Abdisa Bancha Jara
26.1K subscribers
1.05K photos
9 videos
2 files
787 links
This is ABJ Tech - A channel for who have a passion for Computer Vision, Daalacha Haadha Busee, #ICTNews and #MachineLearning, #AI #DigitalMarketing & #TechUpdates
Download Telegram
ABJ Tech Blog:
Gadaan gadaa Dijitaalaati. Gadaa akkasii keessatti ogummaa xiqqoo qabnu tanaan hawaasa keenyaaf tumsa ogummaa gochuun qaroomina qofa osoo hin taane seenaadhas. Kanuma mirkaneessuuf waggoota dheeraa tattaaffii gochaa turreen bu'aa bayii heddu qaxxaamurre, qabatamaanis wantoota muraasa galmaan gahuuf carroomne.
Waan hojjanne sanaafis Galata Barbaadnee osoo hin taane akka ilma tokkootti hawaasa keessaa baaneef waa gumaachuuf tattaaffii jalqabneeniidha.
Hedduun Hawaasa keenyaa gumaacha ogummaa taasisuuf yaalaa turreef Galataafi Kabaja Guddaa naaf kenne, sana hordofees Ogummaa qofaan akka tattaafannee hawaasa kana tumsinu, hayyootni/ogeeyyiin keessaa fi alaa yaadaafi qabatamaan naaf tumsaa turtan.
Ciminaa fi laafina qabuunis #Qeeqaa fi #hamilee guddaa naaf godhaa turtan, akka jabaadhee daraan fuulduratti tarkaanfadhuufis humna naaf taatan.... Ulfaadhaa!

Kana booda, ajandaa ummataafi kallattii fuuldura keenyaa kan hawaasa ogummaan tajaajillu(Tekinoolojii fi Afaan Oromoo) irratti xiyyeeffanna.

Gadaan gadaa Dijitaalaati. Gadaa akkasii keessatti ogummaa xiqqoo qabnu tanaan hawaasa keenyaaf tumsa ogummaa gochuun qaroomina qofa osoo hin taane seenaadha akkuma jedhe qalbii guutuudhaan Tekinoolojii ammayyaa kan hawaasni keenya baldhaan yeroo ammaa hubachuu barbaadu irratti qalbii guutuun xiyyeeffannoo gochuun murteessaa fi dirqama tahuu hubadheera.
Kanaafuu qalbii guutuun hawaasa kiyya ogummaa kiyyaa tajaajillu(Tekinoolojii fi Afaan Oromoo) irratti xiyyeeffadha.
Akka Dhaabbataatti( @oictsolutions) tajaajila Tekinoolojii dhaabbilee xixiqqaa irraa hanga dhaabbilee gurguddoo Baankota dabalatee tajaajilaa kan jiru yoo tahu, akka dhuunfattis Anis kana booda karaa Marsaalee hawaasaa 'ABJ Tech Blog' jedhuun Gorsa, xiinxalaa fi odeeffannoolee guyyuu Tekinoolojii ammayyaa irratti isiniif dabarsaa kan adeemu taha.

karaa Marsaalee hawaasaa kiyya:
Telegram: https://t.me/abdisabancha
Marsaalee hawaasaa kanneen biroo akka Facebook, Youtube, Marsariitii fa'as dhiyootti kan qopheessu taha.

Qeeqa, yaadnii fi tumsi keessan kana duras ammas galaa imala milkaa'ina kiyyaa fuulduraa tahee itti fufa waan taheef na-gorsuu, qeequu fi yaadaan akka naaf tumsitan waamicha kooti.

HORAA BULAA DEEBANAA
Abdisa Bancha Jara
Senior IT Expert
@abjtechblog
πŸ‘93πŸ‘10❀9πŸ”₯4πŸ™4πŸ‘Ž2πŸ₯°2πŸŽ‰2
Magaalaa Uumamaan badhaate! Bishaan Gurraachaa, Haroo Habaas.
Qaamni dhimmi ilaalu xiyyeeffannoo kennee giddugala Turizimii taasisuu qaba, Hundi keenyas gahee nurraa eegamu bahachuu qabna.

