#Labata_Digital_Magazine
#Qabeenya_qabaa_badee
#Guutamaa_Rafisaa
Waanti ati qabduu qabaa barbaada. Ilaalchi garii dhalootaf riqicha ta'u, namoota gaarii qabaa qabeenya isaanii eeggatan keessa jira. Qabeenyi guddaan kan mootummaan hin beekne ati duwwaan beekuu qabdu sii keessaa jira. Bara namni jireenya dhiise bara lakkaa'aa jiru kanaatti amala qabeenya keef eegdu ta'u kudhaammatte kayyoo
uumamteef jiraachuun gatii jabeessa guddaadha. Amalli ati qabdu qabeenya keef orma ta'u danda'a. Amala qabeenya keef orma ta'e keessaa ba'i. Bara namni waan qabu miti ofiisaa of qabu dadhaabe kanatti atimmoo of qabii waan gaarii si keessaa dhokatee jiru achi baafadhu. Yoo qabaa isaa beekteef albuudni guddaan karaa kee duwwaa gara addunyaatti bahuuf qophaa'e tokko sii keessa jira; innis eeyyaama kee malee gara dhalootaatti achi bahuu hin danda'u.
@labatamagazine
@labatamagazine
#Labata_Digital_Magazine
Beekumsa si keessa jiruu gara hojiitti fiduuf bilchinni ati eenyuummaa qabeenya kee bachuu danda'uf arsaa ta'uuf qabdu murtessaadha. Qabeenya guddaa si keessa jiru qabachuu dadhabuu keetiin ajjeessuu keerraa ofii ke lubbuun darbuu wayya. Jiraa du'aa baatee deemu hin ta'iin. Akka awwaalcha keessa isatti du'aa baatu, alaan bifa qabu hin ta'iin. waan qabdu sirriitti qabachuu dadhabuun salphina. Karaa namni hunduu deemu irra nan deema yoo jette waan gaarii si keessa jiru ajjeessuu dandeessa.
@labatamagazine
@labatamagazine
#Labata_Digital_Magazine
Jireenyaa fi adeemsa albuuda si keessa jiruuf karaa ta'u qabaadhu. Namoonni baay'ee
jireenya namaa akkeessuuf jedhanii harka duwwaatti hafan, baay'een immo utuu hin bilchaatiin eenyummaa isaanii agarsiisuuf jedhanii namummaa isaanii gatan. Namni miira isaaf garbicha ta'e qabeenya keessa isaa jiru eeggachuu hin danda'u. Ega ati qabeenya guddaa duuka uumamte. Qabeenya guddaa kana qabattee immoo maasii qabeenya ke balleessuu keessa hin taa'iin. Addunyaa kanarratti namni qofaa isaa bakka guddaa gahe hin jiru. kanaafuu nama duukaa jiraachuu bari. Kunis ati mataanke qabeenyadha. Amala waan qabdu sii qabu qabaadhu!!

Barruu Digitaalawwaa Afaan Oromoo #Labata Lakk. 4ffaa kan hawwii guddaan eegaa jirtan yeroo dhiyootti sin bira ga'a.
Join and share ๐๐๐
https://telegram.me/labatamagazine
Join and share ๐๐๐
https://telegram.me/labatamagazine
#Labata_Digital_Magazine
#Rashiid_Abduu
#Daandii_lama
Wanta keessa jiraattutti, wanta keessa kee jirutti milka'uu yoo feete dursa yaada keessake jiru jijjiiruu qabda. Namoonni lama yeroof haala walfakkaatuun daandii wal fakkaatu irra ni deemu, garuu bu'aa isaan argatan wal hin fakkaatu. Kun maalif jettee yaaddee beektaa? Xiyyeeffannoo ati jireenyaf daandii kee irratti gootu milka'ina keetiif ga'ee guddaa qaba. Yaada milka'aa qabachuun wanta hojjennu milkaa'inaan akka xumuruu nu godha.
