Muhammedteyib Nure:Judge
17.6K subscribers
1.34K photos
29 videos
3.01K files
341 links
Muhammedteyib Nure:Judge
Download Telegram
Haqaaf Haqaan Hojjanna, Haqaaf Haqaan Koottaa !!
------------------------------------
(Fulbaana 20,2019 MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)-Adoolessa 21,2018 hanga Fulbaana 20,2019 yeroo boqonnaa Abbootii Seeraa Manneen Murtii Oromiyaa kan ture ta’uun ni beekama.Barbaachisummaan isaas abbootiin seeraa hojii ulfaataa fi dadhabsiisaa waggaa guutuu hojjacha turan irraa sammuu isaanii boqochiisanii miira haaraan hojiitti akka deebi’aniif kan yaadameedha.
Manneen Murtii Oromiyaa yeroo boqonnaa abbootii seeraa keessatti guutumaan guutuutti kan cufaman otoo hin taane gamiisaan banaa taasifamanii dhimmoonni mirga namoomaa, faayidaa uummataa fi mootummaa akkasumas ol’aantummaa seeraan wal qabatan Abbootii seeraa dabareen seensisuun akka keessummeessan taasifamaa turee jira.Guyyaa borii kana immoo guutummaan guutuutti kan banaman ta’u.
Carraa kanatti fayyadamuun Abbootiin Seeraa Manneen Murtii Oromiyaa yeroo boqonnaa gaarii akka dabarsitan abdiin qabu ibsaa, yeroo boqonnaa keessan xumurtanii baga nagaan gara hojii idileetti deebitan jechuun barbaada.Ergama Heeraa fi seeraan Manneen Murtiitti kenname sirnaan bahachuuf gaheen keessan ol’aanaa waan ta’eef akkuma kanaan duraa itti gaafatamummaa guddaa isinitti kenname qixa sirriin bahachuuf miira tajaajiltummaa fi kaka’umsa hojii horachuun tajaajila abbaa seerummaa kennuuf akka of qopheessitanin dhaama.
Bara 2019 kan adda isa godhu motummaan Nnaannoo keenyaa filannoo marsaa 7ffaa hordofee yeroo itti haaraan hundaa’e ta’uu isaa yammuu ta’u, manneen murtii keenyas isa kana akka carraatti fayyadamuun tajaajiltummaa uummataa mirkaneessuuf tajaajila abbaa seerummaa si’aayaa, dhaqqabamaa fi qulqulluu ta’e karaa bu’a qabeessa ta’een kennuun amantaa uummataa caalmaan horachuuf harka wal qabannee socho’uu kan qabnu ta’uun dhaamsa koo dabarsa.
Uuummanni naannoo keenyaas wal dhibdee jireenya hawaasummaa keessatti isin muudachuu malu bu’uura duudhaa Oromoo ganamaan akka hiikkatanniif gara manneen murtii Aadaatti akka geeffattan dhaamaa, kan sana irra drabe dhufe ammoo ragaa sobaa irraa bilisa karaa ta’een haqaa fi haqa qofaan dhimma keessan qabattanii akka dhuftan ergaa kiyya dabarsuun fedha.
Gama biraatiin hojiin haqa mirkaneessuu qaama tokko qofaan kan galma gahu waan hin taaneef qaamoleen mootummaa fi mit-mootummaa dhimmi ilaallatu manneen murtii keenya waliin ta’uun hojii haqaa fi ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu hojjatamuuf wal cinaa dhaabbannee akka wal utubnu waamicha dabarsaa keessumaa ammoo manneen hojii haqa mirkaneessuuf kallattiin itti gaafatamummaa qabdan; Abbaan Alangaa, Poolisii fi manneen sirreessaa gahee keessan bahachuuf qophii taatanii akka jirtan amantaan isin irraa qabu gamanumaan ibsuun barbaada.
Dhuma irrattis barri 2019 bara hojii milkaayaa hojjannee ol’aantummaa seeraa fi haqa mirkaneessinu akka nuuf ta’u hawwiin qabun ibsa. Horaa Bulaa !!
