keessatti,

Haadha manaa Phixfaaraa yommuu hawwiin Yooseefi ilaaltu, garaa isaa mo’achuuf yaaltus, inni garuu, “Akka ani Waaqaa duratti waan hamaa akkanaa akkamitti hojjedha?” jedhee didde. Isheen harka ishee diriirsitee uffata isaa yommuu qabdu, inni garuu qulqullina isaa qabatee uffata isaa ishee harkatti dhiisee baqate.

Isheen immoo uffata Yooseef harkatti qabattee maatii mana sanaa walitti qabdee akkana jette: “Inni akka na wajjin rafu gara koo dhufe; anis sagalee koo ol kaasee iyyadhe. Uffata isaa na bira dhiisee baqate!” (Uum. 39:14). Himanni kun garuu qulqullina Yooseef kan raggaasuu ture. “Akkamitti fi maaliif uffanni isaa si bira hafe?” jedhamee yoo gaafatamtee ta’ee, deebiin ishee icciitii ishee of saaxila ture.

Dhugumaan, yoo haleellaan isa irraa dhufe ta’ee, uffanni ishee cittee, qaamni ishees yeroo walqabsiifamtu dhiiga dhangala’aa ture. Isheen garuu nama homaa hin miine, nama qajeelaa uffata ofii isaa hammatteetti himatte.

Seenaa durii kun har’as balbala keenya irratti irra deebi’amee mul’ata. Namoonni garaa Mana Kiristaanaa keessaa bahanii, uffata Mana Kiristaanaa uffatanii, faaruu ishee faarfataa, kabaroo ishee rukutaa, bakka ishee irratti dhaabatanii ishee irratti himannaa dhiyeessan yommuu ilaallu, haadha manaa Phixfaar ni yaadanna.

Wanti nama dinqisiisu immoo, waan isaan himannaa fakkeessanii dhiyeessan hundi, dhugumaan “dubrummaa qulqulluu” fi qulqullina Mana Kiristaanaa kan raggaasuu ta’uu isaanii hubachuu dhabuu isaanii ti.

Duraanis jiraannaan mormitootaa kan hundaa’e, qaama isaan morman jiraachuu isaa qofaan. Of danda’anii dhaabbachuu kan hin dandeenye, bu’uura of irra dhaabbatan diiguudhaan mul’achuuf kan yaalan uumamoota hiyyoota dha. Akkuma gaaddidduu qaama ofii hin qabne, ifa fi wanta irratti bu’u malee jiraachuu hin dandeenye sana, akkasuma mormitoonni kunneenis Mana Kiristaanaa malee jiraannaa hiika qabu hin qaban. Yoo qaamni isaan morman hin jiraanne ta’ee, haasawni isaanii, kitaabni isaan barreessan, lallabni isaan lallaban hundi duwwaa ta’a ture. Jiraachuun isaanii fi beekamtiin isaaniis maqaa Mana Kiristaanaa wajjin walitti hidhame waan ta’eef, yeroo ishee balleessuuf tattaafatanitti illee, madda jiraannaa isaanii ishee ta’uu irraanfatu.

Namni bilisummaa fedhii isaa fayyadamuun karaa barbaade deemuu ni danda’a; garuu yaadni “akka wal qabannee walii gad buunu” jedhu maaliif? Ishee malee jiraachuu kan hin dandeenye, keessa jiraatanii nyaata isaanii itti bilcheessan, alatti ba’aniis maqaa ishee itti daldalan namoonni baay’een jiru. “Mee kan ishee ta’e dhiisaa; waa’ee ishee hin kaasin; daqiiqaa kudhan hanga ta’utti waa’ee ofii keessanii barsiisaa dubbadhaa” jedhamee yoo jedhaman, hafuura dhiphisu kan ta’an muraasni miti. Mana Kiristaanaa isheen akka isaan hawwanitti yoo baddee ta’ee, lallabni isaanii fi haasawni isaanii dhaabbatee, kaayyoo dhabu. Yookaan immoo, “dura dur…” jedhanii waa’ee Mana Kiristaanaa qofa lallabu ta’a.

Yoo kana hunda dhiifne illee, uffata ishee dhiisaa, ishee irratti himannaa dhiyeessaa!

D.n Guta Cheru !
❤5
“Bor hin jedhinaa!”
Diyaabiloos jecha abdii fakkaatu “bor” jedhuun har’a keenya nu jalaa fudhata. Har’a yoo hin fayyadamne, borus akkuma kanaa qisaasamaan darba.
Mala Seexanaa inni guddaan, waan gaarii yeroo amma gochuu qabnu gara fuulduraatti akka tursiifnu nu gochuu dha. Sababni isaa, hojii gaarii tokko “bor nan godha” jennee yoo dabarsine, bor yeroo ga’u immoo “bor biraa” jennee irra deebiin akka tursiifnu barbaada. Akkasitti umurii keenya guutuu waadaa fi tursiisa duwwaa keessatti akka fixnu barbaada.
Kanaaf, ogummaan dhugaan yeroo har’a harka keenya jiru hojii gaarii hojjechuuf, Waaqayyotti deebi’uuf, qalbii jijjiirrachuu gaabbii galuun itti fayyadamuudha.
“Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee”
Waaqni qulqullootaa hundi keenya yeroo har’aa akka gaariitti itti fayyadamnuuf qalbii hubataa fi ogummaa nuuf haa kennu! 🥺🙏
❤2
​"Ollaa kee akka ofii keetii jaallachuu jechuun gammachuu isaa akka gammachuu ofii keetii, gidiraan isaa akka gidiraa ofii keetii ilaaluu jechuudha. Wanti ollaa kee mudatu kamiyyuu akka si mudatu yoo hin ilaalle jaalalli kee ammallee guutuu miti. Ollaan kee kutaa kee isa biraa kan ati keessa jiraattu waan ta'eef.''

Qulqulluu Yohaannis

@Qulqulloota @Qulqulloota
@Qulqulloota @Qulqulloota
​"Even if you speak the truth, if you speak without love, you speak in vain"
— St. John Chrysostom

​እውነትን እንኳ ብትናገር፣ ያለ ፍቅር የምትናገር ከሆነ በከንቱ ትናገራለህ።»
— ቅዱስ ዮሐንስ አፈወርቅ
​
​
«Dhugaa dubbattu illee, jaalala malee yoo dubbattu, Waaqa biratti bu'aa hin qabu / gatii hin qabu.»
— Qulqulluu Yohaannis Af-Warqii
❤10
Forwarded from 1137439312:AAGumjHJ7pzA6vrrfVMlKoqTUsCs59GySrg
✅Data Tola Fayyadama hin jirtaan tanan amumma Bakka Start jedhuu tuqa fayyadama 👇👇👇
Forwarded from Quality Button Bot
Badhaasa kaardii 450 irratti hirmaadha!! 🏃‍♂🏃‍♂

Nama 20 dursee chaanalota armaan gadii join godhe qofaaf!! 👇👇
Forwarded from 1137439312:AAGumjHJ7pzA6vrrfVMlKoqTUsCs59GySrg
Isin Ortodoksi dha❓