Namoonni yaada sirrii qaban rakkoo isaa mudatu kamiif iyyuu haala salphaan furmaata ni argatu, faallaa kanaan immoo kanneen yaadni isaanii sirrii hin taane kuufatiif haala salphaan saaxilamu; kufaatiin isaanii faana isaanii jala jiru. Yeroof haala kamiin keessatti yaada sirrii qabachuun daandii milkaa'ina keenyaati. kanaaf sammuu milkaa'aa guddifachuun immoo faana keenya jalqabaatii. Sammuu Milkaa'aa guddifachuu Sababa moo Bu'aa? Mee ilaali...irra deebi'i of ilaali? jireenya amma jiraataa jirtu kanatti gammaddee jirtaa...? Kaleessaas hara'as jireenya kee kana jijjiiruuf daandii wayii jalqabdetta ta'a, hara'as daandicha qabattee jirra ta'a, yookin immoo ati hanga hammaa jireenya kee jijjiiruuf tarkaanfii tokko illee hin fuune ta'a. Jireenya kee keessatti rakkina sirra jiru jijjiiruu ni barbaddaa...? Deebiin kee eyyeen yoo ta'e waliin haa nyaannu..!! Ani gammadaadha!! Ani guutummaa guutuutti gammadaadha ofiin ni jettaa...? Baay'een keenya akkas hin Jennu, sababiin isaa immoo nuti wanta nu gammachiisu hin filanne, filachuus hin dandeenye. Yoommuu waa'ee milkaa'inaa yaaddu fakkiin sammuu kee keessatti bocamu gammaachuuf milkaa'inni qaama tokko kan miidhaa hoomayyuu hin qabnedha jechuu dandeessa. Tarii nuti gara fuula duratti hojii gaarii, mana, daa'ima, galii fi konkolaataa nuti argannu gammachuu uumu jechuu dandeenya. Haata'u malee ilaalchi akkasii jijjiiramuu qaba. Meeshaas ta'e namoonni gammachuu nuuf uumuu hin๏ฟพdanda'an. Gammachuun kan nuti ofiif murree, ofumaaf bocnu malee kan qamaa biraan nuf kennamu miti, kan nuti ofii keenyaaf uumnudha. miirri kunis miira filannooti. Jireenya jiraattu keessatti waanta kana yaaddee beektaa? "Namoonni Sooreyyiin Adduunyaa keenyaa maalif gammaduu dadhabuu?", "Namoonni milka'oon dachee keenya hoo gammadaa jiruu ?" Irra deddeebi'ii yaadi qarshii fi milka'inni walduraa dubaan gammachuu uumuu hin danda'an. Gammachuu kan ati sadarkaa jirtutti ofiif uumtu malee kan namni siif uumu miti. Akkasumas aangoo, sanyii fi meeshaan gammachuu naaf uuma jedhanii yaaduun sababiin isa inni guddaan, furmaata rakkoo keenyaa wantoota biraa irraa wanta egnuufi.

ONNEEN HIN DULLOOMU
Onneen hin dulloomu
Qaamatu dullooma malee
Jaarsomeef hin dagatu
Waan yaadaa ture kalee
Itti gaabbuu danda'a
Yookaanis ni gammada
Rabbi haa gammaachiisu
Anaa fi isin hundaa
Akka bor hin gaabbine
Haa hojjannu ammuma
Waaqallee kadhataa
Tattaafachuun dirqama
@labatamagazine
ONNEEN HIN DULLOOMU
Onneen hin dulloomu
Qaamatu dullooma malee
Jaarsomeef hin dagatu
Waan yaadaa ture kalee
Itti gaabbuu danda'a
Yookaanis ni gammada
Rabbi haa gammaachiisu
Anaa fi isin hundaa
Akka bor hin gaabbine
Haa hojjannu ammuma
Waaqallee kadhataa
Tattaafachuun dirqama
@labatamagazine
Yooyyaa!! Maatii keenyaa hundaaf nagaan keenyi isin haa ga'u.
Barruuleen #LABATA maxxansa 5ffaa sa'atti muraasaa booddee isin biraan kan geenyu ni ta'a. Yeroo gaarii qabaadhaa.
T.me/labatamagazine

Labata free digital magazine volume 5 is now online ๐๐
Yeroo ammaa irraa eegalee barruun isin hawwii guddaan eegaa turtan barruun dijitaalawaa Afaan Oromoo #LABATA Maxxansi 5ffaan bilisaan kunooti buufadhaa dubbisaa!

โค1
MUCUCA DHALOOTAA
Angoos Saamu'eel
@labatamagazine
Maxxansa 5ffaa
Dhaloonni dhufaa darbaa bara murtaa'ee fi haala murtaa'e tokkoon mudannoo fi muuxannoo addunyaalesssaa baricha keessatti qabuun gingilchamee madaalama. Madaalliin gingilchaa dhalootaa bara sana keessatti isa mudatu sun mucuca muuxannoo yoo horate; gingilchaa jireenyaa keessa darba. Yoo mucuca ofkaltii hin qabneen /kufaatiin miidhame ammoo duugda Harree quuqqaan ba'aa madeessee fayye (dhallaa) fakkaatee eelaa jireenyaan kulkula.