Visit Oromia #shashamannee #HaraHabaas

Check it out on my telegram
https://t.me/abdisabancha
πŸ‘69πŸ‘Ž4❀1
Hanni fi Saamichi karaa Interneetaa biyya keenyatti gaggeeffamaa jiru daangaa darbaa jira - #irraaofeegaa
Hanni ykn saamichi karaa interneetaa gaggeeffamu akkuma sadarkaa Idil-addunyaattiyyuu hedduumachaa kan dhufe yoo tahu, Bara 2023 qofa Doolara Bil.12.8 ol tahutu hatame. Haaluma walfakkaatuun biyya keenya keessatti babaldhachaa jira. INSAn akka jedhutti Aggaammii hanna Interneetaa biyya keessatti taasifame keessaa 4,272 Kanneen too'annoo jala oolani yoo tahu Yaaliiwwan 150 ammo badii geessisuu hima. Aggaammiiwwan badii geessisan qabeenya hammamii akka balleessan hin himamne.
Kanuma irraa ka'uudhaan, Aggaammiiwwan /Yaaliiwwan /Tooftaaleen adda addaa bifa jijjiirachuudhaan Biyya keenya keessatti hannaaf oolaa jiru. Isaan keessaa tokko maqaa namoota bebeekkamoo ykn dhaabbilee bebeekkamoodhaan Saamicha raawwatamaa jiruudha.
Akka Fakkeenyatti yoo ilaalle: Ergaa asirraa arginu, Ministeera Mallaqaa fakkaachuudhaan Bara baraan Ergaa ergamuudha.
Ergaan Ministeera Mallaqaa fakkaachuudhaan ykn of fakkeessuudhaan ergamu kun 'Dhaabbilee Mallaqaa Idil-Addunyaa' wajjiin tahuu dhaan deeggarsa kennuuf akka jiran kan himu yommuu tahu, Odeeffannoo sobaa yoo tahu bara darbe irraa eegale.
Interneetaan Galmeessanii daataa dhuunfaa erga sassaaban ooda Unkaan Fandii Mallaqaa gaafatu guutaa jechuun unkaan Gaaggii Mallaqaa ergama. Unkaa Gaaffii Mallaqaa sana Print godhamee, harkaan guuttamee, mallatteeffamee, deebisanii SCAN godhamee kan ergamu yoo tahuudha.
Tooftaan hannaa kun Yeroo tokkoon HANNA Gosa 3 raawwachuuf kan karoorfameedha.
1ffaa - Odeeffannoo dhuunfaa(Email, Bilbila, Lakk.W.E, Lakk.Paasport, Lakkofsa Daldalaa/TIN...) fudhachuu
2ffaa - Hanna Yaada dhuunfaati. Fandii argachuuf yaada ykn project haaraa ykn addaa qabdan, tooftaa hojiirra oolmaa wajjiin ibsa guutuu gaafata waan taheef Yaada namootni qaban jalaa hataa jira. Hanni hunda caalu hanna akkanaati.
3ffaa - Hanna Qabeenyaa(Mallaqaa) ti. Unkaa jedhame guuttanii yeroo ergitan, Hammi maallaqa(Fund) gaafattanii isiniif mijachaa jiraachuu isiniif himu. Adeemsa deemamaa jiru isin yaadachiisaa adeemu. Yoo xiqqoo turan 'Fund' jedhame isiniif gadi lakkifamuuf qophii tahuu isiniif mirkaneessu, achi booda Mallaqa ittiin gadi lakkisiifattan akka galchitan isin gaafatu.
Walumaagalatti waa 3 hatamtu jechuudha.
Tooftaan Hannaa kun wagga tokko dura kan eegale yoo tahu, Akka carraa gaarii tahetti namootni baayeen hubachuudhaan iyyata dhiyeeffachuu qofa osoo hin taane hedduu dhaadhessaa turan.
Boodarra dubbiin babaldhattee Ministeera Faayinaansii gaafa geettu Ministeerichi 'Odeeffannoo Sobaa fi isaan akka bakka hin buune' ibsa baasee Ministeerichi.
Haala sanaan namootni baay'een nyaatamaniiru, Ammas Marsaa lammaffaa deebi'anii dhufaniiru.
Kanaafuu Hanna bifa Kanaan Maqaa dhaabbilee urguddoo fi Amanamoo ta'an dayeeffatanii babaldhachaa jiran irraa ofis, maatis, firaa fi hiriyyaa keessan eeguu qabna.
Ministeerichi ibsa baasuu qofa osoo hin taane qaamolee dhimmi ilaallatu wajjiin tahuudhaan tarkaanfii barsiisaa tahe fudhachuu qabanaan gorsa kooti.
Kana qofaa miti, Maqaa #Ethiotelecom, #CBE, #SafaricomEthiopia fikkfniin hanni rawwatamaa oolu lakkoofsa hin qabu.
#Sharegodhaa waliif dabarsaa
Odeeffannoo walfakkaatuuf Telegram kiyyarratti na hordofaa https://t.me/abdisabancha
CC: Ministry of Finance - Ethiopia Financial Intelligence Service-Ethiopia INSA- α‹¨αŠ’αŠ•αŽαˆ­αˆœαˆ½αŠ• መረα‰₯ α‹°αˆ…αŠ•αŠα‰΅ αŠ αˆ΅α‰°α‹³α‹°αˆ­
πŸ‘29❀11πŸ‘2πŸ‘Ž1
Kiriptookaaransii fi Haala itti-fayyadamaasaa - Kutaa 2ffaa, Channel AbjTech Blog irratti daqiiqaa muraasa booda: πŸ‘‡πŸ½