Otukkannaa Odaa (PhD)
Pirezidaantii MMWO
Fulbaana 20,2019
❤16👏2
👍10❤2
Labsii Lakk.268_2019 Gurmaa'insa aangoo.pdf
1.1 MB
Gurmaa'insa,Aangoo fi Hojii Manneen Hojii Qaamaa Raawwachiiftuu Aanaa
Labsii Lakk 267/2019 Fulbana 18 Bara 2019
❤20👍11
Gurmaa’ina Manneen Murtii Ol’aanaa Godinaalee Ilaalchisee Murtii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa
------------------------------------------------------------------------------
Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa Yaa'ii Ariifachiisaa 27ffaa, Fulbaana 21,2019 gaggeesseen bu'uura Labsii Gurmaa'insa, Aangoo fi Hojii Qaamolee Raawwachiiftuu Bulchiinsa Godinaalee, Aanaalee fi Gandoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk 267/2019tiin Godinaalee Oromiyaa bifa haaraan gurmaa'an bu'uureffachuun Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee  irra deebiin gurmeessuuf yaada murtii dhiyaate irratti maryachuun mirkaneesseera.
Haaluma kanaan Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee 21 kan turan gara 6tti dachaasuun Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee 6 haala haarawaan gurmaa'aniiru.
Haaluma kanaan Manneen Murtii Ol'aanaa Magaalotaa akkuma jiranitti  ta'ee Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee haaraa 6 gurmaa’an;
1.     Mana Murtii Ol'aanaa Godina Jiddugaleessa Oromiyaa
2.     Mana Murtii Ol'aanaa Godina Baha Oromiyaa
3.     Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Baha Oromiyaa
4.     Mana Murtii Ol'aanaa Godina Lixa Oromiyaa
5.     Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa ta'u.
6.     Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Baha  Oromiyaa ta'u.
 
Gama birootiin Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee gurmaa’insa duraatiin turan  ‘Dhaddachaalee Dhaabbii MMO Godinaalee’ ta'uun akka gurmaa’an  yaadni murtii dhiyaate mirkanaa’eera.
Dabalataanis Gumiin yaa'ii isaa kanaan Pirezidaantota Mana Murtii Ol'aanaa Godinaalee muudeera.Bu'uuruma kanaan;
1.     Obbo Galaanaa Tarreessaa-Pirezidaantii MMO Godina Kibba Bahaa Oromiyaa
2.     Obbo Guddataa Caalchisaa-Pirezidaantii MMO Godina Kibba  Oromiyaa
3.     Obbo Bukaar Kadiroo.Pirezidaantii MMO Godina Kibba Lixaa   Oromiyaa
4.     Obbo Toofiq Shamsuu-Pirezidaantii MMO Godina  Lixaa   Oromiyaa
5.     Obbo Zawudee Fiqaaduu- Pirezidaantii MMO Godina Baha Oromiyaa
6.     Obbo Mohaammed Xayib Nuuree-Pirezidaantii MMO Godina  Jiddugaleessa   Oromiyaa ta’uun muudamaniiru.
👍42❤27
👍13❤2👏2
Yaadachiisa Maamiltoota MMWO hundaaf
----------------------------
(Fulbaana 24,2019 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Komiin oliyyannoo kanaan dura Dhaddachoota Dhaabbii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaaf ergamaa ture hafee jira.Komiin oliyyannoo gaafa 21/1/2019 dura baname hanga xumura argatutti achumatti kan hordofamu ta'ee, komiin ol iyyannoo sana booda dhiyaatu Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaaf ta'ee kan irraa hordofamus Finfinnee Caffee Araara irraayi.
Walumaagalatti, komiin oliyyannoo kanaan dura Mana Murtii Ol'aanaa irraa gara Dhaddachoota Dhaabbiitti ergamaa ture hafee Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaaddacha Giddugaleessatti ergama jechuu dha.Komiin yemmuu barreeffamus 'Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti Dhaddacha Hariiroo Hawaasaa ykn Yakkaa' jedhamee kan barreeffamuu fi teessoon Finfinnee Caffee Araaraa ta'a jechuu dha.
Himannaan kallattii yeroof haaluma duraan waan itti fufuuf jijjiiramni hin jiru.
Oliyyannoonis haaluma kanaan duraan karaa E_Faayilaa kan ergamu dha.Odeeffannoo dabalataa Manneen Murtii keenya sadarkaan jiran kamuu irraa qaamaan argachuun ni danda'ama.