Mucucni dhalootaa (labataa) mucuca kufaatiif isa saaxiluu fi dirmammuu hin fayyine ta'ee kan hafuuf sababa mataa isaa qaba. Mee sababa kana bakka gurguddoo lamatti qoodnee haa ilaallu. Innis: Sababa haalaan bu'uuree fi Sababa ilaalcha mataa keenyaa irraa maddudha.
SABABA HAALAA: sababni haalaa kiyyoo dhaloonni jaarraa tokko keessa jiran waliin walii waliitti kiyyeessanii mucuca kufaatiif wal sababanidha. Kanaaf sababni mucucaachuu dhalootaa dhalootuma mataa isaati jechuudha. Namni tokko hin mucucaate gaafa jennu, hin kufe jechuu miti. Mucucni sun garuu yoo kan to'achuu hin dandeenyee fi humna isaa olii ta'e kufaatiitti isa geessa. Haalonni humna isaa ol itti taasisan ammoo mucuca sana ooluuf haala naannoo itti mucucaate sanaati. Yoo muka qabatu yookaan wanta ittiin humna darbatama mucucaa sana to'atu dhabe, gara filannoo dhabuu /kufaatiif of sababa.
Akkuma kana milkaa'ina dhalootaatti gufuu kan ta'u haala naannoo itti dhalanneeti. Oromoon akkas jedha yeroo mammaaku, " Jabbiin Harree waliin oolte dhuufuu barti!" Jedha. Kana jechuun Jabbiitu dhuufaaf osoo hin taane, arbeessa dubbii isa jedhan sana, bakka hin taanetti wanti hin taane akka ta'u mirkaaneessuuf jecha kana fayyadame natti fakkaata. Dhugumasi, naannoon keenya maalummaa keenya hamma murtaa'e ibsuu mala. Sababni haalaa kufaatii dhalootaaf sababa ta'u kun sababoota hedduu ta'uu mala. Isaan keessaa muraasni; Haala guddisa maatii, haala siyaasa biyyaa, haala qaroomina naannoo jiraannuu akkasumas duudhaa fi safuu ittiin guddanne ta'uu danda'a.
Haala guddisa maatii irraa yoon eegalu, maatiin tokko ilmaan isaa daandii barbaadeen leenjisee dirree qabsoo jireenyaatti bobbaasuu danda'a. Garuu dirreen sun isa kam akka ta'etu gaaffii biraa nuuf dhala. Dur waan barsiisaan yeroo ijoolleen jeeqxu jedhu tokko hin irraanfadhu. Warra jeeqan teessuma irraa kaasee fuul-dura batattootaa gabatee gurraacha cinaatti harka jilba jalaan baasuun gurra qabachiisee quba akeektuu isaa itti raasee akkas jedhaan ture, "Isin warri asitti jeeqxan kun warra manaas abbaa fi haadhaaf hin abboomamnedha!" Ittiin jedha ture. Kanaafuu 'Ilmaan boca maatiiti' jechuufan dirqama. Waan warri waarii haasa'an, ilmaan waaree haasofti!" Kan Oromtichi jedheef kanaafi ta'innaa!?
Haalli siyaasa biyyaa ammoo warra mucuca ofkalleerra jedhaniyyuu kan kan raaree kufaatiitti deebisudha. Hamilee warra mooneerra jedhanii firii isaanii abjuu godhee hambisa. Akka Harbuu ija (firii) maseenee baala wajiige sanaa! Eessayyuu haa ta'u eessa biyyi keessa jiraannu tasgabbii kan hin qabne taanaan, yoo nuti dhimma isaa hin qabnu ta'eyyuu osoo nuti hin jaallatiin kallattiinis ta'e, alkallattiin dhiibbaa jireenya keenya irratti geessisa. Kanaafuu akka aadaa durii "butii" isa jedhan sana, humnaan osoo ati hin barbaadiin si barbaadee mucuca kufaatii dhalootaaf sababa ta'a....
