QEEQA KITAABAA
The secret
Roondaa Birnee, 2006
Barreessan:- Guutuu Amsaaluu
@labatamagazine
Kitaabni “The Secret” kan hundaa’u “seera harkisaa” (law of attraction) irratti yoo ta’u maddi kitaabichaa kitaaba “The Science of Getting Rich” jedhu bara 1910 Waalaas Waatilsiin barreeffame dha. Akka seerichi jedhutti yaadni namaa kallattiidhaan addunyaa jijjiiruu akka danda’u dha. Wanti wal-fakkaatu wal harkisa. Yaadaa fi fedhii kee waan tokko irratti xiyyeeffattee yeroo turtu yuunivarsichi fedhii kee kana dhugaa gochuuf hojjeta. Kana argachuuf wanti sirraa eegamu tokko nagatiivii yaaduu fi haasa’uu dhiisuu dha. Fakkeenyaaf, sooromuu barbaadda taanaan “sooromuun barbaada” jetta malee “hiyyoomuu hin barbaadu” jechuu hin qabdu. “Hiyyoomuu hin barbaadu” jettee jennaan yuunivarsiin “hiyyuma” ishee jettu waan dhaga’uuf ni hiyyoomta.
Kitaabichi koppii miiliyoonni digdamaa ol yoo gurguramu afaan shantamaa olitti hiikameera. Baruma 2006 keessa fiilmiitti jijjiirameera. Kitaabonni “The Secret” irratti hundaa’an “The Magic”, “The Power” fi “The Secret to Teen Power” jedhamanis barreeffamanii gabaarra oolaniiru.
Yaadni seera harkisaa (law of attraction) kan dhiyaate yeroo jalqabaaf miti. Roondaa Birnee dura barreessitoonni akka Noormaan Viinsent Piil, Maadaame Blaavaaskiifaan yaadicha addunyaa wajjin wal beeksisaniiru. Seerichi waa’ee wanta tokkoo irra deddeebi’anii yaaduun wantichi jireenya ofiirratti akka ta’u taasisa jedha. Birneen kanaaf fakkeenya gootee namoota hedduu dhiyeessiti. Akka isheen jettutti waan barbaadan tokko argachuuf waa sadiitu barbaachisa: gaafachuu, amanuu fi fudhachuu. Kanaaf immoo raga gootee kan fudhattu tokko Macaafa Maatiwoos 21:22 “Amantanii waan gaafattan hundumaa ni fudhattu” isa jedhu dha.
Galma kitaabichaa irratti Dooktar Deenis Waatliin namoonni milkaa’oon kanaan dura icciticha yoo baranii itti fayyadamanis namni biraan akka baree hin fayyadamneef dhoksaa turan jedha. Birneen immoo itti fuftee namoonni baayyeen iccitichaan mana babbareedaa, abbaa manaa yookin haadha manaa, konkolaataa, hojii fi guddina sadarkaa hojii akka argatan dubbatti.
Boob Prooktar kan jedhamus kitaabicha keessaa hamma ta’e barreesseera. Akkas jedhee gaafata: “Qabeenyi biyyichaa dhibbantaan sagaltamii ja’a kan jiru namoota dhibbantaa tokko harka dha. Kun kan ta’e akka carraa sitti fakkaataa? Carraadhaan miti. Warri dhibbantaan tokko icciticha waan hubataniifi…”
Akka kitaabichi jedhutti namoonni gurguddoon akka Albart Anistaayin, Ayizaak Niiwutan, Plaatoo, Abrahaam Liinkan, Wiiliyaam Sheekispiirii fi Toomaas Eedisanfaan ni dhoksan malee icciticha beeku turani.
.