-------------------------------
Daayireektoreetii Keenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa
❤17👍7🥰2🔥1
Maqeeffama Dhaddachaalee Dhaabbii Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee Naannoo Oromiyaa
---------------------------------------
Akkuma beekamu Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee Naannoo Oromiyaa 21 turan gara 6tti dacha'uun isaanii ni beekama.Manneen Murtii Ol'aanaa Godinaalee 6n haala haaraan gurmaa'aniin alatti kan jiranii fi kanaan dura Manneen Murtii Ol'aanaa kan turan sadarkaa Dhaddacha Dhaabbii tti gurmaa'anii jiru.Dhaddachaaleen dhaabbii kunneenis;
1.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Giddugaleessa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Amboo fi Naannawaa Ishee
2.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Giddugaleessa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Walisoo fi Naannawaa Ishee
3.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Giddugaleessa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Naannawaa Magaalaa Adaamaa
4.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Lixa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Dambidoolloo fi Naannawaa Ishee
5.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Lixa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Gimbii fi Naannawaa Ishee
6.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Lixa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Naqamtee fi Naannawaa Ishee
7.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Lixaa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Mattuu fi Naannawaa Ishee
8.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Lixaa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Beddellee fi Naannawaa Ishee
9.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Yaaballoo fi Naannawaa Ishee
10.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Bulee Horaa fi Naannawaa Ishee
11.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Adoolaa Waayyuu fi Naannawaa Ishee
12.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Baha Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Naannawaa Magaalaa Harar
13. Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Baha Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Magaalaa Gindhiirii fi Naannawaa Ishee.
14.Mana Murtii Ol'aanaa Godina Kibba Baha Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Naannawaa Magaalaa Roobee
15.Mana Mirtii Ol'aanaa Godina Kibba Bahaa Oromiyaatti, Dhaddacha Dhaabbii Naannawaa Magaalaa Shaashamannee
----------------------------------------
Hubachiisaan:
1-Gurmaa'insi Manneen Murtii Olaanaa Godinaalee bu'uuraa Heera MNO kwt 64(1) tiin, Gurmaa'insa Godinaa Caffeen Fooyya'e bu'uura godhachuun kan taasifame, Aangoo Abbaa Seerummaatti Labsiin Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa Sadarkaan jiraniif kennamee( MMA, MMO fi MMWO) kenname irratti jijjiiramni taasifame kan hin jirre ta'uu;
2 Manneen Murtii Olaanaa Magaalotaa fi Manneen Murtii Aanaa Kutaa Magalootaa keessatti argaman Ilaalchisee jijjiiramni taasifame kan hin jirre ta'uu.
Via MMWO
❤18👍14
Criminal procedure and evidence law New published 2019.pdf
24.7 MB
Seera Deemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa Gaazexaa Seeraa (Nagaariit) irratti maxxanfameedha.

ነጋሪት ጋዜጣ ላይ ታትም የወጣ አዲሱ የወንጀል ሕግ ሥነ ሥርዓት እና የማስረጃ ሕግ ነው።
👍21❤3🔥2
Muudamaa fi Ramaddii Gargaartota Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa
-------------------------------
(Onkoloolessa 9, 2019 MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)-Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa Yaa'ii Idilee 231ffaa,Onkoloolessa 9,2019 gaggeesseen muudama Gargaartota Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa 97 (Dhi 67 fi Du 30) mirkaneessee jira.
Gargaartonni Abbaa Seeraa guyyaa har'aa muudamni isaanii mirkanaa'e Inistiituyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatti leenjii hojiin duraa waggaa tokkoof kennamaa ture fudhachuun gahumsaa fi naamusa amalli ogummaa Abbaa seerummaa barbaadu gonfachuun isaanii kan mirkanaa'edha.
Gargaartota Abbaa Seeraa guyyaa har'aa muudamni keessan mirkanaa'eef bara hojii gaarii akka isiniif ta'u hawwii qabnu ibsaa, guyyaa beeksifni kun maxxanfame irraa eegalee guyyoota 7(torba) keessatti Mana Murtii Ol'aanaa Godina itti ramadamtanitti argamuun gabaasa akka gootan ni hubachiifna.
❤12👏2