Sababoonni kunniin isaan bu'uuraa kufaatii dhalootaaf sababa ta'anidha. Namni hunduu akka mo'uuf malee akka mo'amuuf chaappaa (mallattoo) waliin uumame hin qabu. Kaan dirqii rakkinni morma isa hudheen hamilee dhabee mo'ama. Kaan ammoo jireenya isaa irratti qumaara hin moone taphatee mo'ama. Isa akkasii anaa fi siin haa baraaru!
SABABA ILAALCHAA: inni kun ammoo bakka kamii fi haala kam keessattuu injifachuufis ta'e injifatamuuf isa murteessaadha. Ilaalchi ati wantootaaf qabdu sirrii yoo ta'e, wanta sirrii hin taaneyyuu qaroo sirrii qabdu keessaan sirrii ta'ee sitti mul'ata. Wanta hamminaaf si barbaadu gaarummaatti hiikkatta. Warri qaroo sammuu /ilaalcha akkasii qaban guyyuu mo'atoodha.
.

Telegram
Labata Magazine
โ๏ธ Har'a qalbiin jiraachaa; Boriif yaadaan qophoofna !
Og-barruu Saba guddaa gaanfa Afrikaa; Saba Oromoo keessatti ga'ee isaa taphachuuf hojjeta!
๏ธIrratti hirmaachuu kan feetan
๐ @Elo_Asefa barruu filatamaa ta'een qooda fudhaa.

๐1
Akkam jirtu maatii #Labata... Naga keessanii.
kunoo karaa Youtube jirraa. Daawadha.
@labatamagazine
https://www.youtube.com/watch?v=vyaQPwO5GiE&t=72s

YouTube
Waan Aja'iibaa kana beektu laata
Free Afaan Oromoo Digital Magazine
This is Yoya Times with Milkesa Asfaw. please watch the whole video and give it thumbs up and don't forget to subscribe.
Barruun #LABATA ji'atti altokko kan maxxanfamu yoo ta'u namootni karaa barruu #LABATA dubbii dhalootafโฆ

Labata Magazine via @like
Akkam jirtu maatii #Labata? Barruun Labata Jildii 1ffaa Maxxansi 6ffaa isin bira ga'uuf daqiiqota muraasatu hafaa. Nu eega
Labata Vol. 6.pdf
7 MB
Barruu Labata Maxxansa 6ffaa Jildii 1.
Labata Monthly Afaan Oromoo Digital Magazine.
Six Edition
T.me/labatamagazine
Labata Monthly Afaan Oromoo Digital Magazine.
Six Edition
T.me/labatamagazine
๐ฝ๐๐ก๐๐๐ซ๐ ๐๐ฃ ๐ฎ๐ค๐ช๐ง ๐ฅ๐ค๐ฉ๐๐ฃ๐ฉ๐๐๐ก!
(Beekumsa dhokataa si keessa jirutti amani).
#Orooliyaanaa_Margaa
#Labata_Magazine
Ilaalcha namoonni ittiin si/ana ilaalaniin, of madaaluun yookin of ilaaluun hin barbaachisu. Beekumsa dhokataa si keessa/ana keessa jiru, kan beekuu danda'u si/ana qofa. Irra keessa kee ilaalanii namoonni waan baay'ee siin jechuu danada'u.Yoo ati jechuma namoonni siin jedhan kanaan of ilaalte ta'e, beekumsa dhokataa si keessa jiru kanatti amanaa hin jirtu. Beekumsi dhokataan dhala namaa keessa jiru yoomuu, akka warqee supheen dhokseeti. Warqee supheen dhokse irra keessa isaa ilaalanii; kun warqee osoo hin tane dhoqqee yookin supheedha ittiin jechuutu jira.Keessi isaa garuu warqee isa faaya baay'ee cimaa ta'e, kan gatiin isaa qaaliitu ittiin haguugame jira. Kanaaf pooteenshaalli dhala namaas akkasuma. Kan beekuu danda'u abbichuma mata isaati malee nama kamiyyuu miti.
Ga'umsa dhokataa (potential ) keessa kee jirutti amani. Waan keessa kee jiru namoonni arguu dhiisuu malu. Alli kee fi keessi kee walirraa fagaachuu danda'u. Namoonni tilmaama baay'ee xiqqaa siif qabaachuu danda'u. Eenyummaa kee isa sirrii arguu dhabuu irraan kan ka'e Afaan isaanii guutanii, "Ati hin dandeessu !" Siin jechuu malu. Haa jedhan ! Jecha isaanii cinatti dhiisii kutannoodhaan hojjedhu. Danda'ii akka dandeessu warra hin dandeessu siin jedhanitti agarsiisi. Ga'umsa keessa kee jiru erga itti amantee booda gad dhiisi. Waan keessa kee jiru gad baasii ittiin hojjedhu. Hin nuffiin; hin dadhabiinis. Ciniinnadhuu hojjedhu!