Watch "Face Swap Challenge! /Ittiiqaa Tafari/Hawi Temam/ Ali Birra/Jawaar Mohammed/Baqalaa Garbaa ..." on YouTube
https://youtu.be/ka_6bArdJRY
https://youtu.be/ka_6bArdJRY
MUCUCA DHALOOTAA
Angoos Saamu'eel
@labatamagazine
Maxxansa 5ffaa
Dhaloonni dhufaa darbaa bara murtaa'ee fi haala murtaa'e tokkoon mudannoo fi muuxannoo addunyaalesssaa baricha keessatti qabuun gingilchamee madaalama. Madaalliin gingilchaa dhalootaa bara sana keessatti isa mudatu sun mucuca muuxannoo yoo horate; gingilchaa jireenyaa keessa darba. Yoo mucuca ofkaltii hin qabneen /kufaatiin miidhame ammoo duugda Harree quuqqaan ba'aa madeessee fayye (dhallaa) fakkaatee eelaa jireenyaan kulkula.
Mucucni dhalootaa (labataa) mucuca kufaatiif isa saaxiluu fi dirmammuu hin fayyine ta'ee kan hafuuf sababa mataa isaa qaba. Mee sababa kana bakka gurguddoo lamatti qoodnee haa ilaallu. Innis: Sababa haalaan bu'uuree fi Sababa ilaalcha mataa keenyaa irraa maddudha.
SABABA HAALAA: sababni haalaa kiyyoo dhaloonni jaarraa tokko keessa jiran waliin walii waliitti kiyyeessanii mucuca kufaatiif wal sababanidha. Kanaaf sababni mucucaachuu dhalootaa dhalootuma mataa isaati jechuudha. Namni tokko hin mucucaate gaafa jennu, hin kufe jechuu miti. Mucucni sun garuu yoo kan to'achuu hin dandeenyee fi humna isaa olii ta'e kufaatiitti isa geessa. Haalonni humna isaa ol itti taasisan ammoo mucuca sana ooluuf haala naannoo itti mucucaate sanaati. Yoo muka qabatu yookaan wanta ittiin humna darbatama mucucaa sana to'atu dhabe, gara filannoo dhabuu /kufaatiif of sababa.
Akkuma kana milkaa'ina dhalootaatti gufuu kan ta'u haala naannoo itti dhalanneeti. Oromoon akkas jedha yeroo mammaaku, " Jabbiin Harree waliin oolte dhuufuu barti!" Jedha. Kana jechuun Jabbiitu dhuufaaf osoo hin taane, arbeessa dubbii isa jedhan sana, bakka hin taanetti wanti hin taane akka ta'u mirkaaneessuuf jecha kana fayyadame natti fakkaata. Dhugumasi, naannoon keenya maalummaa keenya hamma murtaa'e ibsuu mala. Sababni haalaa kufaatii dhalootaaf sababa ta'u kun sababoota hedduu ta'uu mala. Isaan keessaa muraasni; Haala guddisa maatii, haala siyaasa biyyaa, haala qaroomina naannoo jiraannuu akkasumas duudhaa fi safuu ittiin guddanne ta'uu danda'a.
Haala guddisa maatii irraa yoon eegalu, maatiin tokko ilmaan isaa daandii barbaadeen leenjisee dirree qabsoo jireenyaatti bobbaasuu danda'a. Garuu dirreen sun isa kam akka ta'etu gaaffii biraa nuuf dhala. Dur waan barsiisaan yeroo ijoolleen jeeqxu jedhu tokko hin irraanfadhu. Warra jeeqan teessuma irraa kaasee fuul-dura batattootaa gabatee gurraacha cinaatti harka jilba jalaan baasuun gurra qabachiisee quba akeektuu isaa itti raasee akkas jedhaan ture, "Isin warri asitti jeeqxan kun warra manaas abbaa fi haadhaaf hin abboomamnedha!" Ittiin jedha ture. Kanaafuu 'Ilmaan boca maatiiti' jechuufan dirqama. Waan warri waarii haasa'an, ilmaan waaree haasofti!" Kan Oromtichi jedheef kanaafi ta'innaa!?
Haalli siyaasa biyyaa ammoo warra mucuca ofkalleerra jedhaniyyuu kan kan raaree kufaatiitti deebisudha. Hamilee warra mooneerra jedhanii firii isaanii abjuu godhee hambisa. Akka Harbuu ija (firii) maseenee baala wajiige sanaa! Eessayyuu haa ta'u eessa biyyi keessa jiraannu tasgabbii kan hin qabne taanaan, yoo nuti dhimma isaa hin qabnu ta'eyyuu osoo nuti hin jaallatiin kallattiinis ta'e, alkallattiin dhiibbaa jireenya keenya irratti geessisa. Kanaafuu akka aadaa durii "butii" isa jedhan sana, humnaan osoo ati hin barbaadiin si barbaadee mucuca kufaatii dhalootaaf sababa ta'a....
Sababoonni kunniin isaan bu'uuraa kufaatii dhalootaaf sababa ta'anidha. Namni hunduu akka mo'uuf malee akka mo'amuuf chaappaa (mallattoo) waliin uumame hin qabu. Kaan dirqii rakkinni morma isa hudheen hamilee dhabee mo'ama. Kaan ammoo jireenya isaa irratti qumaara hin moone taphatee mo'ama. Isa akkasii anaa fi siin haa baraaru!
SABABA ILAALCHAA: inni kun ammoo bakka kamii fi haala kam keessattuu injifachuufis ta'e injifatamuuf isa murteessaadha. Ilaalchi ati wantootaaf qabdu sirrii yoo ta'e, wanta sirrii hin taaneyyuu qaroo sirrii qabdu keessaan sirrii ta'ee sitti mul'ata. Wanta hamminaaf si barbaadu gaarummaatti hiikkatta. Warri qaroo sammuu /ilaalcha akkasii qaban guyyuu mo'atoodha.
.
.
.
T.me/labatamagazine

Telegram
Labata Magazine
⚖️ Har'a qalbiin jiraachaa; Boriif yaadaan qophoofna !
Og-barruu Saba guddaa gaanfa Afrikaa; Saba Oromoo keessatti ga'ee isaa taphachuuf hojjeta!
️Irratti hirmaachuu kan feetan
👉 @Elo_Asefa barruu filatamaa ta'een qooda fudhaa.

👍1
Akkam jirtu maatii #Labata... Naga keessanii.
kunoo karaa Youtube jirraa. Daawadha.
@labatamagazine
https://www.youtube.com/watch?v=vyaQPwO5GiE&t=72s

YouTube
Waan Aja'iibaa kana beektu laata
Free Afaan Oromoo Digital Magazine
This is Yoya Times with Milkesa Asfaw. please watch the whole video and give it thumbs up and don't forget to subscribe.
Barruun #LABATA ji'atti altokko kan maxxanfamu yoo ta'u namootni karaa barruu #LABATA dubbii dhalootaf…