https://t.me/+4iJJoWgKVdMxOGU0
πŸ‘8πŸ₯°2❀1
Tekinoolojiitti xiyyeeffadhu, Tekinoolojii barsiisi jedha namootni baay'een: #Dhufuuree? yaada kennachuun mirga....πŸƒπŸ‘‡
Yoo dhufe #Yuuyuubii fi #Telegiraamaan dhufa:
1) Yuutuubii: https://www.youtube.com/@abjtechtube
2) Telegiraama: https://t.me/+4iJJoWgKVdMxOGU0
❀21πŸ‘17πŸ₯°1
Odeeffannoowwan Crypto News, Cryptocurrency, Tech Tips, Noitcoin, Bitcoin, airdrops, blockchain, Technology fikkf Channel kana hordofaa
πŸ‘‡πŸ½πŸ‘‡πŸ½
https://youtube.com/channel/UC7gjXPDTqos3U57EQf7NrzQ?sub_confirmation=1
πŸ‘2
X empire adeemsa bittaa gurgurtaa cryptocurrency taphoota telegiraamii guutumatti jijjiiruuf olaantummaa qabachuu mala.
X empire duuba kan jiru #elonmusk tahuu mala jetti sirkaalli. X empire verified gochuuf dhaabbatni twitter hayyamu malee hin taatu, #infringement waan jedhamutu jira. Satoshin #Elonmusk warri jedhanis jiru... πŸ˜…πŸ˜…πŸ‘―β€β™€οΈπŸ•ΊπŸ’ƒ
Hundumaafuu, Airdrop haaraa gurgurtaa jalqabaa irratti akkasitti olka'ee, ammas gadi bu'ee deebi'ee olka'e hin baay'ee miti.
X empire jijjiirama guyyaa tokkotti agarsiise warri kaan waggaa keessattuu hin agarsiisan jedhameera. Miidiyaaleen...
#doolara gaarii warri hojjattan baga isinitti tole #cheers!
Itoophiyaa keessatti Nama qarshii Kuma 500 hojjatera argeera ani. #Congratulations!