Ati ga'umsa hedduu of keessaa qabda. Ga'umsa kee kanatti hin fayyadamtu yoo ta'e, ga'umsi (Potential) kee homaa sin fayyadu! "Qorannoowwan yeroo garaa garaatti taasifaman akka mirkaneessanitti, namni ga'umsa giddu galeessaa qaba jedhamu yoo xiqqaate dandeettiiwwan addaa, addaa dhibba shanii hanga dhibba torbaatti qaba" jedha Barreessaan beekamaan Riik waaren kitaaba isaa '๐ง๐ต๐ฒ ๐ฝ๐๐ฟ๐ฝ๐ผ๐๐ฒ ๐ฑ๐ฟ๐ถ๐๐ฒ๐ป ๐น๐ถ๐ณ๐ฒ" keessatti. Kana jechuun tarii amma ammaatti kan of keessatti hin argiin wantoonni ati hojjechuu dandeessu baay'eetu si keessa jiru jechuudha. Kana waan ta'eef uumamaan dandeettii si keessa jiru yoo hubatte hojii ajaa'ibsiisaa hojjechuu dandeessa.
๐๐'๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐ ๐๐ก๐จ๐ค๐๐ญ๐๐ ๐ฌ๐ข ๐ค๐๐๐ฌ๐ฌ๐ ๐ฃ๐ข๐ซ๐ฎ, ๐๐ค๐ค๐๐ฆ๐ข๐ญ๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐ก๐ฎ๐๐๐๐ก๐ฎ๐ฎ๐ง ๐๐๐ง๐๐'๐๐ฆ๐? (๐๐จ๐ฐ ๐ญ๐จ ๐ฎ๐ง๐๐๐ซ๐ฌ๐ญ๐๐ง๐๐ข๐ง๐ ๐ฒ๐จ๐ฎ๐ซ ๐ฉ๐จ๐ญ๐๐ง๐ญ๐ข๐๐ฅ?)
1.) ๐ฆ๐บ'๐๐๐๐บ ๐๐พ๐พ ๐๐๐บ ๐ฝ๐๐๐๐บ๐๐บ๐บ ๐ป๐พ๐พ๐๐๐๐ฟ ๐๐บ๐ ๐๐ ๐๐บ๐๐๐บ๐บ๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐บ๐ ๐๐บ๐ป๐บ๐บ ๐ฟ๐พ๐ฝ๐๐๐ ๐๐บ๐ป๐ฝ๐ ๐๐๐ป๐บ๐ผ๐๐๐๐ฝ๐๐บ.
Fedhii ofii hubachuun wantoota namni tokko jalqaba irratti ga'umsa isaa ittiin hubachuuf godhu keessaa isa dursaati. Fedhii ofii hubachuun kaayyoo uumama keenya isa ittiin gara dachee kanaa dhufne beekuu jechuudha. Barreessaan armaan olitti maqaa isaa isiniif dha'e #Riikwaaren, "maatiin kaayyoo malee walitti dhufan jiraachuu malu. Garuu daa'imti kaayyoo malee dhalattu hin jirtu ".......jedha. Dhugaadha! Fedhii keenya hubachuu jechuun gama biraan kaayyoo uumama keenyaa beekuu jechuudha.
2.) Ga'umsa ofii beekuuf malli lammaffaan shaakaluudha.
Shaakaluun mala lammaffaa ittiin ga'umsa keenya hubannu yoo ta'u, kun irra deddeebi'uun kan ta'uudha. Barreessitoonnii waaโee barreessuu yoo haasa'an, "barreessuu jechuun irra deebi'anii barreessuu jechuudha" jedhu. Atileetiin (namni fiigicha fiiguu) guyyaa tokkoon miti kan inni fiigicha dheeraa akka, maaraatoonii fa'aa fiiguu danda'u. Shaakala yeroo dheeraa taasisuun kan inni maaraatoonii fiiguu dandaโu. Namni tokkos ga'umsa isaa hubachuu kan dandaโu yeroo tokko qofaan miti. Irra deebi'ee shaakaluunis hubachuu dandaโa.