Gurgurachuu yoo feetan @abjcrypto dubbisaa
πŸ‘29πŸ“6❀3πŸ‘Ž1
Aab Taayyee sababa itti murtaayeef beekuu baadhullee, Nama waan amaneef aarsaa kamuu kafalu Akka tahe Oromoo isa beeku ni beeka.

Aab Taayyee yeroo jalqabaatiif #Xollaayitti leenjii irra-hin-deebinu (αŠ α‹­α‹°αŒˆαˆαˆ) bara 2008 wayyaaneen nuhiitee nu leenjisaa turte nu eebbisuuf dhufe arge.
2ffaan. Gaafa #Haceen ajjeefame Eenyummeessaan Feesbiikii(Facebook Account) namoota ani beekuu 3tu cufame. Isaanis:
1) Taye Dendea
2) Milkessa Midhaga
3) Abdisa Bancha

Dubbiin tun Aab Taayyeen akka walbarru sababa nuuf taate. Irra deddeebiidhaan waliin dubbannee dhaabbata #Facebook himachuuf murteessine. Ogeeyyii seeraa keenya kanneen Abukaatoo Idil - Addunyaa tahan namoota 2 dubbifne.
namni amma maqaa waamuu hin feene tokko dhimmicha qabatee qorannoo yoo taasisu #Itoophiyaan waliigaltee Marsaalee Hawaasaa Idil -Addunyaa hin mallatteesine waan taheef beekkamtii hin qabdu, himachuu hin dandeenyu jedhamee himatni sun hafe, account keenyas akka cufametti hafe.

Ragaa yoo feetan Facebook kiyya kun haaraa achi booda banadhe, kan Milkessa fi Tayes ilaalaa..
Ergasii booda walarguu baannullee, yeroo garagara ijjannoo isaa irra deebi'ee ibsatu argaa turre.

Walumaagalatti wanti jechuu barbaade, Aab Taayyeen nama faayidaa dhuunfaaf gugguufu osoo hin taane nama waan amaneef lubbuu ofii wareeguuudha. Ijjannoo Aab Taayyee Jaallan Badhaadhinaa Aarsaa inni Badhaadhina Ijaaruuf kafale sirritti beeku waan taheef, san ilaalcha keessa galchanii yeroo gabaabatti gara maatii isaa deebi'u ni taasisu jedheen amana.

Yeroo gabaabaa keessatti jireenya ofiitti akka deebi'u hawwaaf.... @abdisabancha
❀25πŸ‘3
#Odeeffannoo: I/A Pirezidaantii – #ISOC Damee Ethiopia ta’uuf ifatti dorgomaa jiraachuu isiniif ibseen ture.
Torban dhufu, Kaayyoo fi muldhata dhugoomsuuf dorgomnuun: imaammata dijitaalaa fooyyessuu, kalaqa deeggaruu, fi interneetiin lammiilee hundaaf qaqqabsiisuu, akkasumas interneetii gahiinsa, nageenyaa fi kalaqaaf oolu hundaaf qaqqabsiisuu jedhuun waltajjii beeksisa kaadhimamtootaa torbaan dhufu nan hirmaadha.

Nu eegaa β€”Guyyaan filannoo ummataaf banaa taasifamus achi booda kan ifoomu taha! πŸš€
Deeggarsi keessan jechuun waan hunda jechuudha! πŸŒπŸ’™πŸ”₯

#updates: I’m officially running for Vice President – ISOC Ethiopia Chapter.
Next week, I’ll join the candidate introductory session to share my vision for digital policy, innovation, and internet for all, also build an open, secure, and innovative internet for everyone.

Stay tuned β€” Public Vote & exciting days ahead! πŸš€
Your support means everything! πŸŒπŸ’™πŸ”₯
Details on: @abdisabancha
❀36πŸ‘10πŸ‘8πŸ₯°4